Oduu: Abbaan seeraa Ameerikaa dhaddacha falmii xiyyaara Air 737 Max Itoophiyaa yeroo biraatti dabarse

Caccabni xiyyaara Booyiing 737 Max 8 bara 2019 Finfinnee irraa gara Keeniyaa, Naayirobii imaluuf erga ka’ee booda naannoo Bisooftuutti kufe caccabe (Suuraa: AFP/Getty Images)

Finfinnee, Waxabajjii 21/2023 – Dhaabbanni Booyiing dhimma balaa xiyyaaraa Itoophiyaa bara 2019tti namoota 157 galaafateen dhaddacha kaleessaa jalqabuuf karoorfame tursiisuun himannaa biraa kan firoonni isaanii balaa xiyyaaraa Itoophiyaan jalaa du’an fureera. Oduun kuni kan dhufe abukaatoon Boeing Daan Weeb abbaa seeraa aanaa Ameerikaa Joorj Aloonsoo jedhamu tokkotti himannaawwan murtiin isaanii hin kennamin hafe 68 qofa akka ta’uu himee boodadha.  

Abukaatoon dhaabbata Boeing, abbaa seeraa Roobart Kliifoord wajjiin himannaawwan hafan “yaada jaarsummaan” akka furamaniif Waxabajjii 19, 2023 yaada kaasaniiru. Adeemsi kun himatamtoota dhaddacha murtii garaagaraatti qooduun kan dabalatu ta’uu ibsuu miidiyaan Bloombarg Law Weebiin wabii godhachuun gabaaseera. 

Dhaabbatni Boeing keeyyata itti gaafatamummaa badii beenyaa kaffalamuu qabuufi malee sababa balaa guddaa kanaaf hin adabamu jedhu irratti bara 2021 waliigalee ture. Himattoonni daandii qilleensaa Itoophiyaa tokko tokkoon isaanii akkaataa waliigaltee Boeing wajjiin mallatteessaniin waliigalu. Abbaan murtii Aloonsoo himannaawwan hafan yooma akka ilaalaman sagantaa baafamee hamma Adoolessa 11, 2023 ibsi gabaabaan akka kennamu gorsaniiru. Dhimmoonni hafan beenyaa kafaluu qofa osoo ta’eeyyuu himannaan maatiiwwan 68 hafeera.

Maatiiwwan caccaba xiyyaara kanaatiin hubaman miidhaa imaltootarra qaqqabeef beenyaa gaafachuu kan danda’an ta’uu manummaan murtii kuni Waxabajjii 03, 2023 murteessee ture.

Imaltoonni 157 xiyyaara Finfinneedhaa gara Naayroobii Bitootessa 2019 keessa imalaa tureerra turan kan ka’ee daqiiqaa jaha erga balali’ee booda kufe keessa turan hunduu dhumaniiru. Haaluma walfakkaatuun, gosi xiyyaaraa walfakkaataan 737 MAX Indooneezhiyaa keessatti kufee caccabee namoota 189 galaafatee ture.

Balaa gurguddaan lama Boeing 737 MAX qaqqabsiisan namoota 346 ajjeesee turee hordofuun Bitootessa 2019 keessa ji’oota digdamaaf tajaajia akka dhaabu taasifamee ture. Murteen kluni biliyoona $20 kasaarsee ture.  AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.