Oduu: Dodolaatti maanguddoon tokko waggaa 41 booda barnoota addaan kutanitti deebi’uun barana qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhatan 

Finfinnee, Adoolessa 04/2023 – Godina Arsii Lixaa aanaa Dodolaatti maanguddoon bara 1974 ALI barnoota kutaa 7ffaatti adda kutanii turanitti deebi’uun waggaa 41 booda barana qormaata kutaa 8ffaa fudhachuu odeeffannoo Kominikeeshiniin Godina Arsii Lixaa irraa argame ni addeessa. 

Maanguddoon qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhatan kun Obbo Usmaan Waabee jedhamu. Jiraata Magaalaa Heerarooti.  Bara 1974 barnoota Kutaa 7ffaatti adda kutuun gara adda waraana mootummaa Dargiitiin humnaan ergaman. Sababa  sana irraa kan ka’e, barnoota adda kutan.

Erga mootummaan Dargii aangoo irraa qaari’ee booda gara biyyatti deebi’uun hojii waardiyyummaatiin Misooma Qonna Heerarootti qaxaraman. Erga sanaa bultii horachuun ijoollee sadi kan argataniifi isaanis barsiisuun Yuunivarsiitii akka galan taasisan.

Bara kana ammoo isaanis barnoota  waggaa 41f addaan kutan itti deebi’uun barachuu murteessuun mana barnootaa Heerarootti barnoota eegalan. Murannoo fi kutannoo jiraatnaan barnoota akka nama hin daangessine qabatamaan agarsiisuun barana waggaa 41 booda  qormaata naannoo kutaa 8ffaa fudhataniiru.

Gara fuulduraattis barnoota itti fufuun hanga Yuunivarsiitii barachuuf kaayyoo qabaachuu himan.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.