Oduu:Daraartuu Tulluu atileetota dhalattoota Tigraay maatii isaaniin gargar bahanii turan dursuun gara Maqalee imalte

Finfinnee, Amajjii 10, 2023 – Atileetii gameettii fi Pireezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa, Deerartuu Tulluu, jila atileetota dhalattoota Tigraay maatii isaanii waliin gargara bahanii turan fi miseensota koree hojii raawwachiiftuu federeeshinichaa dursuun gara Maqaleetti imalte.

Akka Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ibsetti jilli kun ganama har’aa karaa balalii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa gara Maqaleetti kan imale yoo ta’u, kaayyoon imala kanaas atileetota yeroo dheeraaf maatii isaaniin gargar bahanii turan Maatii waliin wal qunnamsiisuudha.

Ji’a Adoolessaa bara darbee keessa Daraartuun mootummaan uggura atileetonni dhalattoota Tigraay meedaaliyaa warqee biyyaaf argamsiisan argatan naannoo Tigraayitti imaluun maatii isaanii akka hin arganne dhorke akka kaasu gaafachuun ishee ni yaadatama.

“Akkuma beeknu atileetotni Tigraay irraa dhufan hanga ammaatti maatii isaanii argachuuf carraa hin arganne. Pireezidantiin keenya kabajamtuuna rakkoo kana furuun isaanii hin oolu jedheen yaada. Mootummaan keenya rakkoo kana ni fura jennee yaadna,” jette Daraartuun sirna simannaa masaraa biyyaalessaa guddicha keessatti bakka pireezidanti Saahilawarq Zawudee argamanitti geggeeffame irratti.

“Atileetonni Tigraay keessa jira dorgommii itti aanuuf onnatanii akka hiriiranii fi gammachuun keenyas guutuu akka ta’uuf kun ta’uu qaba” jechuun dubbatte.

Atileetonni dubartootaa dhalattoota Tigraay akka Gotiitom Gabrasillaasee, Lattasanbat Giday fi Gudaaf Tsaggaay Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa irratti baay’ina meedaaliyaatiin Ameerikaatti aantee sadarkaa lammaffaa qabattee akka xumurtu gumaacha guddaa godhan.

Gareen atileetiksii Itoophiyaa meedaaliyaa warqee afur, meetii afur fi nahaasii lama argachuun kan xumure yoo ta’u, atileetonni dubartootaa sadan warqee afur argame keessaa sadi argamsiisuun isaanii ni yaadatama.

Atileetonni kunneen sababa waraana Kaaba Itoophiyaa fi uggura ganna lamaaf Tigraayirra tureen maatii isaanii waliin wal arguu dhabuu, kunis gammachuu isaa hir’uu gochuu fatti dubbachaa turan.

Daandiin qilleensa Itoophiya balalii gara Tigraay baatilee 20f adda citee ture kan jalqabe torbanoota lama dura yoo ta’u, jilli atileetota dhalattoota Tigraay Daraartuu Tulluun durfamu kun garas kan imale wayita dargaggoonni Tigraay umriin isaanii 16 hanga 65 gidduu jiru Maqalee irraa gara Finfinnee akka hin imalle dhorkamanitti.

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.