Oduu: Bulchaan aanaa Sadeen Sooddoo “qaamolee hin beekamneen” erga butamanii booda ajjeefamanii argaman

Obbo Baqqalaa Qachaa

Finfinnee, Waxabajjii 22/2023 – Hammeenya rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaatin naannicha keessatti lammiilee nagaa fi aanga’ootni lubbuu isaanii dhabuu itti fufeera. Naannoo Oromiyaa keessatti torban lama giddutti aanga’ootni aanaa lama qaamolee hin beekamneen ajjeefamaniiru. Kan isa tibbanaa godina Shawaa Kibba Lixaatti bulchaa aanaa Sadeen Sooddoo kan turan Obbo Baqqalaa Qachaa Kibxata, Waxabajjii 20 humnoota hidhataniin ajjeefamanii argamuuti.

BBCn dhimma ajjeechaa obbo Baqqalaa Qachaa irratti itti gaafatamaa waajjira dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa Godina Shawaa Kibba Lixaa wabeeffachuun akka gabaasetti bulchaan aanaa Sadeen Sooddoo Adaamaatti waltajjii hirmaatanii erga deebi’ani booda Sanbata darbe galgala naannoo sa’aa sadii humnoota hin beekamneen mana isaanii aanaa Iluu magaalaa Asgoriitti argamu irraa butamanii Kibxata ajjeefamanii argamaniiru. 

Sanbata darbe galgalaan mana isaaniirraa kan fudhataman bulchaan aanichaa, guyyoota lamaan itti aanan garam akka bu’an akka hin beekamneefi qaamni nageenyaa barbaacha godheen Kibxata guyyaa keessaa naannoo sa’aa saddeetiitti ajjeefamanii argamuu himameera. Reeffi isaanii daangaa aanaalee Tolee, Iluufi Bachoo gidduutti argame.

Kana malees, obbo Baqqalaa gadhiisuuf hidhattootni isaan fudhatanii deeman birrii miiliyoona 10 gaafachuu BBCn namni fudhatamuu isaanii guyyaa tokko booda magaala Asgoriitti imalee akka ture wabii gochuun gabaaseera. Hogganaan kominikeeshinii godinichaa Obbo Haayiluunis dhimmichi qorannoo dabalataa kan barbaadu ta’us, hidhattootni bilbila bulchaa aanichaan namoota tokko tokkotti bilbilanii maallaqa hanga miiliyoona 10 gaafachuun odeeffamaa jira jedhan.

Obbo Baqqalaan kanaan dura Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Daawoo ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, waggoota lamaan darbaniif ammoo bulchaa aanaa Sadeen Sooddoo ta’uun tajaajilaniiru.  

Aanga’aan kun ajjeefamuu guyyoota 12 dura Waxabajjii 08 itti aanaa bulchaa Aanaa Ada’aa Bargaa, Abdiisaa Qananii mana jireenyaa isaanii magaalaa Beekkatteetti argamutti qaama hin beekamneen ajjeefamu isaanii ni yaadatama.  Bulchaan aanichaa Kumalaa Hirphaa ajjeechaa obbo Abdiisaa irratti raawwatameef gaddi cimaan kan itti dhaga’ame ta’uu ibsaniiru. “…ajjeechaa gara jabeeyyiin raawwataniin hogganaa akkasii of biraa dhabuu kootiif gadda cimaatu natti dhaga’ame,” jedhan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.