Oduu: Rakkoon nyaataa, bob’aa fi maallaqaa Itoophiyaa keessatti manguddoota gadadoof saaxile – Qorannoo haaraa

“Rakkoon amma jiru hiyyummaa daran hammeessee, jireenyaa nama golgoleessaa jira.”

Finfinnee, Amajjii 21, 2023– Qorannoon haaraan dhaabbati HelpAge International jedhamu Itoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa 10 keessatti, dhiibbaa rakkoo nyaataa, boba’aa fi maallaqaa addunyaa mudate irratti dalageen, sababa rakkoo nyaataa, boba’aa fi maallaqaa amma Itoophiyaa keessa jiruun, manguddoota qorannoof gaafataman keessaa dhibbeentaa 87 kan ta’an hammi fi akaakuun nyaataa isaanii fi kan Maatii isaanii xiqqaachuu himan

“Rakkoon amma jiru hiyyummaa daran hammeessee, jireenyaa nama golgoleessaa jira. Manguddoonni nyaata gahaa fi wantoota barbaachisoo ta’an biroo argachuuf rakkachaa jiru, kunis gadadoo hamaaf isaan saaxilee fiixee du’aarra jiru,” jedhe HelpAge International.

Akka qorannoon kun agarsiisutti, manguddoonni umuriin raagan nyaata gahaa argachaa hin jirani. Mangudoonni dubartootaa dhibbeentaa 92 tahan (akka manguddoota dhiiraa dhibbeentaa 43) nyaata gahaa waan hin arganneef, hatattamaan haalli nyaataa isaanii akka fooyya’u gochuun barbaachisaa ta’ee argameera. Galiin jiddugaleessa abbootii warraa xiqqaachaa, gatiin nyaataa ammoo akkaan dabalaa jira.

“Abbootiin warraa hedduun nyaatawwan rakasha fayyadamuun (kanneen qorannoo irratti hirmaatan keessaa dhibbeentaa 100), guyyaatti yeroo meeqa akka nyaatan hir’isuun (dhibbeentaa 97), hamma nyaataa yeroo tokkotti nyaatan hir’isuun (dhibbeentaa 97) of jiraachisaa jiru. Kun ammoo fayyaa manguddootaa irratti dhiibbaa guddaa uumuufi, rakkoolee isaan mudatan akka hin dandamanne isaan gochaa jira.”

Gama kaaniin gatiin boba’aa akka malee qaala’uun namoonni madda boba’aa rakasha barbaaduun akka itti fayyadaman taasisuu bira darbee, guyyaatti yeroo meeqa nyaata akka bilcheeffatan daangessee jira. “Sooramakoo baatii kanaa guutummaa isaa gatii elektiriikii kafaluufan baase. Duraan birrii 600 kafalaan ture, amma birrii 1,200n kafale” jedhe namni qorannoo kana irratti hirmaate tokko.

Manguddoonni qusannoo gahaaa akkasumas eegumsa hawaasummaas waan hin qabneef caalaatti miidhamoo ta’uus qorannoon kun mul’isee jira. Manguddoota Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 7.3 kan ta;an qofaatu kafaltii sooramaa argata. Kana keessaa dubartoonni dhibbeentaa 10 qofa.

Osoo silaa akkaataan liqii xixiqqaa itti argatan manguddootaaf mijaawee, rakkoo kana akka dandamatan gargaara ture kan jedhu HelpAge, dhaabbileen maallaqaa manguddoonni kunneen waan qabsiisan waan hin qabneef liqaa kennuufi rincicu jedheera. “Baankonnis ta’e dhaabbilee maallaqaa xixiqqaan manguddoota akka nama liqaan maluufitti hin lakkaa’an” jedha namni qorannoo kanarratti hirmaate tokko.

Qorannoo HelpAge International fedhii jiru adda baasuuf taasiseen Booranatti namoota gaafatamanii debii kennan keessaa dhibbeentaa 71 kan ta’an, jiruun ykn daldalli isaanii sababa weerara KOOVID dhiibbaan kan irra gahe yoo ta’u, dhibbeentaa 60 kan ta’an nyaata argachuun fedhii dursa kennaniif akka tahe mul’isaniiru.

Qorannoo biraa aanaalee Goojjam Bahaa keessatti gaggeeffameen ammoo namoota gaafataman 2,120 keessaa dhibbeentaa 60 kan tahan wabii nyaataa kan hin qabne yoo tahan, KOOVID 19, jijjiiramni qilleensaa akkasumas dhimmoonni haala qonnaan walqabatan qaala’iinsa jireenyaatti waliin sababoota tahuun eeramaee jira.

Rakkoo nyaataa. Boba’aa fi maallaqaa Itoophiyaa wantoota hammeessaan keessaa hongee dheeraan, tasgabbii dhabiinsi diinagdee biyyattii, dhiibbaan KOOVID 19, waraanni Kaaba biyyattii akkasumas waraanni Raashiyaa-Yuukireen ni eeramu jedha qorannichi.

Rakkoolee manguddoota Itoophiyaa mudataa jiran kana hir’isuuf, mootummaan Itoophiyaa tarkaanfi hatattamaa deeggarsa gatii wantoota bu’uuraa akka zayita nyaataa, daakuu qamadii fi sukkaaraa gochuu qaba kan jedhu HelpAge International, deeggarsa gatii xaa’oo gochuun omishtummaan akka dabalu, manguddoonni eegumsa hawaasummaa akka qabaatan, wabii nyaataa (seeftii neetii) akka argatan gochuutti dabalataan waraana kutaalee biyyattii gara garaa keessatti adeemaa jiru hatattamaan furmaata itti gochuun barbaachisaa akka tahes eeree jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.