Oduu: Gujii Lixaatti humnootni mootummaa barattoota lama uummata fuuldura ajjeesan; Godinichatti mormiin caaseeffama haaraa itti fufeera

Magaalaa guddoo godina Gujii Lixaa, Bulee Horaa. Suuraa: EPA/Haddush Abrihaa

Geetaahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Waxabajjii 22/2023 – Godina Gujii Lixaa aanaa Malkaa Soddaatti magaalaa Malkaa Daawwaatti Dilbata darbe, Waxabajjii 18 humnootni nageenya mootummaa barattoota lama uummata fuuldura ajjeesuu jiraattonni godinichaa Addis Standard’tti hime.

Akka jiraataan godinichaa maqaa isaa akka hin eeramne gaafate Addis Stadard dubbise jedhetti, barattoonni lamaan kun, Sugeessaa Bokkoo (barataa kutaa 9ffaa) fi Quuxalaa Boruu (barataa kutaa 8ffaa), iddoo maqaa addaa riqicha Malkaa Daawwaa jedhamutti ajjeefaman. Sababiin ajjeechaa barattoota kanneenii himata Waraana BIlisummaa Oromoo (WBO) deeggartan jedhuun ta’uu jiraataan kun eereera.

Jiraataan kan biraa Addis Standard dubbise odeeffannoo jiraataan armaan olii ibse mirkaneessuun “barattoonni kunneen guyyaa Sanbata gara ganamaa magaaluma Daawwaa keessaa erga qabamanii booda guyyaa fi halkan uleen reebaa erga bulanii guyyaa Dilbata iddoo addaa maqaan isaa ‘Dildila Daawwaa’ jedhamuun beekamu paatroolii fi motoraan geessuun yeroo ummanni waldaa kiristaanaa waaqeffannaadhaa bahutti guyyaa keessaa naannoo sa’aatii torbaatti ummata fuulduratti rasaasaan mataa keessa rukutanii ajjeesan,” jedhe.

Ajjeechaa kana kan raawwatan miseensota raayyaa ittisa biyyaa ta’uu eeruun sababiiin qabamuu fi ajjeechaa barattoota lamaanii hariiroo “Shanee” wajjiin qabdu kan jedhu ta’uu ragoonni lamaanuu eeraniiru. Ijoolleen kunneen barattoota mana barumsaa Maazooraa jedhamuu ta’uu ragaan lammataa Addis Standard’tti himeera.

Ajjeechaa kana kan raawwatan miseensota raayyaa ittisa biyyaa kan hiriira mormii hundeeffama godina “Boorana Bahaa” godinichatti uumame tasgabbeessuuf godinichatti bobbaafaman ta’uu jiraataan kuni himeera.

Haleellaan kun kan godhame battaluma mootummaan wixinee godina Gujii gara godina ‘Boorana Bahaatti’ caaseessuuf dabarse humnaan raawwachiisaa fi jiraattota mormii dhageessisan “jumlaan” hidhaa jiraachuu jiraattonni ibsanitti. Jiraattonni godinichaa hiriira mormii dhageessisaa jiraachuun jiraattonni mirkaneessan.

Miseensa koree dhimmicha hordofaa jiruu fi mootummaa wajjiin marii taasisaa jiran keessaa tokko kan ta’an Abbaa Gadaa Miidhagaa Naatee Addis Standard wajjiin turtii taasisaniin gaaffiin ummata Gujii otoo hin deebi’in rarra’ee hafeera jedhan. Mariin mootummaa fi koree kana gidduutti akka itti fufu mootummaan waadaa galee kan ture ta’us marii dhumaa ji’a sadi dura taa’amee booda mariin marsaa biraa eegaluu hafee namni dhimmicha maridhaaf kaaseyyuu kan hin jirre ta’uu ibsan.

Jiraattonni godinichaa yaada kana ammayyuu “cimsanii mormaa” jiru jechuun hiriira mormii garaagaraa adeemsisaa jiraachuu abbaan Gadaa kuni himan. Rakkina jiruu karaa nagaatiin furuu dhiisanii humnaan raawwachiisuuf deemuun rakkoo jiru ni hammeessa jehcuun mootummaan yaada akkasii kan qabu yoo ta’e wixinee caasaa haaraa ijaaruu kana irra deebi’ee akka ilaalu gaafataniiru. 

Jiraataan magaala Nageellee dhimmichatti dhiyeenya qaban obbo Booruu Gujii murtee mootummaan dabarse kanaan walqabatee namoota hoggansa bulchiinsa goodinichaa keessa jiran dabalatee jiraattota gidduutti qoqqoodamni uumamuu Addis Standarditti himeera.

Haata’u malee, godinichatti namoota murtee kana hojiirra oolchuuf socho’an mormiin qunnameera jedhe. Bulchaan godinichaa kan turan obbo Taaddalaa Uddoo fi hoggansa biroo kan wixinee kana hojiirra oolchuuf hojjachaa jiran jiraattota wajjiin waldhabdee keessa galuu akka fakkeenyaatti kaaaseera.

Mana jireenyaa obbo Taaddalaa Uddoo irratti boombiin darbamuu ibsuun bulchaan kuni dhiibbaa hawaaasarraa itti ka’e dheessuun yeroo ammaa magaala Adoolaa keessatti hoteela keessa siree qabatee jiraachaa jiraachuu dabalee himeera.

Hogganaa qajeelcha poolisii aanaa Gooroo Duulaa dabalatee namoonni hedduu hidhamaniiru. Dargaggoonni caaseeffama kana morman magaala Nageellee dabalatee iddoowwan garaagaraatti hiidhamanii kan argamana ta’uu jiraattonni Addis Standard’tti himaniiru.

Murtee godina Gujii guutumatti haquun akka haaraatti godina Booranaa Bahaatti caaseessuuf mootummaan Oromiyaa dabarse abbootii gadaa fi jaarsolii dabalatee jiraattonni godinichaa mormaa turuu Addis Standard gabaasaa tureera.  Haata’u malee, gaaffii ummata godinichaa cinaatti dhiisuun mootummaan wixinee kana “humnaan hojiirra oolchuuf” hojjachaa jiraachuu jiraattoonni godinichaa Addis Standard Afaan Oromootti himaniiru.

Jiraataan kuni dhimmi kuni ummata Booranaa fi Gujii gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf deema sodaa jedhu akka qaban himeera. “Amma dubbiin gara ummatoota lamaan [Booranaa fi Gujii] gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf waan deemu fakkaata,” jedheera.

Bulchaan godina Gujii obbo Taaddaalaa Uddoo haala jiru irratti odeeffannoo akka keennaniif Addis Standard irra deddeebiin yaalii kan taasise ta’us yaada laachuu hin dandeenye. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.