Xiinxala: “Loowwan keenyarraa abdii kutanneera, amma lubbuu keenya oolfachuuf tattaafachaa jirra” – Hongee Booranaa

Geetaahun Laggasaatiin @Birmaduu2

Finfinnee, Guraandhala 02, 2023 – Godinni Booranaa hongee hamaa waggaa afurtaman darban keessa hin mul’atiniin miidhamee jira. Jiraattoonni godinichaaa 800,000 ol ta’an gargaarsa miidhaan nyaataa hatattamaa kan barbaaan ta’uu aanga’oonni godinichaa ibsaniiru.

Bokkaan yeroo dheeraaf otuu hin roobin waan tureef jireenyi qotee bultoota naannichaa kan bishaan roobaatiin omishan kan loowwan kumaatamaan lakkaawwaman jalaa dhumanii fi midhaan isaanis barbadaa’e garmalee miidhameera.

Rakkoo bishaanii fi nyaataatiin walqabatee lubbuun namaa darbaa kan jiru ta’uu jirattoonni Addis Standard’iif miirkaneessaniiru. “Amma loowwaniirra abdii kutannee jirra. Lubbuu keenya oolchuuf tattaafachaa jirra,” kan jedhe jiraataa aanaa Areeroo Obbo Baqaaluu Abarraati.

“Namoonni tokko tokko gara magaalaa godaanaa jiru. Namoonni dadhaboo fi gargaarsa hin hin qabne garuu qe’eesaanitti du’aa jiru.”

Baqaaluu Abarraa

Gaaga’amni si’anaa kuni seenaa Booranaa keessatti isa hammaataa fi jireenya namootaarratti dhiibbaa guddaa kan uumeedha jedha.

“Namoonni tokko tokko gara magaalaa godaanaa jiru. Namoonni dadhaboo fi gargaarsa hin hin qabne garuu qe’eesaanitti du’aa jiru. Namoonni otuu hin nyaatin oolanii bulaa jiru. Fuulumasaanii ilaaltee himuu dandeessa. Gaaga’amni kuni yoo akkanatti itti fufe lubbuu namoota hedduu fixuu danda’a,” Baqaaluutu jedhe.

Ogeessa komunikeesinii aanaa Areeroo kan ta’an obbo Dinqaa Daadhii Addis Standard‘tti akka himanitti namoonni nyaata argachuuf dhama’aa jiru jechuun beela hammaataaf kan saaxilaman ta’uus himaniiru. “Jiraattonni aanaa keenyaa kan nyaata argachuu dadhaban jiru. Karaa ittiin argatan kan hin qabne jiru. Gargaarsi nyaataa hin godhamuuf taanaan beelaan dhumu,” Dinqaatu jedhe.

Dhaabbileen gargaarsaa tokko tokko gargaarsa lubbuu baraaruu taasisaa kan jiran jru, garuu gargaarsi isaan dhiyeessan hamma barbaadamuu kan walgituu miti. Dhaabbileen kunneen rakkoo jiru guutumatti furuu hin danda’an jechuun Dinqaan dubbateera.

“Rakkoo nyaataatiin alatti, hir’inni bishaan qulqulluu hammaataadha. Jirattonni bishaan haroo fayyadamaa jiran dhukkuboota bishaan faalameen dhufan kan akka garaa kaasaatiif of saaxilaa jiru. Amma garuu haroowwan kunneeniis gogaa jiru waan ta’eef bishaanumti sunuu hin jiru” jedhe.

Akka Dinqaan jedhetti, dandeettii beela dandamachuu xiqqaa waan qabaniif namoonni dulloomanii fi daa’imman beelaan du’aa jiru.

Bulchaa Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Booruu jirattoota godinichaa miliyoona 1.7 ta’an keesssaa namoonni 700,000 beelaaf saaxilamaniiru jedhan.

Waqtii roobaa shaniif walitti aansuun addaan citee waan turees loowwan kuma hedduu ajjeessuun, omisha midhaanii barbadeessuunii gaaga’ama namoomaa kana daran hammeessee jira. Aanaalee godinichaa 13 keessattuu beelli mudatee jiraachuus himaniiru.

Dhukkuboonni bishaan faalameen daddarban kan akka kooleeraa, garaa kaasaa fi finnii mul’achuus bulchaan kuni ibsaniiru.

Mootummaa, dhaabbilee gargaarsaa, hojjattoonni mootumaa fi daldaltoonni buusii gochuun duula lubbuu baraaruu kana kan gargaaran ta’us hammi barbaadamu hamma dhiyaateen kan wal hin madaalle ta’uu Obbo Jaarsoon addeessaniiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindeessaan gargaarsa namoomaa (OCHA) akka jedhetti ji’oota Waxabajjii fi Muddee 2022 gidduutti naannoolee Somaalii, Oromiyaa, fi saba sablammii fi uummatoota Kibbaa dabalatee, namoonni gaafa Afrikaa keessa jiraatan miliyoona 12 ta’an hongeedhaaf kan saaxilaman ta’uu ibseera.

Ibsa Amajjii 18 OCHAn baaseen, naannooleen kunneen Amajjii 2023 booda waqtii bonaa seenu waan ta’eef hongeen garmalee kan hammaatu ta’uu ibseera.

Akka ibsa OCHA’tti, rakkoon miidhaan nyaataa ji’a Mudddee keessa naanoolee kanneen keessati mudate torban duraa ji’a Ammajjii keessa harka 30 ni dabala.

Biirooon Busaa fi Gonofaa Oromiyaa rakkoo jiru kanarratti ibsa akka laatuuf yaaliin Addis Standard taasise hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.