Oduu: Humnoonni Tigraay meeshaa waraanaa gurguddaa dabarsanii kennuu gareen to’annoo AU mirkaneesse, loltoonni Eertiraa fi humnoonni raayyaa ittisa biyyaa hin taane Tigraayii bahuun hin himamne

Finfinnee, Amajjii 11, 2023 – Loltoonni Tigraay meeshaa waraanaa gurguddaa humna raayyaa ittisa biyyaatiif galii kan godhan ta’uu gareen to’attoota Gamtaa Afrikaa ragaa bahus loltoonni Eertiraa fi humnoonni miseensa raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa hin ta’iin Tigraay keessaa bahuu garuu kan mirkaneesse hin jiru.

Gochaan meeshaa waraanaa dabarsanii kennuu loltooni Tigraay raawwatan kuni waliigaltee “waraana hiikkachuu loltoota Tigraay” qajeelfama raawwii waliigaltee Piriitooriyaa Sadaasa 12 Naaayroobiitti malattaa’e keeyyata 22.1/D keessatti eerame “meeshaalee waraanaa gurguddoo hiikkachuu fi loltoonni biyya ambaa fi kan miseensa raayyyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa hin taane Tigraay keessaa bahuun wal maddii raawwatama” jedhu hordofee kan raawwatameedha.

Haata’u malee, lotoonni Eertiraa fi humnoonni miseensa raayyaa ittisa biyyattii hin taane akka bahan dhaaamsi dabarfame hin jiru. Loltoonni naannoo Amaaraa fi Eeritraa hamma ammaatti Lixa Tigraay, gamtokkee, Kaabaa fi Kibba Tigraay, fi Kaaba baha naannoo Tigraay to’atanii jiru. Mootummaan feederaalaas ta’ee aanga’oonni naannnoo Tigraay kanarratti yaadni saan kennan hin jiru.

Gareen to’attootaa Gamtaa Afrikaa loltoonni Tigraay meeshaalee waraanaa gurguddaa dabarsanii humna waraana biyyaattiitiif dabarsani laachuu Tigraay TV gabaaseera. Sirni meeshaalee kana dabarsanii laachuu kan iddoo Agu’aale jedhamu kan 30km kaaba Maqaleetti argamutti raawwatamuu TV naannichaa agarsiiseera.

Bakka buutonni anga’oota Tigraayii fi mootummaa federaalaa ibsa waloo Maqaleetti miidiyaaf keennaniin meeshaaleen waraanaa gurguddaan raayyaa ittisa biyyaatiif galii kan taasifame ta’uu himaniiru. Bakka bu’aa raayyaa ittisa biyyaa kan ta’e leetnaant Koloneel Alamee Taaddasaa meeshaa hiikachuun kuni kan adeemsifame akkaataa waliigaltee mootummaa feederaalaa fi aanga’oota Tigraay wajjiin godhameeni jedheera.

“Dirree waraana gadhiifnee baanee turre. Loltoonni Tigraayis akkasuma…ammammoo iddoo meeshaaa waraanaa gurgudaan itti sassaabamu Agu’aala jedhamutti bakka taajjabdoonni Gamtaa Afrikaa Jiranitti meeshaalee kanneen lotoota Tigraayirraa fudhanneerra,” jedhe.

Dubbi Himaa TPLF kan ta’an Obbo Geetaachoo Raddaa karaa Tiwiitaraatiin nuti akka waliigaltee keenyaatti meeshaaleee waraanaa gurguddaa kan laanne ta’uu taajjabdoonni Gamtaa Afrikaa nuuf rageessaniru jedhe.

“Waliigalteewwan hafan biroos guutummatti ni raawwatamu abdii jedhu qabna,” jedheera.

Gareen to’attoota Gamtaa Afrikaa ifatti hojiisaa kan kan eegale Muddee 29 Maqaleetti ture. Meejar Jeenraal Steefan Radinaa koloneel Rufaa’ii umar wajiin gochaa kana akka gaggeessuufis muudamee ture. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.