Oduu: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ambootti maatii tokko keessaa namootni afur humnoota mootummaan ajjeefaman, lama madaa’aniiru

Namootni Ambootti ajjeefaman (Suuraa: Miidiyaa hawaasaa)

Geetahun Laggasaatiin

Finfinnee, Waxabajjii 22/2023 – Godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo ganda Ganjii Goororeetti humnoonni mootummaa himannaa  “Shanee deeggartu” jedhuun namoota afur ajjeesuun lama madeessuu jiraattonni Addis Standarditti himan. Ajjeechaan kun kan raawwatame Wiixata, Waxabajjii 19 yoo ta’u, namnootni ajjeefaman kun miseensota maatii tokko ta’u eerameera.

Namootni Hirphaa Iddoosaa, Dassuu Iddoosaa, Kiisaa Hirphaa fi Likkiisaa Lalisaa jedhaman maatii tokko keessaa ajjeefamuu jiraattonni lamaa Addis Standard dubbise mirkaneessuun namoonni lama maqaansaanii Qaabataa Iddoosaa fi Dajanee Gadaa jedhaman rasaasaan rukutamanii madaa’uu ibsaniiiru.

Dhaabbanni ‘Oromo Legacy Leadership & Advocacy Association (OLLAA) jedhamu godina Shawaa Lixaa aanaa Ambootti haleellaa humnoonni mootummaa bananiin miseensonni maatii tokko afur jumlaan ajjeefamuu fi lama rasaasaan madaa’uu gabaaseera.  

Jiraataa gandichaa fi miseensa maatii namoota ajjeefaman maqaan isaa akka hin eeramne gaafate tokko Addis Standarditti akka himetti, humnoonni nageenyaa mootummaa Wiixata, Waxabajjii 19 ganama keessaa sa’aatii 11:30tti ALI mana jireenyaa isaanitti cabsuun miseensota maatii keessaa afur rasaasaan ajjeesuun lama madeessuu himeera.

Kana malees, miseensota maatii ajjeefamanii fi jiraattota gandichaa keessaa namoota 15 ta’an butanii kan deeman ta’uu ibsuun hamma yoonaatti eessa buutee namoota kanneenii kan hin beekne ta’uu dabalee ibseera. Qabeenya maatii kanaa erga barbadeessanii booda loowwan sangoota lamaa fi saawwan jaha rasaasaan rukutanii ajjeesaniiru jedhe. 

Namoonni gocha kana raawwatan uffata miseensa raayyaa ittisa biyyaa uffatanii fi lakkoofsaan hedduu ta’an ta’uu kan hime maatiin miidhamtootaa Addis Standardiif eeruu kenne tokko, kanneen mooraa raayyaa itisa biyyaa kaampii Galaan Waddeessaa keessa qubatanii argaman ta’uu danda’us jedheera.

Sababiin haleellaan kun miseensota maatii kana irratti raawwatameef himannaa  “Shanee deeggartu” kan jedhu ta’uu ibseera.

Jiraataan ganda Ganjii Goororee kan biraa Addis Standard dubbise yaada jiraataan jalqabaa kenne sirrii ta’uu mirkaneessuun, “jiraattonni ganda Ganjii Goororee guutumatti sodaa keessa jirra” jedheera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.