Oduu: Gamoon ammayyaa bulchiinsa kutaa magaalaa Lammii Kuraa eebbifamuuf guyyootni hafu abiddaan manca’e

Finfinnee – Magaalaa Finfinneetti gamoon ammayyaa bulchiinsa kutaa magaalaa Lammii Kuraa eebbifamuuf guyyootni hafu abiddaan manca’uu bulchiinsi magaalattii beeksise. Gamoon kun Sambata dhufu eebbifamee tajaajila eegaluuf qophiirra turame.

Waajjirri Kantiibaa magaalaa Finfinnee akka beeksisetti gamoon kun tajaajilawwan bulchiinsaa ammayyeessuuf yaadamee teekinoolojiiwwan gurguddoo akkasumas leeccaloo barbaachisaa haala guuttatteen kan ijaarame ta’us, ragaa jiraattotaa irraa kan hafe martinuu abiddaan manca’ee jira.

Gamoon kun qindeessummaa kantiibaa magaalaa Finfinneetiin gamoo waajjiraa ammayyaa akkasumas akka dhaabbataatti riifoormii teeknooloojii dijitaalaan deeggaramuun tajaajila dijitaalaa kennuu danda’u guuttatee ijaarame.

Misoomawwan teekinoolojii gamoo kana keessatti tolfaman hirmaannaa dhaabbilee teekinoolojii gurguddoo akka itiyoo-telekoom, eejansii hubannoo nam-tolchee (AI) fi eejansii nageenya odeeffannootiin akka ta’e waajjirri kantiibaa ibseera.

Kunis hojimaata badaafi hanna addatti kutaa magaalaa Lammii Kuraa keessatti hammaatee ture ittisuuf ni gargaara yaada jedhuun kan ijaarame ta’uunis ibsamee jira.

“Sababni fi ka’uumsi balaa abiddaa kanaa poolisiin qoratamaa akka jiruufi akkuma qorannoon xumurameen uummataaf ifa ta’a,” kan jedhe ibsi waajjira kantiibaa Finfinnee, hawaasni odeeffannoo kennuun qorattoota akka gargaaru waamicha dhiyeessee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.