Oduu: Walitti bu’iinsa ijaarsa hidha bishaaniirratti milishaa Oromiyaa fi jiraattota Somaalii gidduutti uumameen lammileen nagaa ajjeefaman, hedduun madaa’an

Komaandar Alii Saamiree Siigaas

Finfiinnee Amajjii 20, 2023 Walittii bu’iinsa humnoota mootummaa Oromiyaa fi jiraattota naannoo Somaalii kan daangaarra jiraatan gidduutti uumameen namoonni sadii ajjeefamuu fi 12 ta’an madaa’uu jiraattonni naannichaa Addis Standard’itti himaniiru.

Akka jiraattonni naannoo Somaalii jedhanitti, walitti bu’iinsi kun kan jalqabe Amajjii 13 yeroo hojjattoonni mootummaa naannoo Oromiyaatiin ergaman ijaarsa hidha bishaanii kan ganda Marar jedhamu kan naannoo Somaalii godina Fafaan aanaa Tulluu Gulad keessatti argamutti ijaaruu eegaluu hordofee ta’uu jiraattoonni naannoo Somaalii himaniiru.

Ijaarsi hidha bishaanii kanaa magaala guddittii naannoo Somaali Jigjigaarraa fageenya dhihootti ijaaramaa kan jiru kan himan jiraattonni, mootummaan naannoo Oromiyaa uummata naannoo sana qubate otuu hin mariisisin hidha kana ijaaruuf murteessuusaa komatu.

Qondaali olaanaan dhimmichaaf dhiyeenya qaban kan eenyummaan isaanii akka ifa hin taane gaafatan akka Addis Standard’tti himanitti, ijaarsi hidhichaa hanga dhiibbaan inni jirattoota naannichaarratti fidu qoratamuutti akka dhaabbatu waliigalteerra kan gahamee ture yoo ta’u, mariin aanga’oota lamaanii jidduutti dhimmicha irratti osoo godhamaa jiru, ijaarsi kuni haala ifa hin taaneen itti fufeera.

Manguddoon hawaasa Somaalii obbo Muuhi’aadan Haajii Abiib Addis Standard’tti aka himanitti, “Ijaarsa piroojeektii [hidhaa] kana sababa godhuun mootummaan Oromiyaa daangaa naannoo Somaalii dhiibaa jira,” jedhaniiru.

Akka manguddoon kun jedhanitti, haleellaa milishoonni Oromiyaa Amajjii 13 bananiin lammileen nagaa sadii ajjeefamuun 12 madaa’aniiru. Gabaasaaleen biroo fi rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa Somaalii lakkoofsi namoota du’anii 16 akka gahu himu.

Mootummaan naanoo Oromiyaa piroojektii ijaarsa hidha bishaanii kana erga eegalee ji’a jaha darbeera jechuun, “haata’u malee gochaan akkanaa kuni naannoolee lamaan walitti buusuu kan danda’u ta’uu qondaalota mootummaa naannoo Somaalii fi qaamota dhimmi ilaallatu birootti sodaa qabnu himnee ture,” jedhan Muhii’aadan.

Mootummaa naannoo Somaaleetti hogganaa biiroo dhimma walittti bu’iinsa daangaa furuu Komaandar Alii Saamiree Siigaas ibsa gaazeexeessitootaaf Kibxata uummata Oromoo wajjiin obbolummaa kan qaban ta’uun ibsuun hoggantoonni naannoo Oromiyaa tokko tokko garuu lafa babal’ifachuuf hojjachaa jiru jechuun yakkeera.

Mootummaa naannoo Somaalees ta’ee hawaasa nannichaa otuu hin mari’achiisin ganda Marar kan daangaa mootummaa naannoo Somaalee keessatti argamu keessatti hidha bishaanii ijaaruuf yaalii taasisaa jiru jedheera.

Milishaan naannoo Oromiyaarraa dhufan lamiilee ajjeessanii fi miidhaa qaamaa kan qaqqabsiisan ta’uu eeruun, kanaan duras sababa ijaarsa hidha kanaatiin abbootiin warraa Somaalii 2000 ta’an naannichaa kan buqqa’an ta’uu hubachiiseera.

Haata’u malee Biiroon Kominikeeshinii Naannoo Somaalii ibsa boodarra baaseen Komaandar Aliin aangoorraa kaafamuu eeruun ibsi inni miidiyaaleef kennes, erga aangoorraa kaafamee booda ta’uu beeksiseera. Ibsi aanga’aan kun kenne “seeraan ala” kan jedhe biirichi ibsichi ejjennoo mootummaa naannoo Somaalii miti jedheera.

Aanga’oonni naannoo Oromiyaa ijaarsa hidhaa kanaa torban dhiyoo dura kan daawwatan ta’uu dubbachuun gochaan kuni jiraattota ganda Marar gidduutti jeequmsa kakaasuun walitti bu’iinsi kana cimsuun jiraattonni ni himu.

Ogeessa sab-qunnamtii Biiroo Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa dhimma kanaan walqabatee odeeffannoo kan hin qabne ta’uu Addis Standard’ti himeera

Muddee bara darbee, qonna boolla bishaaniin waal-qabatee walitti bu’iinsa uumameen naannoo Somaalee godina Kooraahee aanaa Shilaaboo keessatti namoonni lama ajjeefamuun kan torba ta’animmoo garmalee hubamanii ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.