Oduu:Puuntilaandi mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin hariiroo qabdu adda kutuu beeksifte

Finfinnee Amajjii 10, 2023 – Naannolee Somaaliyaa keessaa tokko kan taate Puuntilaandi hanga heerri qophaa’aa jiru xumuramutti hariiroo mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin qabdu adda kutuun of dandeessee akka biyya walabaatti akka sochootu beeksifte.

Ibsa fuula sadii Wiixata gadhiifteen Puuntilaandi akki jette, heerri ishee dhimma ofii irratti hayyama mootummaa federaalaa Somaaliyaa Moqadiishuu jiruu osoo hin fedhiin ofiin murteessuuf mirga guutuu goonfachiisa.

“Heerri federaalaa Puuntilaandi irratti hirmaachuun raggaasifte xumuramuu booda, itti aansee riifarandamii taasifameen, Puuntilaandi aangoo mootummaa walaba ta’ee ni qabaatti,” jedha ibsi kun.

Ibsichi Puuntilaandi mootummaa federaalaa Somaaliyaa kan dhiyeenya pireezidantii Puuntilaandi Sa’iid Abdullaahii Deenii waliin wal-dhibdee keessa lixe waliin hariiroo qabdu kallattiin adda kutuu agarsiisa. Deenii fi pireezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Muhaammuud filannoo pireezidantummaa Caamsaa 15 bara darbe gaggeeffame irratti waliin morkachaa turan.

Dhimmi Puuntilandi kun wayita mootummaan Somaaliyaa dhimmoota gurguddoo akka al-Shabaab loluu fi hokkora naannoo Laas Anood jedhamutti dhalate to’achuu harkaa qabutti ka’uun hoji manaa dabalataa itti ta’a jechuun ShebelleMedia gabaaseera. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.