Ibsama: Shaalaqaa Jaatanii Alii Tandhuun Eenyu?

Finfinnee, Amajjii 18/2023 – Obbo Jaatanii Alii Tandhuu Jaatoofi Shaalaqaan maqaa hawaasni ittiin waamu garuu Maqaan warri baasaniif Jaatanii Alii Tandhuu yoo ta’u, gaggeessaan Booranaa duraanii ”jireenya isaa guutuu uummata isaaf jiraate” jedhamuun har’allee hawaasa Booranaafi uummata Oromoo biratti guddoo nama jajamuudha.

”Ilmi sabaa guddoo jaalatamu” kun erga lubbuun isaa dabree ganna 30tti dhiyaachaa kan jiru yoo ta’u, hiriyyaan ijoollummaarraa qabee Shaalaqaa beekaniifi wajjin baratan Obbo Taadhii Liiban akka himanitti, Jaatanii Alii gabaabumatti ”nama nam dura deemuufi diqqaa -guddaan kan haasa’aasaa jaallatu,” ture jedhu.

”Akka durii loon callaa horatanii taa’uu hin danda’ani, lafa tanallee qotadhaa miidhaan namaa baafti, loon keessanillee jabeessaa, daldallis nama guddisa, Diraattilee mana ijaarradhaa,” jedhee hawaasa Booranaa gorsaa akka ture maanguddoonni kunneen ni dubbatu.

“Gaaddisi dawoo gosaa waa nurraa cabuu hin malle. Jaatanii Alii Tandhuu biyyeen si dhawuu hin malle”

Obbo Huqqaa Garsee Odaa ammoo bara Jaatanii Alii bulchaa turanitti isaan jalatti nama tajaajilaa turaniifi isaan wajjinis nama dirree waraanaa hiriiranidha. ”Jaataniin qaroofi Goota Booranaati, Beekaa namaati, Kan waan cufa fageessee laaluufi nama nam hunda jaallatu,” jechuun ibsu. Namoonni gameessa kana qaamaan beekanis tahe dhaloonni ammaa, waa’ee jaatanii Alii wayita dubbatan miira keessa galaniiti hiriyyaan isaanii bara dheeraa Obbo Taadhiin ”Duuti namaa ta akkasaa garaa na nyaatte hin jiru,” jechuun ajjeechaa nama kanaan gadda garaa keessaa hin baane wajjin akka jiran yoo dubbatu kabajaa nama kanaaf jecha har’allee dhaloonni sirba baasu, ni walaleessu, kitaaba barreessu, bakka garagaraa maqaasaatiin moggaasu.

“Gaaddisi dawoo gosaa waa nurraa cabuu hin malle. Jaatanii Alii Tandhuu biyyeen si dhawuu hin malle,” jechuun artist Lookoo Ashanees weellisteetti.

kanaaf Namni akkasiin saba biratti ajjeechaasaa barkurnee sadiin boodas har’allee guddoo jajamu kun eenyu? Hawaasa biratti maaliif akkasiin kabajaa guddaa horate? kan jedhuufi kaanis namoota isatti dhiyeenya qabaniifi kitaaba seenaasaa irratti barreeffame wabeeffachuun odeessa armaan gadii qixeessinee jirra.

Shaalaqaa Jaatanii Alii eenyu? Jaatanii Alii Tandhuu A.L.A bara 1941 bakka Melbanaa jedhamtu, Aanaa Dirree Godina Booranaatti kan dhalatan wayita Kiristinnaa ka’uttis maqaansaa gara Mabaa Tsiyoon’tti jijjiirame.

Hawaasni Booranaa maqaawwan jaalalaa ‘Jaatoo’ fi maqaa sadarkaa poolisiin argataniin ‘Shaalaqaa’ jedhamaniin yaamus, maqaan galmeesaaniirra ture garuu Mabaatsiyoon Alii kan jedhudha.

