Oduu: Jiraattonni haleellaa dhiheenya kana Lixa Oromiyaa keessatti raawwatameen qe’ee isaanii irraa buqqa’an beelaan hubamaa jiraachuu himan

Buqqaatota dahoowwan yeroo godina Wallagga Bahaa aanaa Saasiggaatti argaman keessa jiraachaa jiran. (Suuraa: ICRC)

Geetaahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Adoolessa 05/2023 – Jiraattonni godinaalee Horro Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa haleellaa “hidhattoota Amaaraa Faannootiin” qe’ee isaani irraa buqqaafaman beela hamaa dabalatee gaaga’ama namoomaa hammaataa keessa jiraachuu Addis Standarditti himaniiru.

Namoonni buqqa’an kunneen gargaarsa namoomaa homaayyuu hin argatin jiraachuu ibsuun sodaa nageenyaa, beela, rakkoo dahoo itti qubatanii fi haniqna tajaajila fayyaatiif saaxilamuu addeessaniiru.

Qonnaan bulaan godina Horro Guduruu aanaa Amuruu ganda Siidan Barkallee irraa buqqa’uun gara aanaa Giddaa Ayyaanaatti dheesse maqaan isaa akka hin eeramne gaafate haleellaa gandasaatti mudateeen haadha manaa isaa fi mucaansaa tokko jalaa ajjjeefamuu himeera.

Hokkora Waxabajjii 10, 2023 gareen hidhattoota “Faannoo” jedhaman kun raawwataniin ganda isaa Siidan Barkalleetii dheessee gara aanaa biraatti deemuu himeera. Gareen hidhattoota kunneen miseensota maatiisaa jalaa ajjeessuu ibseera. “Mucaa koo haadhasaa wajjiin walirratti rukutanii na jalaa ajjeesan,” jechuun maatii isaa keessa nama lama rasaasaan ajjeefamu hime.

Qonnan bulaa qe’eesaarra buqqa’uun gara aanaa Giddaa Ayyaanaa baqatee jiru kan biraan rakkoon isaan keessa jiran ulfaataa ta’uu hime. “Ani magaala keessa naanna’ee kadhaadhaan waan argadhuun sooradhee jiraachaa jira,” jedhe. Mootummaas ta’ee qaamni miti mootummaa gargaarsa isaaniif laate kan hin jirre ta’uu buqqa’aan kun ibseera.

Gareen hidhattootaa kunneen naannoo Amaaraa irraa dhufanii loonii fi qabeenyi biroo saamamuu fi manni jireenya isaa gubachuu himeera. Akka jiraataa kanaatti, gandoota aanaa Amuruu jala jiran sadii alatti gandoota hunda keessaa jiraattonni jiran buqqa’anii dheessaniiru.

Jiraataan godina Wallagga Bahaa, aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Buutee Guddinaa kan ta’an obbo Dhaabaa jedhamu “gadadoo ulfaataa” keessa jirra jedhan. “Ganda keenyatti deebinee qonna keenya akka hin hojjannee haalli achi jiru sodaachisaadha. finxaaleyyiin Amaaraa mana fi miidhaan keenya abiddaan gubaniiru,” jechuun rakkoo xaxamaa keessa jiraachuu ibseera.

Obbo Dhaabaan maatii miseensa 11 of keessaa qabu qabatanii magaalaa Giddaa Ayyaanaa keessa jiraachaa kan jiran ta’uu ibsuun gargaarsi mootummaan maatii tokkoof taasisaa jiru nama tokkoofuu gahaa miti jedhe. Maatii hedduu mana tokkotti waloon boqochaa jiraachuus dabalee ibseera.

Jiraataan kuni magaaluma Giddaa keessa naanna’uun kadhannaa irratti bobba’ee jiraachuu himeera. “Mootummaan humnoota finxaaleyyii kana ganda keenya keessa socho’an kanneen yoo buqqise malee qonnaanbulaan nageenya argachuu hin dandeenye,” dabalee jedhe.

Sagalee gaddaa dhageessisaa, “Qonnaanbulaan rakkoo hammana hin jedhamne keessa jira. Yoo Waaqayyoo bara fidee nu dabarse malee dubbachuufis ni ulfaata,” obbo Dhaabaan jedhe.

Dhaabbatta Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (UNOCHA) gabaasa baaseen, godinoota Wallaaggaa afran keessa rakkoon tasgabbii jiraachuu eeruun tajaajilli gargaarsa namoomaa danqamuu beeksiseera.

Akka gabaasa OCHA’tti, rakkoo tasgabbii godinoota Wallaggaa afran keessa jiruun walqabatee gaaga’amni namoomaa ulfaataan jiraachuu ibseera. Rooba gannaa fi kuusaa bishaanii uamuun walqabatee dhibeen busaa babal’achaa jiraachuu addeesseera. Godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti namoonni 272, 400 ta’an dhukkubichaan faalamuu gabaasichi ifa taasiseera.

Kana malees, buufatoonni fayyaa harka 63 ta’an godinaalee Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Horro Guduruu Wallaggaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti argaman tajaajila kennaa hin jiranis jedheera. Sababa rakkoo nageenyaatiif aanaalee godinicha keeessatti argamanitti socho’anii tajaajila fayyaa kennuun kan hin danda’amne ta’uu ifoomseeera.

“Waraanni jiruu fi karaan cuufamuun” walqabatee dhaabbileen gargaarsa namoomaa tajaajila lubbuu bararuu gaggeessuu kan hin dandeenye ta’uu gabaasichi ibseera. Hir’inanni dhiyeessi qoricha farraa busaa fi meeshaalee tajaajila fayyaa jiru tajaajilli fayyaa akka danqamu taasisuu addeesseera.

Haleellaa “hidhattoota naannoo Amaaraa” kan daangaa qaxxamuranii gara naannoo Oromiyaa godina Horro guduruu fi Wallagga Bahaa ce’uun Waxabajjii 16, 2023 haleellaa raawwataniin namoonni sadeet ajjeefamuu, 13 madaa’uu fi 15 ol ammoo achii buuteen isaanii dhabamuu Addis Standard gabaasee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.