Oduu: Kibba Oromiyaa Gujii Lixaatti hidhattoonni WBO mana hidhaa cabsanii, hidhamtoota dhibbaan lakkaa’aman miliqsan

Suuraa Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO). Suuraa: Miidiyaa Hawaasaa

Geetaahuun Laggasaa @Birmaduu2 tiin

Finfinnee, Amajjii 11, 2023 – Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) mootummaan “Shanee” jedhee waamu, mana hidhaa godinaa cabsanii seenuun hidhamtoota 480 ol miliqsuu isaanii qondaalli mootummaa fi jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Qondaalli mootummaas ta’e jiraattonni akka jedhanitti hidhattoonni Sanbata darbe Amajjii 07 halkan walkkaa magaalaa Bulee Horaa ganda Goroo Guddinaatti kan argamu mana hidhaa godinaa irratti haleellaa raawwatan.

Kantiibaa itti aanaan magaalaa Bulee Horaa Obbo Girjaa Uraagoo Addis Standardtti akka himanitti, miseensonni garee finciltootaa kun eegdota hojii irra turan shan erga ajjeesanii booda mana amala sirreessaa cabsanii seenuun isaanii dubbatu.

‘’Hidhattoonni tokko tokko tooftaan mana amala sirreessaa cabsanii seenuun, eegdota shan ajjeesuun hidhamtoota gara 480 hanga 500 ta’an miliqsan,” jedhan Obbo Girjaan.

Akka qondaalli kun jedhanitti hidhattoonni kunneen humnoota mootummaa naannoo sana turan irra aananii Osoo hin taane, malaan mana amala sirreessaa kana cabsanii seenani jedhan. Haa ta’u malee jiraataan naannoo mana hidhaa kanaa jiraatu tokko akka Addis Standarditti himetti humnoota mootummaa naannoo sana jiranii fi hidhattoota jidduu dhukaasni cimaan dhagaa’amaa ture.

”Dhukaasni halkan naannoo sa’aatii 5:30 irraa eegalee hanga sa’aatii 9:30 itti fufe. Lola cimaatu ture. Isaan [humnoonni WBO] humnoota mootummaa erga injifatanii booda wiirtuu amala sirreessaa cabsanii seenaniiru,” jedha jiraataan maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate.

Jiraataan biraas kanuma kan mirkaneesse yoo ta’u, rakkoo nageenyaa godinicha keessatti waggoota lamaa oliif itti fufeen jiraattonni buqqa’iinsaa fi rakkoolee namoomaa akka hanqina nyaataaf saaxilamuu dubbata.

Gaafa Amajjii 03, Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Kibba Oromiyaa keessatti garee hidhattoota WBO naannoo sana keessa socho’u balleessuu fi naannicha tasgabbeessuuf kan kaayyeffate duula waraanaa qindaa’aa eegaletti milkaaaa akka jiru ibsuun, gandoota hedduu bilisa baasuus beeksisee ture.

WBOn haleellaa mana hidhaa Bulee Horaa irratti raawwatamee fi sana booda hidhamtoonni gadhiifamuu irratti yaada akka kennu gaaffii Addis Standard dhiyeesseef deebii hin kennine. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.