Oduu: Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti haleellaa “gareen Faannoo raawwateen” namoonni saddeet ajjeefaman, 13 madaa’aniiru

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu, (Suuraa: Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Kiiramuu)

Abdii Biyyansaatiin  @ABiyenssa

Finfinnee, Waxabajjii 20/2023 – Garee hidhattoota al-idilee, “Faannoo” jedhamuun beekamu naannoo Amaaraa irraa ka’ee gara naannoo Oromiyaa, godina Wallagga Bahaa, aanaa Kiiramuu ganda Waastii jedhamutti ce’uun haleellaa Waxabjjii 16, 2023 ganama sa’aatii 12 ALI irraa kaasuun raawwataniin lubbuun namoota saddeet yeroo darbu, namoonni 13 ol madaa’u fi namootni 15 ol ammoo achi buuteen isaanii dhabamuu jiraattotni Addis Standarditti himan.

Jiraataa aanaa Kiiramuu, ganda Waastii maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko yaada Addis Standarditti laateen, “gareen hidhatee naannoo Amaaraa irraa ka’ee daangaa Oromiyaa keessatti seenuu barii gara sa’aatii 12 irratti haleellaa baneen namoonni saddeet battalumatti ajjeefamaniiru, 13 ol ammoo madaa’aniiru fi 15 ol ammoo achii buuteen isaanii dhabameera,” jedhe.

Namootni ajjeefaman kunneen umuriin isaanii waggaa 20 hanga 58 akka ta’e kan hime jiaataan aanichaa kun, maqaadhaan Bayyanaa Bakaree, Oljirraa Toleeraa, Amanuu Hirkoo, Haayiluu Itichaa, Asaayyee Bayyanaa, Toleeraa Hirphaa, Tamasguu Yaayyaa, fi Biqilaa Baqqaaluu kan jedhaman ta’uu Addis Standarditti himeera. 

Jiraataan aanicha biraa ammoo gareen hidhatee kun weerara gandoota godina Wallagga Bahaatti gaggeesseen loowwan qonnaan bultoota 3000tti tilmaamaman saamamuu himeera. “Gandoota Wallagga Bahaa keessa, kanneen akk Waastii, Jirmaa Dongoroo fi Ajanaa jedhamanii keessa garee hidhatee kanaan loowwan qotee bulaa gara 3000tti tilmaamaman irraa fudhatameera.” 

Jiraataan ganda Jirmaa Dongoroo kan ta’e Addisuun [maqaan sababa nageenyaaf kan jijjiirame] akka Addis Standarditti himeen jecha jiraattotni biroo laatan cimsuun, “halkaniin bakka uummanni rafee jirutti lola irratti banuun namoota saddeet ajjeesuun, kaan madeessu fi achi buutee dhabamsiisuun, loowwan gara 3000 siqu saamanii deemaniiru,” jedhe. 

Hogganaa Kominikeeshinii Aanaa Kiiramuu kan ta’e Jireenyaa Hirphaa dhimma kan ilaalchisee yaada Addis Standarditti laateen gareen hidhattoota al-idilee Faannoo jedhamu kun gandoota aanaa Kiiramuu afur keessatti buufata waraanaa dhaabuu hime. 

“Gareen finxaaleeyyii kun [Faannoo] gandoota aanaa Kiiramuu keessa jiran kudhan keessaa gandoota afur [gandoota Baagil, Caffee Guddinaa, Margaa Jireenyaa fi magaalaa haaroo] irratti buufata waraanaa dhaabbataa ta’ee hundeesse jira. Gandoota jaha keessa ammoo sochii ni taasisa.” 

Akka hogganaan kominikeeshinii aanichaa jedhutti, gareen “Faannoo” jedhamu kun haleellaa tibbana gaggeesseen qabeenya mootummaa, kan namoota dhuunfaa  fi lubbuu namoota nagaa irratti miidhaa geessiseera. “Gareen finxaaleeyyii kun gandoota aanaa Kiiramuu lakkoofsaan kudhan ta’an keessatti namoota Afaan Oromoo dubbatan addaa baasee irratti haleellaa bane. Namni Afaan Oromoo dubbatuu kamuu yoo argame garee kanaan ni ajjeefama.” 

Adoolessa bara 2013 ALI kaasee haleellaa qindaa’ee, ajjeechaa fi saamicha garee Faannoo jedhamu gaggeessaa jiru amma daran hammaachaa dhufuu hima obbo Jireenyaan. 

“Gareen finxaaleeyyii kun meeshaa gurguddaa kan akka bireelii fi diishiqaa hidhatee fi baay’ee of ijaaree kan socho’udha. Duraa leenjii waraana kan gaggeessu naannoo Amaaraa keessatti ture, amma garuu bakka leenjii waraanaa Oromiyaa keessatti banatee socho’aa jira.”

Kominikeeshinii Aanaa Kiiramuu haleellaa tibbana raawwatame ilaalchisee ibsa Waxabajjii 16 fuula feesbuukii isaa irratti maxxanseen, qaamni hidhatee kun adeemsa deemogiraafii (qubsuma uummataa) jijjiiruu hojjachaa jira jedhe. Bifa walfakkaatuun hogganaan Kominikeeshinii Aanaa Kiiramuu obbo Jireenyaa Hirphaa yaada Addis Standarditti laateen, “laficha irraa qotee bulaa Oromoo buqqisuun namoota Afaan Amaaraa dubbatan irratti qubsiisaa jiru, akkasumas lafichaa irratti qotiisa baball’ifachaa jiru,’ jedheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.