Oduu: Daandiin Wallagga Lixaa fi Godina Kamaashii walqunamsiisu sababa rakkoo nageenyaan cufamee ture irra deebiin hojii eegale

Aanaa Kamaashii, (Suuraa: Nagaasaa Dasaalanyi/DW)

Finfinnee, Waxabajjii 21/2023 – Tajaajilli geejjibaa magaala guddoo godina Wallagga Lixaa kan taate Gimbii fi naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti godina Kamaashii wal qunnamsiisu sababa rakkoo nageenyaan addaan citee ture irraa deebiin hojii eegaluu beeksifameera. Sababa rakkoo nageenya daandiin cufamee gatiin meeshaalee baay’ee dabaluu isaa ‘DW Amharic’ jiraattota wabeeffachuun gabaaseera. 

Ergaa daandiin kun cufamee ji’oota afur lakkoofsise booda konkolaattonni imala jalqabaniiru. Haa ta’uu iyyuu malee konkoolatonni tajaajila geejjibaa jalqabaniis ammas qaala’insa jireenya naannoo kana akkuma itti fufeetti jira jedha gabasni DW.

Jiraattonni godina Kamaashii akka jedhanitti magaalaa Gimbii fi godina Kamaashii jidduu daandiin caccabuu fi rakkoo nageenyaan walqabatee Bitootessa bara kanaa irraa eegalee erga addaan citee ji’oota afur akka ture fi sababa cufamuu daandii kanaatiin jireenya namootaa daangeessuu dabalatee gatiin meeshaalee bu’uuraa irratti daballiin guddaan akka mul’ate ibsaniiru. Itti dabaluunis, konkolaattonni godinicha seenaniis ammallee daballiin gatii oomishaa akka jiru miidiyaa DWtti himaniiru. 

Jiraattuu godina Kamaashii kan taate Aadde Askaalachi Amanuu, torbee darbe Jimaata irraa eegalee oomishaalee garagaraa konkolaataan geejjibsiifamaa akka jiran, haata’u malee ammas gatii muduraa fi kuduraa dabalatee daballii gatii baay’ee ol ka’aa ta’e jiraachuu himte. Jiraataan magaalaa Najjoo kan biraas yaada adde Askaalachi kennite deeggaruun qaala’insi gatii jiraachuu kaaseera.

Bakka bu’aa Kominikeeshinii Godina Kamaashii kan ta’e Jermoosaa Taganyii gama isaatiin, daandiin banamuus qaala’insa gatii oomishaalee jiraachu himeera. Rakkoo kana furuuf hojjachaa akka jiraniifi meeshAalee bu’uuraa ta’an guyyoota sadiif raabsaa akka turan, akkasumas nageenyaaf jecha konkolaattonni naannoo kana keessa sosocha’an humna RIBtin tikfamanii socho’aa akka jiran ibseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.