Xiinxala Oduu: Gabaasaalee hammeenya hongee Booranaa agarsiisan bahaa jiranis mootummaan naannoo Oromiyaa hongeen uumame humna koo ol miti, namni sababa kanaatifis lubbuun darbe hin jiru jedhe

Hongeen kun kibba Oromiyaa godina Booranaatti horii miiliyoona 3 ol galaafate jira. Suuraa: Gamtaa Awurooppaa, 2022

Finfinnee, Bitootessa 01/2023 – Mootummaan Naannoo Oromiyaa, godina Booranaa keessatti hongee hamaa waggaa afurtaman darban keessa hin mul’atin muudateen walqabatee namoota gargaarsa hatattamaa isaan barbaachisuuf gargaarsa dhiyeessuu irratti deebii sirrii laachaan jira jedhe. 

Waajjira Busaa Gonofaa Oromiyaatti Daayirektera Lojistikii Deebii fi Deebisanii Dhaabuu kan ta’e Dabalaa Ittaanaa dhimma hongee godina Booranaatti uumame ilaalchisee yaada Addis Standardiif laateen, mootummaan naannichaa rakkoolee akkanaa irratti qorannoo taasisaa turuu fi bara kana baajata miiliyoona 200 ol ramadee hojjechaa turuu hime. 

Akka Dabalaan jedhutti, lakkoofsi namoota godinicha keessatti sababa hongee dheerate fi hanqina nyaataa kanaan gargaarsa barbaadan ji’a Fulbaana keessa ture (375,000) irraa baatii jaha giddutti gara kuma 500 ol dabaluun yeroo ammaa kana 867,140 gaheera. 

Namoota gargaarsa hatattamaa isaan barbaachisu 867,140 keessaas hanga ammaatti namoota 604,001 ta’aniif gargaarsi marsaa shanaffaa ergamuu fi kanneen 263,139 ta’an ammoo hanga ammaatti gargaarsa hin argatiin jedhamuun adda baafamanii “gargaarsi kan eeyyamameef” ta’uu himeera. 

“Gareen tokko Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa fi naannoo irraa ijaarame gara godinichatti gadi bu’uun haala qabatamaa jiru fi namootni kuma 263 ta’an kun gargaarsi akka isaan barbaachisu mirkaneesse jira,” jedhe.  

Namootni hanga ammaatti gargaarsa hin argatiin jiran kunis “karaa idileetin gargaarsa hin argatiin malee karaa ala kallattiin [dhaabbilee miti mootummaa fi kanneen biroo] gargaarsa argachaa turan” kan jedhe Dabalaan, amma karaa idileen akka gargaaraman taasifamaa jiraachu hime. 

“Rakkoon ni jira garuu namni sababa kanaatif [hongee] lubbuun darbe hin jiru,”

Debela Itana

Haata’u malee dhiyeessi gargaarsaan walqabatee haalli qabatamaa jiru akka miidiyaa hawaasummaa irratti jedhamaa jiru akka hin taane fi rakkoon uumame “wanta humna mootummaa fi hawaasaa ol ta’e akka hin taane” hime.

“Mootummaan rakkoo kanaaf xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira. Akka buusaa gonofaa naannootti garasitti midhaan fe’amaa jira. Dabalataan qaamoleen gara garaa bakka gara garaatti jiran deeggarsa taasisaa jiru,” jedhe. 

“Rakkoon ni jira garuu namni sababa kanaatif [hongee] lubbuun darbe hin jiru. Kana qabatamaatti dubbachu dandeenya.”

Haata’u malee jiraattotni jalqaba baatii Guraandhala keessa Addis Standard dubbise  rakkoo bishaanii fi nyaataatiin walqabatee lubbuun namaa darbaa kan jiru ta’uu himanii turan. “Amma loowwaniirra abdii kutannee jirra. Lubbuu keenya oolchuuf tattaafachaa jirra,” jedhe jiraataa aanaa Areeroo, Baqaaluu Abarraati.

Kana malees, Ogeessa komunikeesinii aanaa Areeroo kan ta’e Dinqaa Daadhii dhimmuma kana ilaalchisee yaada baatii darbe keessatti Addis Standard‘tti laateen, dandeettii beela dandamachuu xiqqaa waan qabaniif namoonni dulloomanii fi daa’imman beelaan du’aa jiraachu himeera. Akkasumas, dhaabbileen gargaarsaa tokko tokko gargaarsa lubbuu baraaruu taasisaa kan jiran ta’uus, gargaarsi isaan dhiyeessan hamma barbaadamuu kan walgituu miti jedhe.

