Oduu:Gareen Falmaa Mirgootaa ‘OLLAA’ barri 2022 “bara rakkina” dhiittaan mirgaa Oromiyaa keessa jiru daangaa darbedha jedhe, qorannoo walabaa akka godhamu waamicha taasise

Naannoo Oromiyaa, godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu keessatti haleellaa Faannootiin raawwatame hordofuun lammiilee nagaa buqqa’an. Suuraa: Waajjira Kominikeeshinii Mootummaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa

Finfinnee, Amajjii 16/2022 – Gareen abukaatummaa Oromoo diyaaspooraa keessatti hundaa’e Waldaan Hoggansa Leegaasii fi Abukaatummaa Oromoo (OLLAA) gabaasa waggaa kan bara 2022 gamaaggame keessatti bara kana “bara rakkisaa” dhiittaa mirga namoomaa garmalee naannoo Oromiyaa keessatti raawwatamuun daran hammaate jedhee waamuun Gamtaa Afrikaa dabalatee hawaasni idil addunyaa mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa gochuun gocha hammeenyaa bara 2022 qofa osoo hin taane, erga MM Abiy Ahimad bara 2018 aangootti dhufe as raawwataman irratti qorannoo walabaa akka gaggeeffamu waamicha taasise.

“Mirgi lammiilee nagaa Oromoo guutuu Itoophiyaa keessatti akka kabajamuuf mootummaa Itoophiyaas ta’e hawaasni addunyaa dabalatee qooda fudhattoota hundaan tarkaanfii guddaan fudhatamuu qaba

OLLAA

OLLAA gabaasa waggaa fuula 33 qabu “Human of Oromia” jedhu keessatti, UN fi qaamoleen qorannoo gaggeessan biroo dhiittaa mirga namoomaa humnoota nageenyaa nagaa eegsisuuf bobbaafamanii fi qooda fudhattoota biroo naannicha keessa socho’aniin guutummaa Oromiyaa keessatti raawwatame, akkasumas “namoota dhuunfaa sarbama mirga namoomaatiin itti gaafatamaa ta’anii argaman seeratti dhiyeessu” irratti qorannoo walabaa, loogii hin qabne, gadi fageenya qabu, fi amansiisaa ta’e gaggeessuuf, naannoo Oromiyaa akka seenan hayyamamuu akka qabu cimsee ibseera.

”Mirgi lammiilee nagaa Oromoo guutuu Itoophiyaa keessatti akka kabajamuuf mootummaa Itoophiyaas ta’e hawaasni addunyaa dabalatee qooda fudhattoota hundaan tarkaanfii guddaan fudhatamuu qaba,” jedha gabaasni kun.

Gabaasaalee miidiyaa, qorannoo mataa isaa fi ragaa walitti qabuu irratti hundaa’uun, OLLAA gabaasa isaa keessatti sarbama mirga namoomaa hedduu kan namoota nagaa Oromoo irratti raawwataman, kanneen akka “ajjeechaa seeraan ala, hidhaa, dararaa, qabiinsa namummaa hin qabne, yaala fayyaa argachuu dhorkuu, fi qabeenya balleessuu” galmeesseera.

Dhiittaan Mirga Namoomaa waggoota shanan darban keessatti kan babal’ate yoo ta’u, naannoolee Tigraay fi Oromiyaa dabalatee naannolee waraanaan miidhaman irratti miidhaa hamaa geessiseera. Gabaasni dhiheenya kana Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa baase akka mul’isutti, lammiilee nagaa walitti dhukaasuun ajjeefamuu fi sababa haleellaa gareewwan hidhatan naannicha keessatti socho’an, hidhattootaa mootummaa naannoo Amaaraa irraa qaxxaamuruun dhufan raawwataniin yakka “sarbama mirgoota namoomaaf” saaxilamu; walitti bu’iinsa waraanaa fi haleellaa humnoota nageenyaa mootummaa fi gareewwan hidhatan hirmaachisuun namoota nagaa irratti xiyyeeffatamuunis dabalaa dhufeera.

Gocha hammeenyaa fi dhiittaa mirga namoomaa daangaa darbe naannoo Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru ilaalchisee gabaasa mataa isaa kan baase OLLAA, seera bu’uuraa Labsii Mirgoota Namoomaa Addunyaa waliin walsimuun mootummaan “dirqama mirga bu’uuraa kabajuu fi kabachiisuuf qabu akka ba’u” hawaasni addunyaa dhiibbaa akka godhu dhaameera.

