Oduu: Rakkoon eegumsa fayyaa Oromiyaa buqqa’iinsa bal’aa naannicha keessa mudachaa jiruun hammaachaa jira: ICRC

Buqqaatota lixa Oromiyaa (Suuraa: KMNI)

Finfinnee, Waxabajjii 23/2023 – Koreen Fannoo Diimaa Idil-addunyaa (ICRC) gabaasa Waxabajjii 22 baaseen, Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa (ERCS) waliin ta’uun hojiin gara lixa Oromiyaa fi gara Gujiitti hojjechaa jiru babal’atus, fedhii guddaa kana furuuf qormaanni hedduu isa mudachuu ibseera. Dandeettiin ICRC fi ERCS Oromiyaa keessatti ummata rakkoo nagneeyaan baay’ee miidhameef naannolee addatti dhaqqabuuf rakkisaa ta’an kanneen akka Bubul, Beegii fi Kondolee, Baaloo, Bareedaa fi Kombolshaatti socho’uun rakkisaa ta’uu eereera.

Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an irratti miidhaa geessiseera. Dhaabbileen fayyaa fi sirni bishaanii haalaan miidhamaniiru. Akka gabaasa Koree Fannoo Diimaa Idil addunyaa (ICRC) jedhutti, aanaa jiraattota kuma 100 qabu Beegii keessatti buufataalee fayyaa jiran 42 ta’an saamamaniiru ykn miidhamaniiru. Dhukkubsattoonni haala fayyaa lubbuu namaa balaa irra buusu qaban dhaabbileen fayyaa kana booda hojii waan hin hojjenneef kunuunsa hatattamaa argachuu hin danda’an.

Akka ICRC jedhutti, dallaan Hospitaala Guduruu aanaalee shan ol tajaajilu rasaasaan kan guutame yoo ta’u, kuusaan bishaan isaas miidhameera. Sireewwan, meeshaaleen baqaqsanii hodhuu, qorichaafi ambulaansonni saamamaniiru. Kanuma waliin namoonni kumaatamaan lakkaa’aman mana isaanii baqatanii naannoo kana waan ga’aniif lakkoofsi dhukkubsattootaa haalaan dabaluu isaatiin hojjettoonni tajaajila eegumsa fayyaa ummataaf kennuu irratti garmalee rakkisaa ta’eera.

”Hanqina qoricha hatattamaa nu mudateera. Kutaa baqaqsanii hodhuu hin jiru. Siree hin qabnu. Amma immoo miidhaa kuufama bishaanii irra gahe irraa kan ka’e hanqinni dhiyeessii bishaaniis ni mul’ata. Manni qorichaa hawaasaas barbadaa`ee, qorichi fi meeshaaleen hundi fudhatamaniiru,” jedhe daayreektarri fayyaa hospitaalichaa Dr. Alamaayyoo Kirii.

Akka gabaasa Koree Fannoo Diimaa Idil addunyaa (ICRC) jedhutti, korichi Amajjii, 2023 irraa eegale Oromiyaa keessatti namoota 62,800 nyaata, meeshaalee manaa, bakka jireenyaa, fi maallaqaan gargaareera. Akkasumas dhaabbilee fayyaa 12 idileen meeshaalee yaalaa fi meeshaalee kanneen akka qoricha, meeshaalee manaa, fi meeshaalee qulqullinaa, akkasumas leenjii bulchiinsa kilinikaa hojjettoonni eegumsa fayyaa tajaajila yaalaa bu’uuraa lubbuu baraaruu itti fufuuf ykn deebi’anii akka jalqabaniif deeggareera.

Kana malees, namoota 32,500 maatii isaanii waliin walqunnamsiisu fi namoota bakka tursiisaa jiran dabalatee namoota 187,000f bishaan qulqulluu akka argatan haala mijeesse, bishaan mijaawaa ittiin dhuganii fi dhiqatan akka argatan gargaaruu beeksiseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.