Waajjira Busaa Gonofaa Oromiyaatti Daayirektera Lojistikii Deebii fi Deebisanii Dhaabuu kan ta’e Dabalaa Ittaanaan, namoota sababa hongee kanaan hanqina nyaataa garmalee isaan muudateef addatti gargaaruuf mootummaa federaalaa fi naannoon Oromiyaa ji’a darbe irraa eegalee nyaata dabalataa dhiyeessaa jiraachuu hime. 

“Namoota waliigalaa gargaarsa barbaadan kana keessaa daa’imman dabalatee namoota hanqina nyaataan garmalee miidhamaniif nyaata dabalataa isaanif oolu gara kuntaala 10,000 ol ji’a darbe gara godinichaa ergameera. Wiixata eegalee mootummaa federaalaa irraa Ruuzii kuntaala 3,500, akkasumas nyaata dabalataa gara kuntaala 13,000 ta’u gara godina Booranaatti fe’amaa jira.”

Gargaarsi namoota 867,140f godhamu kun baatii jahaan dhufaniif otoo walirraa hin citiin akka kennamuus ibsameera.

Waqtii roobaa shaniif walitti aansuun addaan citee waan turees loowwan kuma hedduu ajjeessuun, omisha midhaanii barbadeessuunii gaaga’ama namoomaa kana daran hammeessee jira.

Horiin godina Booranaa keessa jiran miiliyoonootaan lakkaawwaman waggoottan sadan darban keessa sababa hongeen dhumuu kan ibsu daayirektarichi, yeroo ammaa kana garuu sanyiin horii Booranaa akka hin badneef horii lakkoofsaan dhibbeentaa 10 ta’u baraaruuf karoorfamee marga fe’amaa akka jiruu fi bishaanis ergamaa jiraachuu himeera. 

Tibbana suuraawwan hammeenya hongee kanaa agarsiisan miidiyaa hawaasaa irratti qoodamuu hordofee dhimmi kun dubbii ijoo marsaalee hawaasaa bal’aa ta’uun namoota fi dhaabbileen gara garaa deeggarsa walitti qabaa jiru. 

Deeggarsa bifa faca’iinsa qabuun qaamolee gara garaatin walitti qabamuu toora tokko qabsiisuuf mootummaan tibbana deeggarsa karaa namoota dhuunfaa, garee fi dhaabbilee adda addaatin walitti qabamaa jiru kallattii mootummaatin akka deemu qajeelfama kaa’eera. 

Barbaachisummaa qajeelfama kanaa kan gaafatame daayirekterri lojistikii deebii fi deebisanii dhaabuu waajjira buusaa gonofaa Oromiyaa Dabalaa Ittaanaa, deeggarsi walitti qabamu kun kallattii tokkootin deemuun hordoffii fi to’annoo qabeenya gara godinichatti deemuuf gargaaraa jedhe. 

“Qisaasamni akka hin uumamne gargaara. Keellaarratti midhaan akka hin dabarre waan jedhameef danqaan akka irratti hin uumamneefi deeggarsi walitti qabame dafee uummata biratti akka qaqqabu taasisa.” 

Kana malees, godinaalee gammoojjii hongeen keessatti muudate biroo [Gujii lamaan, Arsii lamaan, Baalee lamaan, Harargee lamaanii fi Shawaa Bahaa] keessatti namoota hongeedhaaf saaxilaman miiliyoona 3.6 ta’an karaa mootummaa fi miti mootummaatin gargaaramaa jiraachuu hime.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (OCHA) akka jedhetti ji’oota Waxabajjii fi Muddee 2022 gidduutti naannoolee Somaalii, Oromiyaa, fi saba sablammii fi uummatoota Kibbaa dabalatee, namoonni gaafa Afrikaa keessa jiraatan miliyoona 12 ta’an hongeedhaaf kan saaxilaman ta’uu ibseera.

Ibsa Amajjii 18 OCHAn baaseen, naannooleen kunneen Amajjii 2023 booda waqtii bonaa seenu waan ta’eef hongeen garmalee kan hammaatu ta’uu ibseera.

Akka ibsa OCHA’tti, rakkoon miidhaan nyaataa ji’a Mudddee keessa naanoolee kanneen keessati mudate torban duraa ji’a Ammajjii keessa harka 30 ni dabala. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.