Oduu: Mootummaan Itoophiyaa daldala daangaa Jibuutii fi Sudaan Kibbaa wajjiinii too’achuuf seera tume

Finfinnee, Adoolessa 04, 2023 – Mootummaan Itoophiyaa daldala al-idilee daangaa jibuutii wajjiin gaggeeffamuuf beekamtii kennuu fi too’achuuf seera baasuu beeksise. Seerri bahu kuni daldala al-idilee biyyoota lameen gidduu jiru seeraan to’achuuf fi beekamtii kennuuf kan fayyadu ta’uu ministeerri daldalaa fi tokkuummaa’uu naannoo Itoophiyaa addeesseera.

Itti aanaan ministeera  daldalaa fi hariiroo naannoolee Kaasaahun Goofee Kibxata darbe akka jedhetti, murtee dabarsuun dura seerichaaf galtee ta’an irratti bakka bu’oonni biiroo daldalaa biyyoota lamaanii giduuttii mariin taasifamaa jiraachuu ifa taasiseera. Akka Kaasahunitti, seerichi faayidaa ummata daangaa biyyoota lamaaniitiif argamsiisuuf gahee guddaa taphata jedheera.

Oduun kuni kan dhufe battaluma waliigalteen daldala daangaa biyyoota lamaan giduutti bara 2015 keessa mallatteeffamee boodadha. Amajjii 2023 jilli Itoophiyaa Kaasaahun Goofeetiin hogganamu jibuutii daawwachuun daldaala alergii meeshaalee tokko tokkoo akkaataa waliigaltee daldala daangaatiin kan eeyamamu ta’uu mari’atanii ture.  

Akkaataa seerichaatiin, namoonni daldala alidilee raawwatan ji’a tokko keessatti meeshaalee hammaa $1,000 baasu geejjibuun kan eeyyamamu ta’uu Addis Standard bareera. Daldalli daangaarraa kanaan meeshaaleen Itoophiyaatii ergaman kan akka loon, omisha loonii, kuduraa fi mudraa, boqqolloo qaraxa tokko malee gara Jibuutii akka ergatan eeyyamameera. Karaa biraatiin, meeshaalee 20 ta’an kan akka zayita nyaataa, sukkaaraa fi ruuzii  Jibuutii irraa gara biyyaa akka galan eeyyamameera.

Daldaltoonni kunneen damee komishinii gumruka Itoophiyaatii galmaa’anii beekamtii fi eeyyama daldala argachuu qabu jedheera. Kana malees, meeshaalee isaanii gatii mootummaan naannoo fi feederaallaa baasetti gurguruu qabu.

Gochi daldalaa kuni qaama daldala bilisaa biyyoota Afrikaa gidduu kan Gamtaan Afrikaa jalqabsiise keessaa tokkoodha.yeroo ammaa kanatti biyyoonni Afrikaa kudhanii gadi ta’an daldala kana eegalaniiru. Haa ta’u malee, seera baaftonni daldala kana eegalsiisuuf sadarkaa dhumaarra gahuun Kaasaahun himee ture.

MM Abiy Ahmad(PhD)  bara 2018 aangoo qabatee yeroo xiqqoo booda  bulchiinsi isaa daldala walabaa Afrikaa kanaa dhugeessuuf kutannoo kan qabu ta’uu addeessee tiure. Waggaa sadi dura pireezidaantii Keeniyaa Uhuuuruu Keeniyaataa wajjiin daldala daangaarraa eegalsiisanii ture.

Ministeeerri daldalaa fi hidhata naannoolee  seera daldala daangaa Sudaan Kibbaa wajjiin godhamu too’achuu fi daldala meeshaa waggaatti gatii daldalaa birrii 240,000’tti tilmaamamu biyyoota lamaan gidduutti godhamu mijeessuuf kan oolu ta’uu dha. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.