Haaluma walfakkaatuun, dhaabbata idil addunyaa haala mirga namoomaa hordofuu Hiyumaan Raayitis Waach gabaasa “waldhabdee Itoophiyaa biroo” jedhee waame keessatti “waldhabdee kaaba Itoophiyaa keessatti uumameen dura yeroo dheeraa dura naannoolee duraanuu rakkachaa jiran dabalatee dhiittaa mirgaa naannoo Oromiyaa keessatti itti fufee jiruun sarbama bal’inaan mul’ateera. Miidhaan kun hedduun isaanii ammayyuu kan itti fufan yoo taʼu, xiyyeeffannaa idil-addunyaa hatattamaa barbaada,” jedhe.

Gabaasni OLLAA “bara 2022 Oromoof bara ulfaataa ture,” akkasumas “waldhabdee fi hongee buqqaatii ummataa bal’aa waan geessisee fi dhiittaan mirga namoomaa lammiilee nagaa Oromoo irratti raawwatamaa waan tureef, haalli guutummaa Oromiyaa keessa jiru daran jijjiiramaa ta’e taasiseera,” jedhe.

Gabaasni kun miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, humnoota naannoo Amaaraa, akkasumas humnoota tikaa fi poolisii naannoo Oromiyaa dabalatee qaamolee mootummaatiin haleellaan namoota nagaa Oromoo irratti raawwatame gabaasni amansiisaa ta’uu ibsee, “haleellaan miidhaa qaamaa namoota nagaa irratti raawwatame–ajjeechaa murtii malee raawwatamuu hanga qabeenya siiviilii barbadeessuu raawwatameera” jedhe.

“Haleellaan diroonii dachaa naannoo uummanni baay’inaan keessa jiraatutti raawwatameen guutuu lixaa fi giddu-galeessa Oromiyaatti lammiilee nagaa hedduu galaafate dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti haleellaa raawwatamu haalaan dabaleera,” jechuun cimsee kan ibse yoo ta’u, “haleellaa Sadaasa 02 bara 2022 godina Wallaggaa Lixaa, Biilaatti raawwatameen namoonni heddu du’uun kanneen dhibbaan lakkaa’aman miidhamaniiru”.

Bara 2022 Oromiyaa keessatti irra deddeebiin haleellaan namoota nagaa Oromoo irratti baay’inaan garee hidhattoota Amaaraa “Faannoo” jedhamuun beekamuun “godinaalee Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaa, fi Horroo Guduruu Wallaggaa fi godina Addaa Wolloo Oromiyaa naannoo Amaaraa keessatti argamutti raawwatamu. Gabaasni kun ji’oota darban keessa haleellaan kun baay’achuun, buqqa’iinsa hedduu fi du’a lammiilee nagaa akka geessise hubachiiseera. Sadaasa 25 fi 29 hidhattootni Faannoo jiraattota aanaa Kiiramuu irratti haleellaa adda addaa lama raawwachuu booda hordofee aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti haleellaa raawwatamu kaaseera.

“Ummanni gandoota 19” aanaa Kiiramuu guutummaan isaa sababa hokkara uumameen buqqa’ee akka ture kan ibse yoo ta’u, “bara 2022 keessa lammiileen nagaa Oromoo akka hidhaa seeraan ala isaan mudachaa ture,” jechuun gabaasni kun dabalee ibseera. Akkasumas godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu keessatti haleellaa hidhattoota faannoon raawwatameen abbaa murtii Mana Murtii Aanaa Kiiramuu, Daamxoo Kaffaaloo Gammadaa dabalatee lubbuun namoota hedduu kan galaafate ta’uu gabaafameera.

Gabaasni kun dhiittaa mirga namoomaa guutuu Itoophiyaa keessatti lammiilee nagaa Oromoo irratti raawwatamaa jiru itti yaadamee kan gaggeeffamu ta’uu isaa kan ibse yoo ta’u, Oromoon yeroo baay’ee haleellaa qaamolee mootummaa fi qooda fudhattoota mootummaa hin taaneef saaxilamaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa mirga namoomaa ummata Oromoo eeguu fi dagaagsuuf dirqama isaa akka ba’u, akkasumas himannaa dhiittaa mirga namoomaa irratti qorannoo walabaa akka eegaluu, akkasumas akkuma waliigaltee dhukaasa dhaabuu ABUT waliin godhe Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliinis waliigaltee hunda galeessa ta’eef marii akka seenu dhiibbaa gochuun ariifachiisaa ta’uu OLLAA yaada dhiyeessee jira.

Adeemsa marii hunda hammate kan nagaa waaraa fi tasgabbii bu’uura kaa’uu danda’u dabalatee mala haqaa ce’umsaa hunda hammate akka diriirfamuus gaafateera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.