Kitaabni seenaa isaanii Aabba Taadhii Liibaniin Afaan Ingiliiziin barreeffame ”Jatani Ali Tandhu: Life & Legacy of a Borana Statesman” jedhu akka himutti, Jaataniin bara mootii Hayilasillaasee keessatti ijoollee horsiisee bulaa carraan barnootaa kennameefii keessaa isaan tokko turan, Ijoollee 65 lafti Booranaatii deemanii barnoota argatan kanneen hawaasni ”Ijoollee bulguu kennani,” jedhee ibsa.

Kanaanis bara 1952tti Finfinneetti kan argamu Mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Madaanaalamiitti barnootasaa jalqabaa, akkasumas Wiingeetitti ammoo kutaa 10-12ffaatti barachuun Barnootasaanii erga xumuranii booda, akkaadaamii poolisii Abbaa Diinaa jedhamutti leenjii waggoota sadiif galuun, Bara 1965’tti eebbifaman.

Achiis waggoota torbaaf magaalaa Finfinneefi kutaa biyyaa Gaamoo Goofaa dabalatee itti gaafatamummaa garagaraan hojjetan.

Boodarras gara Finfinneetti geeddaramuun Damee Poolisii Tiraafikaa keessatti ganna shaniif tajaajilanii turan. Tajaajila Kanaanis Itiyoophiyaa bakka bu’uun yaa’iiwwan biyyoota garagaraatti adeemsifaman irratti yoo hirmaatan, Biyyoota akka Jaappaan, Biriteen, Firaansii fi Jarmanii Lixaa daawwataniiru.

Boodarras eeyyama hojiisaaniirraa argachuun Yuunivarsiitii Finfinnee Mana Barnootaa ‘Social Work’tti galmaa’uun ganna lamaaf erga baratanii, achiis gara Harar imaluun tajaajila hawaasummaarratti hirmaatan.

Waggoota boodas bulchaa Booranaa tahuun tajaajilaa kan turan wayita tahu, hojiiwwan hawaasa naannichaa fayyadan hedduu hojjechuun, akkasumas daangaa Itiyoophiyaa gama saanaan jiru eeguuf hojii guddaa hojjechuun yoo jajaman, qorataafi barreessaa seenaa kan tahan Obbo Jaatanii Diidaa, Kumaalaa Jaatanii Alii Tandhuu ”akka guddoottiin fuula beeka” jechuun, ”waliin hojjenneef osoo hin taane, isaan jalatti guddanneef beekna,” jedhu.

Guyyaa gaafa duraa Jaatanii Alii arganiis guyyaa hedduu rifaasisaa akka tahe yaadatu: ”Warri Somaalee kunniin gaarii isaa [meeshaa] laawuncheriin dhahee, gube. Namni isa wajjin ture nama hedduu yoo ajjeesu isa Waaqni jalaa baase.

Bara mootummaan Dargii kufee mootummaan ADWUI aangoo qabatutti, Kumaalaa Jaataniin mootummaan harka kennachuu didee baqachuun bakka Dhoqqollee (Gaar Gubaalaa) jedhamutti ji’a kudhaniif wayita dhokatanii turanitti, Obbo Jaatanii Diidaa nama isa wajjiin ture tahuu dubbatu.Yaaballoo hanga Dubulluq deemee, Dubluq ammoo km 45 haga Dhoqqollee deemee, nyaataafi waan cufa akkasiin deddeebisaaf ture,” jedhu.

Kanas yoo xiqqaate ji’atti marroo shaniifi jaha deddeebi’uun wanta barbaachisu dhiyeessaaf akka turanillee dubbatu.

Gama birootiin, nama Jaatanii arguu barbaadus karaasaaniin malee arguu akka hin dandeenyellee kaasuun, wayita isaan gara Keeniyaatti cehanillee haga daangaatti gaggeessuu himaniiru.

Ajjeechaa Jaatanii Alii Tandhuu erga Shaalaqaa Jaatanii ijjeefamanii barkurnee sadii tahuuf deema.

