Oduu: Hoji gaggeessaan dhaabbata Safaarikoom Itoophiyaa hojii gadhiise

Anwaar Soosaa

Finfinnee, Waxabajjii 22/2023 – Hojii gaggeessaan olaanaa dhaabbata telekoomii ‘Safaarikoom Itoophiyaa’  kan ta’e Anwaar Sosaa erga dhaabbata kana hojii gaggeessummaan hogganuu jalqabee gara waggaa lama booda dhaabbata telekoomii kana gadhiise.

Yaadannoo keessoo Addis Standard ilaale akka mul’isuutti, Anwaar Soosaan erga yeroo hojiisaa xumuree booda Adoolessa 31, 2023 irraa eegale aangoo isaa ni gadhiisa.  

Anwaar Soosaan, Safaarikoom dhaabbata telekoomii dhuunfaa isa jalqabaa ta’ee gara Itoophiyaa seenuu isaa hordofee hojiiwwan Itoophiyaatti hojjatu hojii gaggeessummaan akka hogganu Adoolessa 01, 2021 muudame ture. “Itoophiyaa keessatti dhiibbaa diinagdee fi hawaasummaa jijjiiramaa fiduu fi jireenya namoota miliyoona 112 ol ta’an haala gaariin guddisuuf kaayyoo dhaabbatichi qabu raawwachuuf itti gaafatamummaa fudhachuun” muudame.

“Anwaar dhaabbatichi maamiltoota miliyoona 4 ol akka argatu kan qajeelche yoo ta’u, amma neetworkiin kun ummata %25 ol kan uwwisu fi magaalota 50 keessatti babal’ateera,” jechuun yaadannoo keessoo kun hoji gaggeessaa olaanaa hojii gadhiisaa jiru kana jajateera.

Jalqaba baatii kanaa Dhaabbanni Faayinaansii Idil-addunyaa Garee Baankii Addunyaa (IFC) fi Ejensiin Wabii Invastimantii (MIGA) invastimantii kaappitaalaa Doolaara miiliyoona 157.4 dhaabbata Safaarikoom Itoophiyaa hammatee jiru ‘Global Partnership for Ethiopia BV’f kennuu fi Safaarikoomif ammoo liqii doolaara miiliyoona 100 kennuuf akka karoorse beeksiseera. 

Murteen kun kan ifoome erga Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa Caamsaa 11 hayyama tajaajila maallaqa mobaayilaan sochoosu “M-Pesa”f kenneen booda ji’a tokko osoo hin guutin invastara biyya alaa indaastiricha keessatti hayyama argate isa jalqabaa taasiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.