Oduu: Hojjettoonni warshaa sukkaara Finca’aa 10,000 ol ta’an sababa miindaan isaanii addaan citeef rakkoof saaxilamuu himan

Warshaa sukkaara Finca’aa

Abdii Biyyansaatin @ABiyenssa

Finfinnee, Adoolessa 03/2023 – Warshaan sukkaara Finca’aa ji’oota lama darbaniif hojjettoota isaaf miindaa osoo hin kaffaliin darbuu isaarra kan ka’ee hojjattoonni warshichaa sababa harkifannaa miindaan rakkachaa jiraachu himan. Warshaan sukkaara kun hojjettoota waliigalaa kuma kudhanii kan qabu yoo ta’u, kana keessaa naannoo kuma lamaa hojjettoota dhaabbataadha.

Hojjetaan warshaa sukkaara kanaa tokko sababa nageenyaatiin maqaan isaa akka hin ibsamne gaafatee Addis Standarditti akka himetti, “hojjettoonni warshicha keessatti qacaramanii jiran sababa harkifannaa miindaatiin rakkachaa jiru, jireenya isaanii itti fufsiisuuf wantoota bu’uuraa bitachuu dadhabaniiru,” jedhe.

Itti dabaluudhaanis “hojjattoonni warshichaa Xaafii, Zayitii, Qamadii fi wantoota bu’uuraa maatii isaanii sooru biroo bitachuu dadhabaa jiru” jedhe.

Hojjetaan warshichaa kan biraa “sababa nageenyaa fi rakkoo harkifannaa miindaatin, barattoota Yuunivarsiitii keenyaaf maallaqa erguu dadhabne, maallaqa erguu dadhabuu keenyaan ijoollee barnoota isaanii yunivarsiitii fi kolleejjii dhuunfaa kutaa biyyattii adda ta’e keessatti hordofaa jiran rakkoof saaxilamaa jiru,” jiru jedhe.

Itti dabaluunis, hojjetaan sababa harkifannaa miindaa fi sababoota nageenyaa fedhii bu’uuraa isaanii guutuuf rakkachaa jiran beelaaf saaxilamaa jiraachuu hime. 

Haalimaa [maqaan sababa nageenyaaf kan jijjiirame] hojjettuu warshichaa biraati. Rakkoo harkifannaa miindaa kanaan walqabatee jjoolleen ishee mana barumsaa oolmaa daa’immanii akka hin hordofne isaan taasisuun sababa kanaanis mana barumsaa irraa ari’amu himte. 

Itti dabaluunis hojjettoonni warshichaa tajaajila bu’uuraa warshichi nageenya isaaniif kennu, kan akka huccuu ittisaa, shukkaara fi saamunaa argachaa akka hin jirre dubbatte.

Baatii Caamsaa bara kana waraana humnoota mootummaa fi  Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aa keessatti uumameen walqabatee warshaan sukkaara Finca’aa kan godinicha keessatti argamu barbadaa’uu fi saamamuu hordofee oomisha dhaabuun isaa ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.