Hawaasa Booranaatiif Adoolessi 2 guyyaa gaddaati; gama birootiin Ragaaleen akka mul’isanitti, gameessi kun Magaalaa Naayiroobii, Hoteela ‘Ngera’ jedhamutti Adoolessa 2 bara 1992 rasaasaan rukutamanii du’an.

Ajjeechaa nama kanaaf haga ammaatti namni qabameefi yakkaan himatame akka hin jirres ni himama. Obbo Taadhiin ”namni shakkamee hidhame kan ani beeku hin jiru,” jedhan.

Haala maatiitiin Jaatanii Alii hin fuune. Wayita tajaajila poolisii keessa jiranitti haadha warraa fuudhuuf yaadanis, hin milkaa’in hafe.

Aabba Taadhiin kitaabasaanii keessatti: ”Jireenyasaa keessatti tajaajila hawaasaaf dursa kennuun nuffii tokko malee hojjete,” jedhu tahus garuu gara dhuma jireenyasaatti gaa’ela dhaabbachuuf murteessuun kaadhimaa akka godhataniifi isheenis intala akka deesseef ni himama.

Jaataniin intalasaa kana ijaan osoo hin argiin akka du’anis ni himama. Qorataan seenaa Obbo Jaatanii Diidaa ”wanni haga ammaa du’asaa caalaa kan mataa na dhukkubsaa ture,” dhimma intalasaa arguu dhabuusaati jedhu.

”Intaltisaa Hawwiin tun erga inni bahe booda dhalatte. Suuraa intalasaa kan geesseef ana,” jedhu Obbo Jaataniin. Akka isaan jedhanitti, wayita suuraa itti agarsiisuuf deemanitti, ilma (wayita sana ganna 10) biraallee Finfinneedhaa akka qabu itti himuusaa dubbatu.

”Nuttis akeeki hin barbaannallee jennee gaafannaan ‘Na malee namni itti hin bahu’ nuun jedhe.” Siidaa magaalaa Yaaballootti ijaarameef akkasiin maaliif jaallatame?

Obbo Taadhii Liiban wayita seenaa Shaalaqaa kitaabasaaniif qindeessanitti, namoota ijoollummaarraa isa beekan garagaraa dubbisuu himu.

Kanneen keessaa wayita magaalaa Yaaballootti imalanii turanitti, nama Jaatanii Alii beeka jedhan argatanii dubbisan hin dagatan.

”Nama kana Jaatanii beektaa jedhee gaafannaan, imimmaantu keessaa jige,” jedhu ”Lafa kanatti namni akkasaa duratti hin dhalanne, gara fuuladuraallee hin dhalatu” akka jedheen yaadatu.

Obbo Taadhiin dabaluun: ”Wayita biyya bulchutti nam cufa gargar hin qoodu. Nama ‘kun gos teenna’ jedhee gosaan gargar hin baasu,” jechuun Shaalaqaan nama hunda walqixa tajaajilaa akka turan dubbatu; gama birootiin Obbo Taadhiin gorsa Shaalaqaa Jaataniin wayita sana gorsan amma hawaasni Booranaa hojiirra oolachaa jira jedhu.

”Gorsa isaa sanarraa ka’ee… yoon ilaalu Booranni inuma sosocho’uutti jira.” Obbo Huqqaa Garsee Odaa ammoo Jaataniin ”Kan waan hundaa fageessee laaluufi nama nama hundaa jaalatuufi kabaju,” jechuun ”nama nama hin tuffanne,” jedhu ”Gaafa lolaallee goota,” jechuun guyyaa lolaas nama waliin bu’ee lolaa ture jedhu.

Obbo Jaatanii Diidaan ”ji’a kurnan waliin dabarse sun mana barumsaa ture akka barsiisaatti waa irraa baradhe,” jechuun kan dubbatan ta’uu yoo isiniif ibsinu caalmatti isinis kitaabota seenaafi namoota irraa qorachuun seenicha akka bal’ifattan abdii qabna.

Maddi: Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.