Geetaahun Laggasaatiin @Birmaduu2
Finfinnee, Amajjii 11, 2023 – Daa’ima ganna saddeetii kan ta’e Abrahaam Abbabaa naannoo Piyaasaa iddoo maqaa addaa Araadaa jedhamutti ganama sa’aatii sadii hamma galagala sa’aatii lamaa fi sana boodaa madaala ulfaatinaa cinaa taa’ee ofiisaa wajjiin taphachaa oola.
Abrahaam naannoo Sabaa fi Sablammmoota Itoophiyaa goodina Walaayittaatii ji’a tokko dura gara Finfinnee kan godaane yoo ta’u amma qacaramee karaa cinaatti meeshaa namoonni ulfaatina isaanii ittiin beekan qabatee ulfaatina namootaa madaaluu hojjachaa jira. Akkamitii akka gara Finfinnee dhufe yeroo dubbatu, “Finfinnee kaniin dhufe ji’a tokko dura. Hiriyoonni koo hojii galii gaarii qabu argatta naan jedhaniin dhufe,” jedha.
Daa’imni umrii 12 biraa Teedii Tasfaayee jedhamu kan godinuma Walayittaatii gara Finfinnee godaane hojii walfakkaataa dhiyeeenyuma Abraamiitti hojjachaa jiru, “iddoo dhaloota kiyyaatti hojii argachuun ulfaataa dha. Lafa qonnaas hin qabnu,” jedhe. Maatiinsaa mana barumsa isa galchuuf humna kan hin qabne ta’uu dabalee himeera.
“iddoowwan kaan caalaatti daddabarsi daa’immanii Walaayittaa keessatti rakkoo cimaa ta’uu himu. Daddabarsitoonni tooftaa fi karaa adda addaa fayyadamuun daa’imman gara magaalaatti geessu“
Yishaaq Geetaachoo fi Asraat Worquu
Daa’imman akka Teedii fi Abrahaam hojii walfakkaataatti bobba’anii argaman hedduu kutaale magaalattii kan akka Piyaasaa, Magananyaa, CMC mikaa’eel, Boolee fi kanneen biroo keessa kan jiran ta’uu Addis Standard hubateera. Irraa caalaansaanii naannoo ummattoota Kibbaa keessumaa godinaa Walayittaati dhufnes jedhaniiru.
Qorannoon bara 2018 Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo muummee Misooma baadiyyaa fi Eksiteenshinii qonnaatti qorattoonni Yishaaq Geetaachoo fi Asraat Worquu mata duree Daddabarsa daa’immanii addatti kan godina Walaayittaa jedhuun hojjetan, “iddoowwan kaan caalaatti daddabarsi daa’immanii Walaayittaa keessatti rakkoo cimaa ta’uu himu. Daddabarsitoonni tooftaa fi karaa adda addaa fayyadamuun daa’imman gara magaalaatti geessu,” jedha.
Akka qorannoon kun jedhutti rakkoon diinagdee sababa guddaa (57.8%) daa’imman kunneen gara magaalaa akka godaanan taasisudha. “Hiyyuummaan daaa’imman baadiyyaa irraa gara magaalaatti imaluun jireenya karaa irraaf aisaan saaxilaa kkasumas harka daddabarsitoota garaa jabeeyyii ta’aniitti akka kufan isaan gochaa jira” jedha qorannichi.
Wanti kun hanga as kaluutti waan jijjiirame miti. Ijoolleen hedduun Addis Standard dubbise hojii gaarii arganna yaada jedhuun maatiisaanii dhiisanii gara Finfinnee kan imalan ta’uu dubbataniiru. Yeroo Finfinnee gahan garuu namoota birootiin qacaramuun hojiilee gara garaa hojjachuun qarshii xiqqoo argatu.
Abrahaam nama madaala ulfaatinaa qabuuf qacaramuun hojii ulfaatina namootaa madaaluu kan hojjatu yoo ta’u galii guyyaatti argatu yoo guddate qarshii 30 ta’u keessaa qarshii xiqqoon kan laatamuf ta’uu Addis Standarditti himeera. Nyaata mana nyaataatii namoonni deebisan fudhannee laaqana godhanna. Irbaata argachuu dhabuus waan dandeenyuuf otuu hin nyaatin yeroon rafnus jira,” jedha Abrahaam namoonni isaan hojjechiisan nyaata isaanii akka hin dandeenye eeruun.
“Yeroo heedduu isaanii baay’atanii mana nyaataa fuldura dhaabbataniin arga. Halkan eessa akka bulan garuu sirriitti hin beeku, garuu kan karaarra ciisaniis nan arga”
Immabeet Girmaa
Wanti kanarra hamaan ammoo Abrahaamii fi hiriyyoonnisaa hedduun halkan kan dabarsan kutaa tokko kan kutaa magaalaa Yakkaa kan iddoo addaa Faransaay jedhamuun beekamu keessatti argamuu keessatti ta’uu dabalee himeera.
Daa’imman kana wanti wal-fakkeessu waa’ee namoota ga’eeyyii gara magaalaa isaani fidanii fi isaan hojjechiisanii hin dubbatani.
