Xiinxala:Sinoodosiin Ortodoksii dubbii MM Abiy rakkoo mana amantichaa mudate irratti dubbatan balaaleffate, hiriira mormii guutuu addunyaatti waamuuf dhaadate

Finfinnee, Guraandhala 02, 2023 Qulqulluu Sinoodosiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa dubbii Ministirri Muummee Abiy Ahimad rakkoo amma mana amantichaa keessatti deemaa jiru ilaalchisee dubbataniif deebii jechoota ciccimoon dabaalame Roobii galgala kenneen, dubbii MM Abiy kufaa godhee, wantoota isaan jedhan irrattis tokko tokkoon yaada irratti kennee jira.

Sinodoosichi mootummaan “ol’aantummaa Mana Kiristaanaa, mirgaa fi dantaa seeraan isheef kenname kabachiisuun, gocha seeraan alaa irratti raawwatameef sirreeffama barbaachisaa ta’e kennuudhaan” itti gaafatamummaa heerri kenneeef akka bahatu kan gaafate yoo ta’u, tarkaanfiin sirreeffamaa yoo hin fudhatamne sadarkaa addunyaatti godhamu akka waamu doorsiseera.

MM Abiy “rakkoon yeroo ammaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii keessatti uumame baay’ee salphaa waan ta’eef mariidhaan furmaata argachuu ni danda’ama” jechuun isaanii dhimmicha “xiqqeessanii” ilaaluu fi murtee Qulqulluun Sinoodosii phaaphaasota sadan adda bahanii fi ephisqophoosota 25 isaaniin muudaman irratti fudhate cinaatti dhiisuun mootummaan dhimma keessoo mana amantichaa jidduu seenuu agarsiisa jedhe ibsichi.

Itti dabaluunis dubbiin MM Abiy “gareen lachuu dhugaa qaba, lamaan isaanii iyyuu abbootii keenya, nuti garee addatti deggerru ykn morminu hin qabnu” jechuun dubbatan, “waldaa seeraan beekamtii argatteefi garee seeraan alaa waliin wal-qixxeessuudha” jechuun qeeqe. Kunis “seeraan alummaa kan jajjabeessu fi itti gaafatamummaa mootummaa dhaabbilee seera-qabeessa eeguu” kan faallessudhaa jedhe.

Ibsichi qajeelfamni MM Abiy miseensota kaabinee isaaniif “gidduu akka hin seenne” kennan, hoggantoonni mootummaa, sadarkaa hundatti, nagaa fi tasgabbii ummataa eeguuf tattaaffii guddaa taasisaa turan ni laamshessa jedhe,

“Qajeelfamni kun jeequmsa jajjabeessuu qofa osoo hin taane, hoggaantoonni itti gaafatamummaa isaanii ba’uu irraa akka duubatti deebi’an kan godhu yoo ta’u, aangoo heeraan isaaniif kenname kan uggurudha” jechuun Sinoodosichi ibseera.

Qulqulluu Sinodoosiin dhimmoonni kunniin sirreeffamuu akka qaban, mootummaan olaantummaa seeraa fi nageenya mirkaneessuuf itti gaafatamummaa heera mootummaatiin itti kenname bahuu akka qabu gaafateera.

“Mootummaan fi amantiin adda waan ta’eef heera mootummaa keessatti ifatti waan tumameef mootummaan dhimma amantaa fi qajeelfama mana kiristaanaa keessa seenuu akka hin qabne manni kiristaanaa ni amanti” jechuun Sinodoosichi ibseera.

Akkasumas himannaa cimaa “godinaalee Wallagga Bahaa, Qeellam Wallaggaa fi Horro Guduruu keessatti miseensonni humna addaa Oromiyaa, phaaphaasota garee adda baheen muudamanii gara godinaalee kanneen ergamaniif eegumsaa fi kunuunsa paatiroolii addaa gochuun, humnaan dhaabbilee mana kiristaanaa cabsanii akka seenan, akkasumas dhaabbileen amantii fi bulchiinsa mana kiristaanaa gareewwan seeraan alaa kanaan akka weeraraman godhaniiru” jedhu dhiyeesseera.

