Oduu: Weerara Koleeraa Itoophiyaatti mudateen lakkoofsa namoota dhibee kanaan qabaman kuma 11 ol, kanneen du’an 156 gaheera: UN

Iddoowwan dhibeen Koleeraa itti argame keessaa tokko kan ta’e gaaddisa buqqaatota godina Booranaa aanaa Dubulluq keessatti argamu. Suuraa: Addis Standard

Finfinnee, Waxabajjii 23/2023 – Weerara dhibee Koleeraa gara wagga tokko dhiyaatuuf deemaa jiruun hanga Waxabajjii 20, 2023tti namoonni 11,407 ta’an aanaalee 79 naannoolee Oromiyaa, Kibba Itoophiyaa fi Sidaamaa keessatti dhibee Koleeraatiin dhibamuu fi namootni 156 lubbuun isaanii darbuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Qindeessaan Gargaarsa Namoomaa (OCHA) gabaase.   

Akka gabaasa dhaabbatichaatti, Caamsaa 07 irraa kaasee tatamsa’inni dhukkubichaa dhibbeentaa 85 (85%) dabaleera. OCHAn gabaasa kanaan dura baasee irraa asitti akka haaraatti aanaalee 25 keessatti mul’achuun walumaagalatti aanaalee dhibeen kun keessatti mul’ate gara 76 guddiseera. Saffisni du’aa waliigalaa 1.36% Itoophiyaatti galmaa’e indeeksii addunyaa kan 1% turee oliidha.

Oromiyaatti (aanaalee 10), Somaali (aanaa tokkotti), Naannoo Kibba Itoophiyaa (aanaalee saddeet) fi Sidaamaa (aanaalee 6) keessattimakka haaraatti mul’ateera. Kanneen keessaas namoonni 241 ta’an mooraa buqqaatoota keessa kan jiraatan irratti mul’achuu gabaasichi addeesseera.

Irra caalaan namoota dhibee kanaan qabaman umrii 0 hamma 14 gidduutti kan argaman yoo ta’u isaan keessa harki 26 daa’imman waggaa shanii gadiiti. Namoota qabamaan keessaa harka 95 ol kan ta’an talaallii Koleeraa liqimfamu kamiyyuu hin fudhata’uu gabaasichi eereera.

Du’i guddaan kan galmeeffame godina Gujii (21%), aanaa Liiban kan naannoo Somaalee (16%) godina Baalee Bahaa (9.6%) fi godina Baalee (9%) keessattiidha.  Rakkoo qulqullinaa fi hanqina bishaanii qaban keessa jiran miliyoona 7.7 ta’an aanaalee 76’n keessa jiraatan dhibichaaf saaxilamuu gabaafameera.

Weeraroota dhukkubichaa darban kan bara 2015 (namoota 217 ajjeesee) fi 2017 (namoota 48,000 ol qabee fi 878 ajjeese) wal bira yoo qabnu weerarri kuni yeroo dheeraaf kan turee fi saffisaan babal’achaa jiruudha. Sababiin babal’achuusaa inni ammaa kuni iddoowwan ummanni heddduminaan keessa jiraatu keessatti mul’achuunsaa babal’inni dhukkubichaa akka dabalu taasiseera.

Weerarichi si’a duraatiif naannoo Oromiyaatti aana Haarannaa Bulluqiitti Hagayya 27, 2022 kan ture yoo ta’u itti aansuun aanalee 40 Gujii, Gujii Lixaa, Arsii Lixaa, Booranaa, Baalee fi baalee Bahaa keessatti babal’ate.  Waxabajii 09, 2023 godina Booranaa mooraa baqattootaa Dubulluuq keessatti namoonni lama qabamanii ture.Tartiibaan Magaala Moyyaalee (13%), godina Booranaa, Waadeeraa (11%) fi Gujii iddoowwan tatamsa’inni guddaan itti mudateedha.

Naannoo Somaaliitti Onkololeeessa 05, 2022 Qu’aarsaduulaa fi godina Liiban aanaa Guraadhaamoleetti qabaman. Itti aansuun Magaala Moyyaalee, Dooloo Adoo, Dooloo Baay fi Carraattii fi aanaa Afdar keesssatti mul’ate. Naannicha harka 47 kan ta’u mooraa buqqatootaa keessatii argame. Saffisni ajjeechaa harka 2.1 kan akka biyyaatti 1.36 turee ol kan ta’eedha. Naannichatti rakkinni gargaarsa hatattamaa dhabamuuu fi hanqinni buufata fayyaa sababoota babal’ina dhukkubichaa ijoo ta’uu qorannoo dhaabbatichaa ifa taasiseera.

Naannoo saba, sablammootaa fi ummatoota kibbaatti (SNNPR) jalqaba Ebal 10, 2023 aanaa Wanaagoo, godina Gede’ootti kan mul’ate yoo ta’u ji’a lama keessatti namoota 3,000 ol aanaalee naannichaa 26 (Gaamoo, Gede’oo, Goofaa, OOmoo Kibbaa, fi Konsoo fi godina addaa Alee, Amaaroo, Burjii fi Baaskeettoo keessatti galmeeffaman. Namoonni heddduun qabaman laggeen Weeytoo fi Sagan jedhamanii bishaan qulqullina hin qabnee dhugudhaan ture.

Naannoo Sidamaatti namoonni 192 argaman yoo ta’u inni guddaan Ebal 23,2023 gabaafame. Godina Giddugaleessaa malee hundatti galmeeffame yoo ta’u kan mana sirreessaa Hawaasaatti namoota 58 irratti mul’atee ture wal’aaanuun too’achuun danda’ameera.

Qorannoon Kaaba Lixa Tigraayii fi naannoo Amaaraatti godhameen namni Koleeraan qabame homaa hin argamin hafuun ibsameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.