Daldaaltuun Immabeet Girmaa jedhamtu kan iddoo daa’imman kuni oolanitti hojii dhuunfaashee hojjattuu fi jireenya guyyaa guyyaa ijoollee kanneenii beektu, “daa’imman kunneen haala kanaan badiidhaaf saaxilamanii arguun nama marara. Hojii humnaan olii hojjachuun alatti wanta isaaniirra gahuu danda’uu himuun ulfaataadha. Miidhaa kornayaatiifis saaxilamuu danda’u,” jetteerti.
“Yeroo heedduu isaanii baay’atanii mana nyaataa fuldura dhaabbataniin arga. Halkan eessa akka bulan garuu sirriitti hin beeku, garuu kan karaarra ciisaniis nan arga,” Immabeet dabaltee jetterti.
Ijoollee kanneen keessaa hedduun isaanii erga Finfinnee dhufanii booda hariiroo maatiisanii wajjiin qaban adda citee kan jiru ta’uu dubbataniiru.
Gaazexeessaan Addis Standard daa’ima biraa Biniyaam jedhamu kan umrii saddeetii kan kutaa magaalaa Lammii Kuraa naannoo CMC Mikaa’elitti argamu dubbisuuf yeroo itti dhiyaatee turetti, daa’imtichi nama biraa fageenyarra taa’ee gochaasaa to’atu waan sodaateef gaaffii gaazexeessaan kuni dhiyeesseef deebisuu hin dandeenye ture.
Bulchiinsi godinaa dhimmicha quba qaba
Tsaggaayee Kaltaa, hogganaa sab-qunnamtii Goodina Walaayittaa, Addis Standarditti akka himeetti, bulchiinsi godinichaa rakkoo daa’iimmanii kana Quba qaba, yakka daddabarsa daa’immanii seeraan alaa faddaalonni gochaa jiran to’achuufis qorannoo adeemsisee ture.
“Faddaalonni to’annoo jala oolanii mana murtiitiif dhiyaatan ni jiru. Tarkaanfiin seeraa irraatti fudhatamaa jira. To’annoo geejjiba daa’immaniirraatti gulaallii keenya cimsinee jirra”
Tsaggaayee Kaltaa
Namoota yakka kana keessaa harka qaban hedduu to’achuun kan tarkaanfii seeraa irratti fudhates kan jiran ta’uu dubbateera. Daa’imman kunneen oduu sobaa “Finfinneetti hojii gaarii jalqabdu” jedhu kan fadaalonni itti himaniin kan sobaman ta’uu ibsaniiru.
“Faddaalonni to’annoo jala oolanii mana murtiitiif dhiyaatan ni jiru. Tarkaanfiin seeraa irraatti fudhatamaa jira. To’annoo geejjiba daa’immaniirraatti gulaallii keenya cimsinee jirra,” Tsaggaayeetu jedhe.
“Maatii fi daa’imman kunneen gaaruummaa fi miidhaa jireenya baqaa sirriitti hin beekan,” jechuun goodinichi garuu dhaabbatota miti-mootummaa wajjiin ta’uun hawaasa barsiisaa jira jedheera. Haata’u malee, daa’imman kunnen hundi goodina Walayittaatii baqatan oduun jedhu dogoggora. Godaansi kutaalee hunda keessa jira. Kan Walaayyittaa adda miti” jedhe.
Waajjirri Dubartootaa fi Daa’immanii magaalaa Soddoo, magaalaa gudditti godina Walaayittaa hawaasa hirmaachisuun rakkoo kana furuuf sochii godhaa ture. Akkatuma kanaan koreelee mirgoota daa’immanii gandoota 11 keessatti kan ijaaree ture yoo ta’u, rakkoo guddaan marii garee irratti ka’e tokko, “miseensonni hawaasaa irratti hirmaachuuf hayyamamoo ta’uu dhabuudha”. Kun ammoo rakkinichi Hagam gadi fagoo fi wal-xaxaa akka ta’e mul’isa.
Caamsa bara darbee achuma naannoo Uummattoota Kibbaa Godina Silxeetti shakkamtoonni daa’imman 19 gara Finfinneetti osoo daddabarsaa jiranii qabamuu poolisiin godinichaa ibsee ture. Daa’imman daddabrfamaa turan sagalee iyyaa dhageessisaniin Eeruu magaalaa Waraabee irraa isa dhaqqabeen dubartoota sagal da’imman kana daddabarsaa turan to’annoo jala oolchuu hime poolisiin.
Akka Tsaggaayeen jedhutti irra caalaan daa’immanii tooftaadhaan daddabarsitootaan gara Finfinnee kan geejjibaman yoo ta’u kanneen hafan otuu abbaa fi haatiisaanii hin dhagahiin rakkoo jireenyaa jalaa baqachuuf hiriyootaa fi miseensota maatiisaaniitiin gowwoomfamanii kan deemanis jiru.
Biiroo dhima daa’immanii fi dubartootaa Finfinnee fi poolisii magaala Finfinneerraa odeeffannoo argachuuf yaaliin Addis Standard irra deddeebiin taasise hin milkoofne. AS