Oduu: Magaalaan Nageellee godina Boorana Bahaatti seenuu hordofee mormii godina Gujiitti ka’een yoo xiqqaate lubbuun namoota sadi darbe

Mormiiwwan uummataa aanaalee godina Gujiitti gaggeeffaman, Suuraa: Miidiyaa hawaasaa

Finfinnee, Bitootessa 03/2023 – Jalqaba torban kana keessa Kibba Oromiyaatti godinni haaraa ‘Boorana Bahaa’ jedhamu aanaalee Boorana, Baalee fi Gujiirraa walitti fiduun hundeeffamuu hordofee mormii aanaalee godina Gujii keessatti ka’een yoo xiqqaate lubbuun namoota nagaa sadi darbuu, lama madaa’uu fi namni hedduu hidhamuu jiraattotni godinichaa Addis Standarditti himaniiru. 

Walgahii idilee 3ffaa bara hojii 6ffaa Caffeen mootummaa naannoo Oromiyaa Wiixata, Guraandhala 27, 2023 gaggeesseen “gaaffii misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf ummataan ka’aa tureef deebii kennuu fi rakkoo nageenya naannoolee ollaa waliin daangaa irratti mul’atu hiikuuf” godinni Boorana Bahaa godina 21ffaa ta’ee bifa haaraatiin gurmaa’uufi teessoon isaa magaalaa Nageellee ta’ee murtaa’uu ibsameera. Teessoon godina Gujii ammoo gara Adoolaa Reeddeetti jijjiiramuutu himame.

Godinni akka haaraatti hundaa’e kun Godina Gujii irraa aanaa Liban, aanaa Gumii Eldalloo, magaalaa Nageellee; Godina Booranaa irraa ammoo aanaa Moyyaalee, magaalaa Mooyyaalee, aanaa Guchii fi aanaa Waacillee; akkasumas godina Baalee irraa ammoo, aanaa Madda Walaabuu, aanaa Oborsoo fi aanaa Harannaa Bulluq dabalatee akka godinaatti aanaalee 10 qabaatee akka gurmaa’u ibsame. 

Dhalataa godina Gujii kan ta’eefi dhimmicha dhiyeenyaan hordofaa kan jiru gaazexeessaa Boruu Mashii yaada Addis Standarditti laateen, sababa ka’umsa mormii kanaa Caffeen Oromiyaa magaaloota gurguddaafi xixiqqaa naannicha keessatti argaman walitti makuun akka haaraatti gurmeessuu yeroo beeksisu magaalaa guddoo godina Gujii kan taate Nageellee dabalatee aanaalee 3 gara godina haaraa hundeeffame ‘Boorana Bahaa’ jala akka galan ibsamuu akka ta’e hime.

Murtoo hundeeffama godina haaraa kana hordofee magaalaa Shaakkisoo, aanaa Booree, Adoolaa Waayyuu, dabalatee aanaalee godinicha hunda keessatti mormii Kibxata irraa eegalee taasifamaa jiraachuu kan ibse Boruun, mormii cimaa Kibxata taasifame irratti Poolisoonni hawaasaa tarkaanfii uummata nagaa irratti fudhataniin aanaa Booree keessatti barattoota lama dabalatee namni sadi rasaasaan ajjeefamuu fi tokko madaa’ee hospitaalatti yaalamaa jiraachuu hime. 

“Magaalaan Nageellee, magaalaa uummata Gujii biratti seenaa guddaa qabdu fi, kan uummata fi hayyoonni kan akka Abbaa Gadaa Aagaa Xeenxanoo fa’a gatii guddaa itti kaffalanii asiin gahaniidha. Akka salphaatti uummata osoo hin mariisisiin godina biraa keessa galchuun fudhatama hin qabu,” jedhe Boruun.

Jiraataan magaalaa Shaakkisoo nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko, magaalaa Shaakkisoo keessattis Kibxata darbe irraa eegalee sochiin idilee dhaabbatee mormiin uummataa gaggeeffamaa jiraachuu Addis Standardiif mirkaneesseera.

Abbaa Seeraa fi Hoji-gaggeessaa dhaabbata Gamtaa Kontomaa Daarimuu (KDA) kan ta’e Galchuu Boruu gama isaatiin murtoo magaalaa Nageellee fi aanaalee sadi godina Gujii irraa gara godina Boorana Bahaatti galchuuf darbe “akkaataa aadaa, duudhaa fi seenaa uummatichaan hawaasa waliin marii taasifame waan hin jirreef” mormii keessummeessee jedhe. 

“Magaalaan Nageellee wiirtuu aadaa, duudhaa fi seenaa uummata Gujiiti”

Galchuu Boruu

Obbo Galchuun, “murtoo magaalaa guddoo fi aanaalee godina Gujii gara godina biraatti dabaluun kun akka mootummaan jedhutti tajaajila saffisaa laachuuf kan yaadame osoo hin taane shira miira obbolummaa hawaasa godinaalee lamaan [Gujii fi Booranaa] balleessuun wal-shakkii uumuuf yaadamedha,” jedhe. 

“Magaalaan Nageellee wiirtuu aadaa, duudhaa fi seenaa uummata Gujiiti” kan jedhe Galchuun, marii hawaasaan ala godina haaraa hundeeffame ‘Boorana Bahaa’ keessa galuu hordofee mormii jalqaba aanaa Bulee Horaatti jalqabame finiinuun gara aanaalee godinichaa hundatti darbuu ibse. Murtoo kana Abbootii Gadaa Gujii dabalatee hayyoota fi hawaasni godina Gujii bal’aa akka morman kaase, Galchuun.

Mormii aanaalee kunneenitti gaggeeffameen lubbuun namoota nagaas darbuu hime. “Aanaa Booreetti namni afur rasaasaan rukutamee sadi lubbuun isaanii darbeera. Aanaa Adoolaa Waayyuutti ammoo namni tokko poolisootaan uleedhaan rukutame hospitaala akka seene odeeffannoo nan qaba. Kan hidhamellee hedduudha,” jedhe. 

Hoggantoonni godina Gujiillee murtoo Caffee Oromiyaarraa darbe kana akka morman odeeffachuu kan ibse Galchuun, guyyaa har’a [Jimaata] koreen mootummaa naannoo Oromiyaa irraa ergaman hoggantoota godinichaa waliin ta’uun hawaasa waliin mariirra akka jiran hime.

Dhimma kana irratti hoggantootni bulchiinsa godina Gujii fi waajjira nageenyaa godinichaa odeeffannoo dabalataa akka laataniif yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS


No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.