Oduu: Manni Maree Federeeshinii hundeeffama naannoo 12ffaa “Naannoo Kibba Itoophiyaa” irratti sagalee guutuun murtee dabarse

Finfinnee, Adoolessa 05/2023 – Miseensonni Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaa naannoo haaraa godinaalee jahaa fi aanaalee addaa shan qaama Naannoo Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Kibbaa turan irraa bocame akka uumamu murtee sagalee guutuun dabarsaniiru.

Naannoon haaraa “Naannoo Kibba Itoophiyaa” jedhamu kun, Itoophiyaa keessatti naannoo 12ffaa, akkasumas rifarandamii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa waggoota afran darban keessatti gaggeesseen naannoo haaraa hundeeffame 3ffaa ta’a.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa rifarandamii kana kan gaggeesse erga manneen maree naannoo godinaalee fi aanaalee addaa naannoo Kibbaa hedduu bara darbe ji’a Hagayyaa keessa irra deebiin gurmaa’uu fi walitti makamuun naannoo haaraa uumuuf murteewwan dabarsanii boodadha. 

Miseensonni mana maree godina Haadiyyaa, Halaabaa, Kambaataa Tambaarroo fi Silxee, akkasumas aanaa addaa Yam walitti makamuun naannoo haaraa uumuuf sagalee kennannis hanga ammaatti osoo hin raggaasifamiinif naannoo Kibbaa keessa hafaniiru.

Murtee har’aa Mana Maree Federeeshinii dabarse hordofuun godinaalee jaha: Koonsoo, Gede’oo, Gaamoo, Goofaa, Omo Kibbaa, fi Walaayittaa, akkasumas aanaalee addaa shan: Amaaroo, Alee, Baaskeettoo, Burjii fi Daraashee naannoo Kibbaa duraanii keessaa bahuun irra deebiin naannoo tokko “Naannoo Kibba Itoophiyaa” jedhamu jalatti gurmaa’u. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.