Oduu: Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaa gabaasa egeree magaalattii murteessuuf riifarandamiin godhamuufi jedhu kufaa godhe

Finfinnee Amajjii 20, 2023 – Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaa magaalattiin naannolee Somaalee ykn Oromiyaa keessaa tokko jalatti akka hammatamtu murteessuuf riifarandamiin gaggeeffamuu qaba jechuun gabaasa dhiyaate kufaa godhe.

Ibsi Biiroon Komunikeeshinii Dirree Dhawaa baase, egeree magaalattii murteessuuf riifarandamii gaggeessuu yaadni jedhu kan dhiyaate miseensa paarlaamaa tokko qofaan, walga’ii waloo addaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshinii isa jalqabaa irratti yoo ta’u, hoggansa bulchiinsa magaalichaatiin kan irratti hin mari’atamnee fi ejjennoo bulchiinsa magaalichaas miti jedheera.

“Hoggansi olaanaa bulchiinsa magaalattii dhimma riifarandamii dogoggoraan gubatamee fi gabaafame xiyyeeffannoon ilaaleera” kan jedhu ibsi kun, bulchiinsii magaalattii, dhimma fooyya’iinsa chaartara magaalattii kan misoomaa fi badhaadhina Dirree Dhawaaf gahee olaanaa taphata jedhe, yeroo ammaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin raggaasifamuuf jiruuf xiyyeeffannaa kennee hojjechaa jira jedhe.

Chaartariin Dirree Dhawaan ittiin bulaa turte, faayidaa mataa isaa qabaatus, waggoota kurnan lamaa oliif rakkoolee misooma magaalichaa danqan qaba jedhe ibsi kun.

Ibsichi jiraattonni fi michootni misoomaa magaalichaa dhugaa kana hubatanii guddina magaalichaaf yeroo kamiyyuu caalaa gumaacha gochuu akka itti fufan waamicha dhiyeessee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.