Oduu: Paartileen Walaayittaa lama waajjira MM dabalatee dhaabbilee mootummaa saddeet irratti himata banan

Finfinnee, Adoolessa 01/2023 – Paartiileen siyaasaa Paartii Dimookraatawaa Ummata Walaayittaa fi Sochii Biyaaleessaa Walayttaaa jedhamuun beekaman dhaabbilee mootummaa qabsoo gaaffii naannummaa ummanni Walaayittaa kaase duubatti deebisuuf hojjataniiru jedhe saddeet ta’an irratti himata banuu beeksisan.

Paartiileen lamaan himata waloon Addis Standard ilaale akka ibsutti, dhaabbileen mootummaa himanni irratti baname mana maree feedereeshinii feederaalaa, mootummaa feederaalawaa Dimookraatawaa Itroophiyaa (biiroo muummicha ministeeraa), boordii filannoo biyyaalessaa, Biiroo pireezidaantii Mootummaa Naannoo Saba, Sablammootaa fi ummatoota Kibbaa, Mana maree Saba, Sablammootaa fi ummatoota Kibbaa, bulchiinsa godina Walaayittaa, mana mare godina Walaayittaa fi koree giddugala paartii badhaadhinaa ta’uu addeesseera.

Himanni paartiileen banan kuni qaamoleen mootummaa olitti eeraman kunneen gaaffii mirgaa naannummaan ijaaramuu ummata Walaayittaa danquuf hojjataniiru jechuun mana murtii olaanaatti himanni seeraa irratti banuu addeessaniiru.

Akka ibsichaatti, qaamoleen kunneen mootummaa feederaalawaa Dimookraatawaa Itroophiyaa (biiroo muummicha ministeeraa), Biiroo pireezidaantii Mootummaa Naannoo Saba, Sablammootaa fi ummatoota kibbaa (SSUK), bulchiinsa godina Walaayittaa fi koree giddugala paartii badhaadhinaa dhuunfaa fi waloon gurmaa’uun gaaffii mirgaa naannoon ijaaramuu ummanni Walaayittaa gaafate “humnaan danquuf hojjachuun” walqabatee lubbuu balleessuu, qaama miidhuu, mirga nammuumma sarbuunii fi gochaa sukanneessaa raawwachuun yakkamaniiru.

Manni maree feedereeshinii feederaalaa murtee Waxabajjii 02 ALI’tti dabarseen gaaffii fi iyyannoo ummanni Walaayitaa dhiyeesse waggaa lama keessatti murteen akka kennuuf dhiyaateef osoo hin murteessiin erga tursiisee booda wixinee labsii manni mare godina Walaayittaa dhiyeesseef raggaasisuun godina Walaayyitaa godinootaa fi aanaalee biroo wajjiin akka naannoo tokkootti akka caaseeffamu fudhachuun riifarandamiin akka gaggeeffamu eeyyamuun labsiii mana marichaa keeyyata 1261/2013 haala faalleessuun ajaj dabarseera jedhe.

Akkasumas, boordiin filannoo biyyaalessaa, mana maree Saba, Sablammootaa fi ummatoota Kibbaa fi mana maree godina Walaayittaa wixinee labsii mootummaan godina Walaayittaa godinoota olla biroo wajjiin akka naannootti akka caaseeffamu dabarse raggaasisuun, riifarandamii seerri biyyattii hin deeggarre akka gaggeeffamuuf murteessuudhaanii fi gaaffii ummataa cinaattti dhisuun ergama paartiin badhaadhinaa itti laate hojiirra oolchuuf hojjachuun yakkeera.

Kanumaan walqabtee, dhaabbileen sarbiinsa mirga namoomaaa raawwataman, lubbuu darbee fi namoota qaamaan miidhamaniif seeraan akka gaafatamanii fi badii raawwatameef beenyaan barbachisaa ta’e akka kaffalamu kan gaafatan ta’uu paartileen ibsa kanaan eeraniiru. Yakkamtoonni kunneen ifatti ummata Walaayittaa dhiifama gaafachuun mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu ummatichaa akka kabajamuuf akka murteeffamuu paartileen gaafataniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.