Abbootiin amantaa fi hojjettoonni bulchiinsa mana kiristaanaa kan garee adda bahe fudhachuu morman ukkaamfamuu akkasumas konkolaattonni seera qabeessa mana kiristaanaa akka hin sochoonee fi tajaajila kamiifuu akka hin oolle dhorkamaniiru jedhe.

“Gochoonni kun hundi hogganoota mootummaa naannootiin raawwatamuun isaanii mootummaan heera cabsee dhimma amantaa keessa seenee jira jennee amanuutti nu geesse, hayyama mootummaatiinis fonqolchi sinoodoosii irratti raawwatamaa jira,” kan jedhu sinodoosichi, phaaphaasotnni mana amantaa itti ramadaman keessatti rakkina ykn balaa nageenyaa malee akka hojjetan, itti gaafatamummaa isaanii akka raawwatan mootummaan eegumsa barbaachisaa fi wabii lubbuu akka kennuuf gaafateera.

Dubbii MM Abiy deeggarsa mootummaa isaaniitiin “paatriyaarkoonni lama teessoo tokko irratti itti gaafatamaa turaniiru” jechuun dubbataniinn wal-qabatee Qulqulluu Sinodoosiin dubbichi qabatamaan sirrii akka hin taanee fi dhugaa lafarra jiru kan mul’isu miti jedhe. Ameerikaa irraa gara biyyaa kan deebi’an Abuna Maqrqoriyoos akka fakkii hafuuraa Mana Kiristaanaa ta’ee tajaajilaa ture malee akka Paatriyaarkiin lama hojiirra tureetti dhiyaachuun dogoggora jedheera.

Itti dabaluunis dubbiin MM Abiy kun gareen adda bahe gocha amantii, seeraa fi bulchiinsa Mana Kiristaanaa cabsee “seeraan ala phaaphaasii muuduu fi diigumsa Sinodosii” akka godhu hayyamuuf akka haguuggii akka ta’u kan dubbatamedha jedhe Sinodoosichi.

Akka ibsichi jedhutti, muudamni phaaphaasota Ameerikaa irraa deebi’aniis akka MM Abiy jedhan qanoonaa mana kiristaanaa akkaataa cabseen kan raawwatame hin turre.

Dubbii MM Abiy kan mootummaan isaanii gaaffii “mirga afaan ofiitiin tajaajilamuu” namootaa ukkaamsuu hin danda’u jechuun dubbatan irrattis Sinodoosichi deebii cimaa kenneera. Manni kiristaanaa seera ishee keessatti tajaajila afaaniif beekamtii kennuu ishee, kana caalaas, keessumaa immoo hordoftoota mana kiristaanaa naannoo Oromiyaa keessa jiraataniif tajaajila afaan Oromoon kennaa akka turte mirkaneessa.

“Mana kiristaanaa kitaabota waaqeffannaa fi sirna kiristaanaa gara afaan Oromootti hiikuudhaan tajaajila kanaaf gumaacha kan goote yoo ta’u, Phaaphaasota sadan abaaraman kanneen muudama seeraan alaa godhatan dabalatee, ramaddiin luboota afaanicha dubbatan hedduu Oromiyaa keessatti godhamuu,” hima.

Himata Manni Kiristaanaa daneessummaa afaanii hin qabdu jedhuuf bal’inaan deebii kennuuf yaalii godhame fakkaatu keessatti, Sinodosichi itti fufee “waldaan kun kolleejjii hafuuraa bantee akka ummanni naannichaa afaan isaaniitiin baratanii fi tajaajilan gochuu, dhaabbilee leenjii luboota mana amantaa hunda keessatti qindeessitee luboota, diyaaqonootaa fi lallabdoota tajaajilan kumaatamaan lakkaa’aman wangeela barsiisaa turte,” jechuun ibsi “waldaan tajaajila afaan danuu akka mormitee balbala cufatte jedhu akka sirraa’u” gaafate.

