Xiinxala: Muudamni phaaphaasotaa mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaatti rifaatuu uume, mana amantittii gargar baasuu danda’aa?

Finfinnee, Amajjii 25/2023 – Muudama phaaphaasota 26 “muudama seeraan alaa” jedhamee balaaleffatame Dilbata darbe godina Shawaa Kibba Lixaa, aanaa Soddoo Daaccee, magaalaa Walisoo mana amantaa Ortodoksii Haaroo Ba’aala Waldi jedhamutti raawwatame hordofee Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa keessatti rifannaa fi walfalmiin uumameera.

Adda durummaa angafa phaaphaasii Mana Lubummaa Shawaa Kibba Lixaa kan ta’an qulqullummaa isaanii Abuna Saawiroos (PhD) fi angafa phaaphaasota lama biroon kan raawwatame muudamni phaaphaasota 26: mana amantaa naannoo Oromiyaa keessatti argamaniif phaaphaasota 17, fi phaaphaasonni sagal ammoo mana amantaa Oromiyaan alatti argamaniif kenname hirmaannaa Qulqulluu Sinodosii malee mana amantaa Haaroo Ba’aala Walditti raawwatame hordoftoota amantichaa hedduu biratti rifannaa fi dheekkamsa bal’aa uumeera.

Paatraarikii Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa kan ta’an qulqullummaa isaanii Abuna Maatiyaas tokkoffaa, walga’ii ariifachiisaa guyyaama san waamaniin, muudama phaaphaasotaa gocha “seeraan alaa” eeyyama Qulqulluu Sinodosii malee raawwatame jechuun, “taatee guddaan waldaa irratti aggaamame” osoo hin eegamiin, beekamtii Sinodoosii ala, akkasumas marii malee raawwatameera jedhan. “Hundi keenya amma, har’a dhageenye” jechuun, walgahii ariifachiisaa torban kana ni gaggeeffama jedhamee eegamuuf phaaphaasota mana amantichaa hunda biyyaa keessaa fi alaa jiraniif waamicha dhiyeessaniiru.

Sana booda Paatriyaarkichi mootummaan itti gaafatamummaa isaa fudhatee dhimmoota kanaan walqabatanii jiran irratti eegumsa barbaachisaa ta’e gochuun nageenya akka mirkaneessu waamicha dhiyeessaniiru; akkasumas luboota fi hordoftoonni amantichaa dabalatee miseensota mana amantichaa hundaan “bakka jirtan hundatti tasgabbaa’aa, kadhannaa fi yaadaan dhimmicha hordofaa” jechuun waamicha dhiyeessaniiru.

Qulqullummaa isaanii Abuna Saawiroos muudama raawwatame booda murtee Phaaphaasota 26 muudaman irratti ibsa dheeraa kan kennan yoo ta’u, rakkoo yeroo dheeraa mana amanticha keessatti amantoota afaan dhalootaa isaaniitiin tajaajiluu dadhabuu fi aadaa isaanii irraa adda baafamuu waggoota darban keessa keessumaa Oromiyaa fi naannoo Kibbaatti amantoota miliyoonaan lakkaa’aman akka dhaban taasiseef furmaata kennuun kaayyeeffatame kan raawwatame ta’uu ibsan.

Angafni Phaaphaasichi Qulqulluun Sinodoosi yeroo ammaa aangoo irra jiru miseensota isaa keessaa 85% garee tokko qofa irraa kan hammate ta’uu fi sab-daneessummaa mana amantaa calaqqisiisuu dhabuu isaatiin himataniiru.

Walgahii ariifachiisaa Wiixata darbe itti aanaa hogganaa waliigalaa mana lubummaa waliigalaa Luuba Balaay Makonniiniin durfamuun gaggeeffame irratti, yaa’iin hoggansa waajjira mana lubummaa namoota yakka seeraan ala phaaphaasota muuduudhaan waldaa “balleessuu” raawwatan jedhamanii himataman akka miindaa isaanii irraa akka ittifaman, waajjiraalee fi manneen jireenyaa isaanii saamsamee akka eegamu ajaja dabarseera.

