Oduu: Ameerikaan Lolli Oromiyaa keessaa xumura akka argatu gaafatte, loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa bahuu eegaluu jajje

Suraa: EVELYN HOCKSTEIN / POOL / AFP) (Photo by EVELYN HOCKSTEIN/POOL/AFP via Getty Images

Finfinnee, Amajjii 23, 2023 – Mootummaan Ameerikaa waraana naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jirutti yaada deebifachuun, “rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessatti itti fufee jiru xumura argachuun barbaachisaa ta’uu” ministirii haajaa alaa US Antonii Biliinkan wayita MM Abiy Ahimad waliin bilbilan mari’atan himan.

Antonii Biliinkan waraanni Oromiyaa keessaa xumura akka argatu MM Abiy waliin kan dubbatan wayita humnoota mootummaa fi miseensota waraana bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan “Shene” jechuun waamu gidduutti lolli adeemaa jiru hammaachaa jiruttidha.

Guraandhala 03 Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa garee finciltootaa WBO barbadeessuun naannicha tasgabbeessuuf kaayyeffatee, Kibba Oromiyaa keessatti duula waraanaa haaraa eegaleen milkaa’aa akka jiruufi kunis “gandoota Kibba Oromiyaa hedduus bilisoomsuu” himee ture. Torbanuma sana garuu miseensonni WBO Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaa keessatti mana hidhaa godinaa cabsanii seenuun hidhamtoota 480 ol bilisa baasuu Addis Standard gabaaseera.

Lolli gara waggaa afuriin dura eegale kun karaa nagaa akka furamuuf waamichi godhamu dabalaa dhufeera. Muddee 05 miseensonni paarlaamaa miseensa paartii biyya bulchaa jiru ta’an xalayaa qabxii kudhan of keessaa qabu Ministira Muummee Abiy Ahimad fi hoggantoota olaanoo mana marichaaf barreessaniin, nageenyi waaraa naannoo Oromiyaatti akka jiraatu gaafatan turan.

Miseensonni paarlaamaa kunneen waraanni Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru akka dhaabbatu, mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin waliigaltee nagaa akka taasisu haala kanaan dura hin baratamneen waamicha dhiyeessaniiru. Haa ta’u malee, mootummaan tarkaanfii hidhattoota kanarratti fudhatu cimsuun mariif fedhii akka hin qabne mul’isaa ture.

Ibsi ministeerri haajaa alaa Ameerikaa baase dhimma kanarratti waan aanga’oonni lamaan mari’atan gadi fageenyaan hin himne. Lola kana xumuruuf tarkaanfiin akkamii fudhatamuu akka qabus odeeffannoo tokkollee hin kennine. Haata’u malee US dhimma oromiyaaf xiyyeeffannoo kennuun namoota siyaasaa akka Jawaar Mohaammad kan “mootummaan Ameerikaa waraanni Oromiyaa keessa jiru karaa nagaa furuuf dhiibbaa gochuu eegaluu arguutti gammadeera” jedheen simatamee jira.

Humnoota Eertiraa fi Amaaraa Tigraay keessa jiran ilaalchisee, Antoonii Bilinken, loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa “bahuurra jiru” jedhan. Kunis “Kaaba Itiyoophiyaa keessatti nagaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf murteessaadha” jedhan.

“Waliigaltee nagaa hojiirra oolchuu irratti hanga ammaatti tarkaanfileen fudhataman; loltoonni Eertiraa bahuun itti fufee jiru abdii fi nagaa mirkaneessuuf tarkaanfii murteessaa dha” jechuun Biliinken tiwiitara isaanii irratti barreessuudhaan, loltoonni Eertiraa ba’uu eegaluu isaanii yeroo jalqabaaf mirkaneessaniiru.

Jimaata darbe, jiraattonni magaalota gurguddoo Tigraay kan akka Aksuum fi Adawaa sochii guddaa loltoonni Eertiraa wayita naannoo isaanii keessaa bahan argan ragaa bahaa turan. “Guyyoota lamaan darbanitti konkolaattonni fe’umsaa loltoota fe’an 20 hanga 30 gara Adii Baraak darbaniiru. Sochii har’aa kan adda isa godhu baay’ina isaanii fi waan hunda baatanii deemuu isaaniiti. Konkolaattonni fe’umsaa misaa’ela farra xiyyaaraa fe’anillee jiru,” jechuun jiraataan magaalaa Adwaa tokko BBC’tti himeera.

Haa ta’u malee oduun loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa bahuu garee hordoffii fi mirkaneessuu Gamtaa Afriikaatiin hin mirkanoofne. Gareen kun Amajjii 10 humnooti Tigraay waraana hiikkachuu eegaluufi meeshaalee gurguddoos Raayyaa Ittisa biyyaaf kennuu eegaluu mirkaneessee ture.

Qajeelfamni Waliigaltee Piriitooriyaa hojiirra oolchuuf bahe, kan Adoolessa 12 Naayiroobiitti mallattaa’e, keewwata 2.1/D, jalatti, “meeshaa waraanaa gurguddaa hiikkachuunifi humnoonni biyyoota alaa fi kanneen Raayyaa Ittisa biyyaa hin taane bahuun yeroo tokkotti raawwatama” jedha.

Bilinken to’attoonni idil-addunyaa sarbama mirgoota namoomaa biyyattii akka seenan karri akka banamuuf kan gaafatan yoo ta’u, MM Abiy Ahimadiif, “Ameerikaan adeemsa nagaa Kaaba Itoophiyaa keessatti gamtaa Afrikaatiin durfamu akka deeggaru itti fuftu” mirkaneessaniifii jiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.