Dhimmi biraa Sinodoosiin qeeqe, dubbii MM Abiy kan akkaataa mootummoota kamiinuu hin godhamneen mootummaan isaanii lafaa fi qabeenya mana kiristaanaaf kenneera jechuun dubbatanidha. Qabeenya jedhame qabeenyaa seera qabeessa manni kiristaanaa jaarraa hedduuf itti fayyadamaa turte ta’uu ibsuun, ragaa abbaa qabeenyummaatiin akka mirkanaa’uuf gaafachaa turuu himee, qabeenya haaraa tola mootummaatiin argatte miti jedheera ibsichi.

Akka jedhametti isheef kennamuu baatus, yoo ta’ellee, ummanni magaalaa Finfinnee %75 ol hordoftoota Mana Kiristaanaa ta’uu isaa yoo ilaalle, wanti kennaameef jedhame akka mirga addaatti lakkaa’amuu hin qabu ture jedhe.

Dubbiin MM Abiy yeroo abbootiin amantaa Tigraay keessa jiran adda of baasan “sinoodosichi homaa hin dubbanne, kanaaf yeroo Oromiyaa keessatti uumame mormiin ka’uun sirrii miti” jechuun dubbatan ilaalchisee abbootiin amantaa Tigraay Sinodosii haaraa hin hundeessine, phaaphaasotas hin muudne jechuun dubbichi garaagarummaa akka qabu kan hime ibsi sinoodosii, ibsi MM “haala muudama seeraan alaa fi fonqolcha sinoodoosiif haguuggii seeraa kennu fakkaatuun gochoota wal hin fakkaanne lamaan wal bira qabuun” kenname akka sirreeffamu gaafateera.

Seen-duubee

Sinoodoosiin angafaa Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa gaafa Amajjii 26 yaa’ii hatattamaa taa’een sababa “muudama seeraan alaa”raawwataniif phaaphaasonni duree sadii fi ephisqophoosotni 25 abaaramanii mana amantaa keessaa akka fo’aman murteessee ture.

Sanbata gaafa Amajjii 28 ammoo phaaphaasonni duree sadanii fi ephisqophoosotni 25 abaaraman, tarkaanfii duubdeebii fudhataniin phaaphaasota 12 miseensa sinoodoosii angafaa ta’an abaaranii fo’uun, ephisqophoosota ofii muudan gara bakka ramaddii isaaniitti akka ergaman beeksisan. Phaaphaasonni yeroo amma biyya lallabaa itti ramadamanitti imala eegalan simannaan godhamaafi jira.

Wal-dhibdee amma gara Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa bakka lamatti baqaqsuutti adeemaa jiru kanaaf taateen ka’uumsa ta’e, Adda durummaa phaaphaasii duree biyya lallabaa Shawaa Kibba Lixaa kan ta’an qulqulluu Abuna Saawiroos (PhD) fi angafa phaaphaasota lama biroon kan raawwatame muudama phaaphaasota 26: mana amantaa naannoo Oromiyaa keessatti argamaniif phaaphaasota 17, fi phaaphaasonni sagal ammoo mana amantaa Oromiyaan alatti argamaniif mana amantaa Haaroo Ba’aala Walditti raawwatame dha.

Abuna Saawiroos murtee Phaaphaasota 26 muuduu irratti ibsa dheeraa kennaniin, rakkoo yeroo dheeraa mana amanticha keessatti amantoota afaan dhalootaa isaaniitiin tajaajiluu dadhabuu fi aadaa isaanii irraa adda baafamuu waggoota darban keessa keessumaa Oromiyaa fi naannoo Kibbaatti amantoota miliyoonaan lakkaa’aman akka dhaban taasiseef furmaata kennuun kaayyoo muudamichaa ta’uu ibsanii ture.

Haata’u malee paatraarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa qulqulluu Abuna Maatiyaas, muudama phaaphaasotaa kan gocha “seeraan alaa” eeyyama Qulqulluu Sinodosii malee raawwatame jechuun, taatee “aggaamii guddaa waldaa irratti godhame” ittiin jedhan irratti walga’ii ariifachiisaa waamuun ni yaadatama. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.