Yaa’iin bulchiinsichaa waa’ee “gantummaa hunda galeessa” mana amanticha irratti marii bal’aa taasiseera. Ibsa booda baaseen yaa’iin hoggansa kun Qulqullummaa isaanii Abuna Saawiroosii fi kanneen biroo “caasaa (dhaabbata) aangoo isaaniif kenne haaluun gantummaa raawwatan” jechuun himachuun “baay’ee nama gaddisiisa” jechuun himate. Akkasumas mariidhaan araara buusuu akka hin barbaanne ibseera. “Haala kamiinuu warra kana raawwatan waliin mari’achuun al-kallattiin seera fi qajeelfama waldaa keenyaa cabsuudha.”

Garuu kanneen murtee Phaaphaasota muuduu duuba jiran Qulqulluun Sinodoosiin muudamichaaf beekamtii kennuu yoo dide Sinoodosii irraa adda ba’uu akka malan ibsan.

Miseensota koree rakkoo mana amantaa Oromiyaa furmaata barbaaduuf hundeeffame keessaa tokko kan ta’e Marid Tulluu yaada Addis Standarditti himeen, adeemsi muudama kanaa akkaataa seeraa fi dambii mana amantichaatiin kan raawwatame ta’uu ibsuun, kunis gaaffii yeroo dheeraa hordoftoota amantichaaf deebii kennuudhaaf kan raawwatame ta’uu ibseera.

“Bu’uurri muudama kanaa gaaffii bara darberraa eegalee keessumattuu karaa sochii Mana Lubummaa Oromiyaa, luboota afaan hawaasichaatin wangeela lallabuu danda’anii fi tokkummaa mana amantii keenyaa eeggachuu danda’an nuuf muudaa jedhame gaafatamaa ture fi tuffiidhaan bira darbame deebisuun kaayyeeffate,” jedhe Marid.

Akka Marid jedhutti, sochiin Mana Lubummaa Oromiyaa (mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa waliin erga waliigaltee raawwatame booda itti aanaa hogganaa mana lubummaa waliigalaa kan ta’an Luuba Balaay Makonniinin hogganamaa kan ture) “waada sobaa” kan akka haala kanaan dura hin argamneen bal’inaan Afaan Oromoon barsiifamu akka eegalamu, kolleejjii wangeelaa Afaan Oromoo banuu, macaafa qulqulluu afaan Oromootiin maxxansuu, fi kanneen birootin araara godhameen dhaabbate ture. “Gaaffileen xalayaadhaan bulchiinsa ol’aanaa mana amantichaatiif dhiyaatanis deebii hin arganne.”

Sochiin Mana Lubummaa Oromiyaa erga fashalaa’ee booda koreen rakkoolee mudate qoratu hundaa’ee ji’oota shan oliif hojjechaa akka ture kan hime Marid, hawaasa bal’aa hordoftoota amantaa kanaa waliin marii taasiseera jedhe. Itti dabaluunis gaaffilee hawaasni bal’aan kaasan deebii argachuu waan qabuuf koreen kun dhiyeenya kana muudama phaaphaasotaaf haala mijeessee jira jedhe.

Muudamni kun akkaataa seera fi dambii amantichaatiin kan raawwatame ta’uu fi seerri mana amantaa Ortodoksii Phaaphaasonni lama ykn sadii walitti dhufanii phaaphaasii akka muudaman kan hayyamu ta’uu Marid Tulluun himeera. ”Kun muudama paatraarikii haaraa miti. Akkasumas dogmaa fi seera amantii cabe hin jiru. Tokkummaa mana amantichaatti ni amanna, garuu gaaffiin dhiyaate deebii argachuu qaba. Akkasumas sababa galiin mana amantichaa irra caalaan isaa naannoo Oromiyaa irraa madda waan ta’eef balaaleffannaan Mana Lubummaa irraa dhufus tokkummaa mana kiristaanaa eeguu caalaa fedhii maallaqaa qaba.”

Marid akka ibsetti bulchiinsi olaanaa mana amantaa Ortodoksii dhimmichi karaa nagaa akka xumuramuu yoo fedhii qaba ta’e muudama Phaaphaasota 26 Dilbata raawwatame raggaasisee gara mariitti ce’uu akka qabu fi “balaleffannaa fi dhoorkuu yoo filatan garuu gara sinoodoosii of danda’e hundeessuu fi paatraarikii ofii muuduutti deemama” jedhe. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.