Oduu: UKn lammiilee Itoophiyaa hongee fi waraanaan miidhamaniif paawondii mil. 16.6 arjoomte, hawaasni idil-addunyaa “rakkoo namoomaa Itoophiyaa hammaataa jiru” akka hin daganne dhaamte

Suraa: UNICEF

Finfinnee Amajjii 21, 2023 – Ministirri misooma UK Andireew Miicheel, UKn lammiilee Itoophiyaa kuma 600 ol “naannoowwan rakkoon nagaa dhabuu keessatti hammaachaa dhufe” keessa jiraatan deeggaruuf kan oolu paawondii miliyoona 16.6 arjoomuu beeksisan. Hawaasni idil-addunyaa “rakkoo namoomaa Itoophiyaa keessatti hammaataa dhuferraa ija akka hin kaafnes” UKn gaafatteetti.

Maallaqa UKn Amajjii 20, lammiilee Itoophiyaaf arjoomuu beeksifte kana keessaa paawondiin miiliyoona 11.6 sagantaa Productive Safety Net Program (PSNP) jedhamuuf kan oolu yoo ta’u, naannoolee Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa, Affaar fi Hararii keessatti “namoota 250,000 ta’an rakkoo wabii nyaataa qabanii fi hiyyummaa hamaa keessa jiran bira gahuun” guutummaa Itoophiyaa keessatti rakkoo namoomaa hamaa jiru salphisuuf gargaara jedhame.

Paawondiin miiliyoona 5 hafe ammoo karaa Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) dubartoota ulfaa fi harma hoosisan gara 23,000 ta’an kanneen hanqina nyaataa cimaan rakkatan yaaluuf, akkasumas barattoota 42,000 manneen barnootaa 75 keessatti barataniif sagantaa nyaataa fooyya’aa akka argatan gargaara jedha ibsi arjooma maallaqaa kana ifa gochuuf kenname.

‘’Gargaarsi UK kun yeroo murteessaa guutummaa Itiyoophiyaatti namoonni gara miliyoona 30 ta’an rakkina hamaa keessa jiranitti kenname. Gargaarsi lubbuu baraaruu keenya namoota kuma dhibbaan lakkaa’aman ni ga’a – isaan keessaa walakkaa ol dubartootaa fi daa’imman rakkoo biyyattii hammaataa dhufe kana baadhachaa jiranidha,” jedhan Andireew Miicheel.

Naannoolee Kaabaa fi Lixa biyyattii qofa keessatti tilmaamaan “namoonni miliyoona 22 ta’an sababa gogiinsa, walitti bu’iinsaa fi dhiibbaa diinagdeetiin rakkoo wabii nyaataa hamaa keessa jiru,” jette UKn. “Tigraay keessatti erga baatii Sadaasaa keessa waliigalteen nagaa mallattaa’ee booda, gama gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuun fooyya’iinsi jiraatullee, namoonni baay’een ammallee nyaata, boba’aa fi yaala fayyaa dabalatee dhiyeessii barbaachisoo fi tajaajiloota bu’uuraa argachaa hin jiran”.

Oromiyaa dabalatee Itoophiyaa keessa iddoowwan hedduutti jeequmsi fi tasgabbii dhabuun itti fufee jira. “Haalli nageenyaa hammaataa dhufuun, namoonni nagaa baay’inaan qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru, hedduun isaanii haala dhaabbileen gargaarsaa bira hin dhaqqabne keessatti, tajaajiloota barbaachisoo kanneen akka ibsaa, neetworkii moobaayilaa, yaala fayyaa fi tajaajila baankii argachaa hin jiran” jedha ibsichi.

Maallaqni amma UKn arjoomte kun maallaqa gargaarsaa biyyattiin bara kana Itoophiyaaf kennite paawondii miliyoona 49.2n kan gahu yoo ta’u, waggoota 17 darban keessatti UKn sagantaa PSNP qofaaf paawondii miliyoona 650 kan kennite ta’uun ibsameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.