Kana Beektuu?- Aadaa fi duudhaa Oromoo: Dirree Muudaa Karjuul

Finfinnee, Amajjii 10, 2023 – Dirreen Muudaa Karjuul Magaalaa Finfinnee irraa 620 km, Magaalaa Godina Baalee Roobee irraa 206 km, fi Magaalaa Aanaa Madda Walaabuu Bidiree irraa 21km fagaattee kan argamtuudha.

Iddoo sanatti tulluuwwan gurguddoo fageenya godinaalee biroo irraa mul’atan lama (2) fi iddoo seeraan daangeffamee fi mallattoo adda addaa qabu kan argamu yoo ta’u, hunduu maqaawwan adda addaa qabu.

Jaarraa dheeraa dura gaafa ummanni Oromoo sirna gadaatiin bulu lafti kun wayyama jedhamee eeggama. Sababni isaas Nuuranaa Huseen Dirree Sheekanaa Huseen irraa dhufanii muka guddaa qilxuu jedhamu guddaa jala taa’anii rigaa ofii ilkaaniin rigatan kan meexxii jedhamu achi dhaabanii deeman.

Ummanni Oromoo yeroo sanitti tulluuwwan lama olka’iinsa guddaa qaban fi lafa naannoo saniitti maqaa sadii (3); lama duur, manduur fi karjuul jechuun itti moggaasan.

Sana booda iddoo teessuma Nuuranaa Huseen sana ummanni itti bahee gamoo xiqqoo dhagaan ijaaruun achitti sangaa qalatee, manbuula jedhamee golga hidhatee, mijuu irratti dhibaafatee, daadhii dhibaafatee, eebbifatee roobaaf, nagayaaf, kan dhibameef, kan ilma dhabeef kan deegeef waaqa kadhatanii wanti achitti kadhatan hundaa milkaa’an. Sababa kanaaf lafti tunis lafa eebbaa ykn wayyoomaa jedhamte.

Lafa Gidaamee ykn wayyooma jedhamtee daangeffamte sana keessatti bineensa hin adamsan, lolli hin adeemsifamu, mukni tokkolleen hin muramu, ooyruun keessatti hin qotamtu, keessa hin qubatamu.

Ergasii amantaan muslimaa itti seenee diinii amantii islaamatti amanaa jedhamee Dirree Sheek Huseen irraa Olomaa’onni ergamanii qur’aana barsiisuun masgidas achitti ijaaranii itti sagadu.

Muudnis waggaatti si’a lama ji’a jaha jahaan ji’a Hajjii fi Zaaraa jedhamu keessa kan muudan yoo ta’u, ji’a zaaraa jedhamee gaafa dhaloota Nabi Muhaammad (ASW) jedhamee moowlida jedhamee kan kabajamuu fi ji’a Hajjii jedhamu immoo akka amantii islaamatti biyya alaa makkaa fi madiinaa deemanii achitti sagadanii rabbi kadhatan isaanis iddoo dirree muudaa karjuul sanitti bahanii kabajatan jedhan Sh/ Xayyib H/Mahmad Gariibaa.

Yeroo muuda kana kabajuuf dhufan “Jawaara” jedhanii muka meexxii jedhamu kan sayyidanaa Huseen siwaaka ykn rigaa isaanii qilxuu jalatti biqilee guddate kana jalaa fudhatanii namni yoo dhukkube akka kiniinii liqimsinaan ni fayyu. Kanaaf Jawaara jedhame.

Mukni Qilxuu jedhamu kan jalatti kabajatan waggaa kuma tokkoof afurtamii sagal /2049/ kan turte yoo ta’u yeroo ammaa sababa hin beekamneen qaaritee jirti jedhu namoonni achitti dubbifne.

Namoonni achitti bahan namoota waa hin qabneef midhaan nyaataa fi uffata adda addaa fidanii kennaniif.

Maddi: Kominikeeshinii Godina Baalee

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.