Oduu: Pirezidaantii,Itti Aanaa Pirezidantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa aangoo gadhiisan; paarlaamaan bakka bu’iinsa Abbaa Murtii Olaanaa raggaasise

Finfinnee, Amajjii 17/2023 – Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Ma’aazaa Ashannaafi fi itti aanaan ishee Solomoon Araddaa Waaqtolaa xalayaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf barreessaniin fedhii isaaniin aangoo gadhiisan. Yeroo ammaa kanas Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bakka ministeerota afur Sanbata darbe aangoo isaanii irraa ka’an bakka buusuuf walgahii gaggeessaa jira.

Haaluma kanaan Manni Marichi barsiisaa Yunivarsiitii Finfinnee kan ta’e Gargaaraa Piroofeesar Tewodroos Mihirat Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa taasisuun raggaaseera.

Sadaasa 01 bara 2018, tarkaanfii yeroo sanatti seena qabeessa jedhamee faarfamaa tureen, Ma’aazaa fi itti aanaan ishee Solomoon MM Abiy Ahmadiin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti kaadhimamuun lamaan isaaniyyuu mana maree irraa sagalee guutuu argatanii turan.

Solomoon dhiheenya kana filannoo Sadaasa 15 bara 2022 Niiw Yoorkitti gaggeeffame irratti walgahii guutuu Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 34ffaa Niiw Yoorkitti gaggeeffame irratti filannoo Sadaasa 15 bara 2022 gaggeeffameen abbaa murtii yeroo walakkaa Mana Murtii Falmii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uun bara 2023-2030 akka tajaajilu muudameera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.