Oduu: Artiist Halloo Daawwee wal’aansaaf hospitaala seente, deeggarsa uummata Oromoos gaafachaa jirti

Weellistuu Halloo Daawwee

Abdii Biyyansaatiin ABiyenssa

Finfinnee, Waxabajjii 20/2023 – Artistoota angafoo Oromoo keessaa tokko kan taate Artiist Halloo Daawwee dhukkuba sukkaaraan dhibamtee wal’aansaaf hospitaala seenuu Addis Standard maatiirraa odeeffateera. Wal’aansaaf hospitaala Riifti Vaalii magaalaa Adaamaatti argamu keessa kan jirtu Halloo Daawwee erga hospitaala seente guyyoota shanii ol ta’eera. Dhibee sukkaaraa fi dhibbaa dhiiga ishee ol ka’ee mana yaala seenu isheef sababa ta’uu maatiin Addis Standarditti himaniiru. 

Obboleettiin Halloo, Hindii Abdulahi, Artist Halloon dhibee sukkaaraa fi ol dabaluu dhibbaa dhiigaan irraa deddeebiin akka ishee hubuu Addis Standarditti himtetti. Yeroo ammaa kanas wal’aansa baqaqsanii yaaluuf beellamni akka qabameefi jiru himteetti. Itti dabaluun, Artiist Halloo Daawween deeggarsa akka ishee barbaachisuu fi uummatni Oromoo bifa hundaan akka ishee cinaa dhaabbatu dhaammateetti. 

Magaalaa Dirree Dhawaa ganda Dullota jedhamutti bara 1957 akka lakkoofsaa Itoophiyaatti kan dhalatte Artisti Halloo Daawwee, hojii muuziqaa ishee umrii waggaa 15tti eegalte. Muuziqaa ishee keessatti warra sagalee hin qabneef sagalee ta’uun dhageessisaa turte. Hojii muuziqaa ishee kan jalqabde magaalaa Dirree Dhawaa baandii Afran Qalloo kesssa ture, sanaa booda hawwisoo Biiftuu Biyya Teenyaa jedhamu keessatti itti fuftetti.

Artiist Halloo Daawwee sirboota kan akka Ededa Jireenyaa, Obboleessi Gaarii, Wal hora warra keessanii, Sababni itti naan oodu maalima, Baabura Yaabbadheen Dhufaa Na Eegi Yaa Shamarmari fi kanneen biroo weellisuun beekamti guddaa horateetti.

Artist Halloo Daawween haala siyaasaa fi diinagdee Oromoon Itoophiyaa keessatti irra gahaa ture hubannoo uumuun weelluutin hojjachaa turte. Akkasumas, waa’ee barbaachisummaa jireenya hawaasummaa, Aadaa, Seenaa, dhudha fi Aadaa Oromoo fi itti gaafatamummaa jireenyaa dachee kana irratti jiru weellistetti. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.