Oduu: Baankiin Biyyooleessaa Itoophiyaa hogganaa haaraa argate; bakka Ministiroota aangoorraa kaafamanitti muudamni raawwatame

Maammoo Mihiratuu. Suraa: Waajjira Ministira Muummee

Finfinnee, Amajjii 20/2023 – Hogganaa dhaabbata invastimantii mootummaa ‘Ethiopian Investment Holdings’ jedhamu, dhaabbata invastimantii bara darbe hundeeffame, kan ture Maammoo Mihiratuu, Yinnaagar Dassee (PhD) bakka bu’uun Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa ta’uun muudameera. Dr. Yinnaagar Dassee Komishinara Komishinii Karoora Biyyaalessaa ta’uun erga muudame yeroo muraasa booda Waxabajjii 2018 irraa eegalee Bulchaa Baankii Biyyooleessaa ta’uun tajaajileera.

Hojjetaa Baankii Addunyaa kan ture Maammoon, gorsaa olaanaa imaammataa ta’uun gara waajjira Ministira Muummeetti kan ce’e yoo ta’u, Itoophiyaa bakka bu’uun Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO) keessatti qondaalaa olaanaa daldalaa ta’uunis tajaajilaa ture. Bara 2019 bulchiinsa MM Abiy keessatti dargaggoota sochii haaromsa diinagdee Itoophiyaa hoogganaa jiran keessaa tokko jedhamuun ‘The Financial Times’n jajamee ture.

Ibsa waajjira MM Jimaata baaseen, Alamuu Simee (PhD) Ministira Geejjibaa fi Loojistikii, Injinar Habtaamuu Tagagn fi Dr Girmaa Amantee ammoo Ministira Albuudaa fi Qonnaa akka hoogganan muudamuu ibsameera.

Muudamni kun yeroo Manni Maree Ministirootaa, ministeerota afur aangoorraa kaase fi itti aansuunis torbeewwan darban keessa haala hin eegamneen Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Ma’aazaa Ashannaafi fi itti aanaan ishee Solomon Araddaa fedhii isaaniin aangoo gadhiisuu isaanii hordofee raawwatame.

Sanbata darbe Manni Maree Ministirootaa bakka Ministirri Muummee Abiy Ahmad argametti, Ministira Geejjibaa fi Loojistikii, Daagmaawwit Mogas; Ministira Albuudaa, Taakkalaa Uumaa; Ministira Qonnaa, Umar Huseen; fi Hogganaa Waajjira Ministira Muummee fi Ministira Dhimma Kaabinee, Tafarii Fiqreef sirna gaggeessaa taasise ture.

Aangoo gadhiisuu Pirezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa fi itti aanaa ishee hordofee, kibxata darbe Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Tewdros Mihirat Pirezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa, Ababaa Embi’aala ammoo Pirezdaantii Itti-aantuu Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa ta’uun muudamuu isaanii raggaasiseera.

Muudama haaraa kana keessatti hanga yeroo dhiyootti UN keessatti bakka bu’aa dhaabbataa Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan ture ambaasaaddarri dippilomaatii buleeyyii Taayyee Atsiqasillaasee Gorsaa Imaammata Dhimma Alaa Muummicha Ministeeraa ta’uun muudameera.

Alamtsahaay Paawlos, Daaqoon Daani’eel Kibrat fi Mallasa Alamuun akkaataa wal duraa duubaan Hogganaa Waajjira Ministira Muummee fi Ministira Dhimmaoota Kaabinee, Gorsaa Dhimma Hawaasummaa MM Abiy Ahmad, fi sadarkaa ministeeraatti Qindeessaa Giddugala Dimookiraasii ta’uun muudamaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.