Xiinxala oduu: Kaayyoo biyya Oromiyaa jedhamtu ijaaruun rakkoo diinagdee fi siyaasa Oromoo furuuf hojjechaa jirra: Lammii Gammachuu

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Adoolessa 03/2023 – Addi Bilisummaa Oromoo paartilee umrii dheeraa lakkoofsisan keessaa adda duraaman kan waamamudha. Barana 2023tti hundeeffama isaa waggaa shantamaffaa kabajatee jira. Itti gaafatamaa sab-qunnamtii ABO, Lammii Gammachuu dhimma bu’uura hundeeffama dhaabichaa, rakkoolee dhaabichi waggoota shantaman darban keessa isa mudatee, hanqina isaa fi milkaa’ina inni uumata Oromoof gonfachiise irrarti Addis Standard waliin turtii taasiseera. 

Imala ABO – hundeeffama irraa kaase

Waldaa Maccaaf Tuulamaa fi fincila qonnaan bultoota Baalee Addi Bilisummaa Oromoo akka hundaa’uuf kanneen gargaaran keessaa isaan ijoo ta’uu hima Lammiin. Kana malees sochii baandii Arfan Qalloo dadammaqiinsa siyaasaa fi aadaa Oromoo keessatti gahee guddaa tapahachuu hime.

“Sababa Addi Bilisummaa Oromoo akka hundaa’u godhan keessaa cunqursaa ummataa Oromoo irraa abbaa irree, sirna bita fi gabromfataa Itoophiyaadha. Sirni kun lafa sabaaf sablammoota saamuun sirna gabbaraa diriirsee, qotee bultoota lafa isaanii irraa buqqisee gabbaranii akka bulan taasise ture. Qabsoon ummata Oromoo rakkoo kanaa furuuf taasisu akka hogganuutti bara 1973tti ABO hundeesse. ABOnis hojii siyaasaa bara 1973 irraa eegale hojii siyaasaa hojjechaa turuus, sagantaa fi imaammata isaa kan qopheesse bara 1976tti,” jedhe Lammiin.

Akka Lammiin jedhutti, baruma 1976 keessatti kora bu’ureesssaa kan jaqalabaa kanneen akka Baaroo Tumsaa, Diimaa Nagawoo, Muhee Abdoo, Magarsaa Baarii, Abboomaa Mitikkuu fa’a irratti hirmaatan Finfinneetti godheen sagantaa fi imammataa siyaasaa isaa qopheesse ummata Oromoof ifa godhe. Yerooma kanatti ABOn hogganoota isaa filatee, Diimaa Nagawoo, Duraa Ta’aa ABO jalqabaa taasisuun filate. 

“Kaayyoon bu’uuraa ABO, ummata Oromoo hiree murteeffannaa akka gonfatuu taasisudha. Mirga ummanni Oromoo sadarkaa siyaasaa isaa bilisaan murteeffachuuf qabu dhugoomsuuf, abbaa biyyummaa diinagdee ummata Oromoo mirkaneessuuf, akkasumas mirga hawaas-aadaa ummata keenyaa dhugoomsuuf qabsoofna.”

Sababa haalli siyaasaa biyyattii yeroos ture qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf kan mijatu waan hin turreef bara 1978 ABOn qabsoo hidhannootti seenuuf murteesse.  Bara 1991 yeroo sirni dargiin kufu ABOn Adda Bilisummaa Uumataa Tigraay (ABUT) waliin ta’uun mootummaa ce’umsaa ijaaruus, adeemsa keessa rakkoo siyaasaa isaan lamaan gidduu mudateen mootummaa ce’umsaa keessa of baasuun gara dirree qabsoo hidhannootti deebi’e. 

Haala sana keessa biyyaa baafamee qabsoo yeroo gaggeessaa jirutti bara 2011tti paarlaamaan Itoophiyaa akka jaarmayaa shororkeessaatti moggaase. MM Abiy Ahmad gara aangootti dhufuu isaa hordofee bara 2018 himata shororkeessummaan irraa kaafamee gara biyyaatti akka deebi’u taasifame.  

ABOn bara 2018tti yeroo gara biyyaa deebi’u Finfinneetti simannaan taasifameefi ture

Milkaa’ina waggoota shantaman darban 

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) erga hundaa’ee wantoota milkeesse hedduu jiraachu kan hime dubbii himaan ABO Lammii Gammachuu, uummatni Oromoo qorqalbii tokko akka qabaatu fi mirga isaa gaafatu taasisuu, akkasumas uummatni afaan ofiin akka baratuu fi akka dagaagfatu taasisuu hima. “ABOn duraa Oromoon meeshaa walqunnamtii tokko hin qabu ture. Afaan Booranaa, Afaan Gujii jechaa waama ture. Loqodaan bakka hedduutti hiramee ture. Garuu ABOn qabsoo ijibbaata taasiseen kana hundaa gochuu danda’eera.”

Kana malees, Oromiyaa amma jirtu kana sirna mootummaa federaalizimii keessatti caaseessu irratti gaheen dhaabichi qabu guddaa ta’u hime. “Kaartaa Oromiyaa jedhamtu akka lafa bu’uu kan godhe qabsoo ABOti,” jedhe.

Umurii waggaa shantama lakkoofsise kana keessatti ABOn rakkoo hedduu isa mudachaa ture dandamatee asiin gahuu hima, itti gaafatamaan sab-qunnamtii dhaabichaa Lammii Gammachuu. “Ukkaamsa mootummaa, qoqqodiinsa keessoo fi deeggarsa idil addunyaa dhabuu isa mudachaa ture dandamatee asiin gahuu isaa milkaa’ina isaa keessaa isa eeruun ni danda’ama.”

Wantoota ABOn osoo hin milkeessiin hafe 

ABOnis akkuma paartilee kaanii  waan milkeesse fi hin milkeessine qaba. Kaayyoo biyya Oromiyaa jedhamtu ijaaruun rakkoo diinagdee fi siyaasaa uummata Oromoof furmaata itti kennuuf qabsa’aa jirra. Hojii gurguddaa kaayyoo kana galmaan gahuuf nu dandeessisu hojjenne jira. Garuu ammas wantoota hin milkeessine ijootu jira,” kan jedhe Lammiin, “kaayyoo keenya Oromoo fi Oromiyaa bilisa baasuun mirga namoomaa fi hiree murteeffannaa Oromoo mirkaneessudha. Kun ammaaf hin milkoofne, milkeessuuf yeroo kamuu caalaa hojjachaa jirra,” jedhe.

Karoora gara fuulduraa… 

“ABOn ammallee kaayyoo ganamaa qabate milkeessuuf qabsoo itti fufa,” jedhe dubbii himaan ABO Lammii Gammachuu. “Waggaa shantamaffaa dhaaba keenya yeroo kabajnu imaanaa keenya haaromfannee qabsoo saba keenyaa itti jabeessuuf humna godhanneeti. Mirga fi dantaa ummata Oromoo kabachiisuuf daran hojjachaa jirra, hojjechuus itti fufna.” 

Kana malees, ABOn yeroo amma kanaa paartilee siyaasaa 17 ta’an wajjiin hojjachaa jiraachuu himeera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.