Oduu: Manni Maree bulchiinsi magaalaa Shaggar wayita caaseffama magaalichaan walqabatee komiin dhagaahamaa jirutti hundaa’e

Dr Tashoomaa Addunyaa. Suuraa Kominikwwahnii magaala Shaggar

Finfinnee Amajjii 09, 2023 – Dhiyeenya Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin labsiin kan caaseffame bulchiinsi magaalaa Shaggar ifatti mana maree hundeeffate. Manni Maree magaalichaas yaa’ii isaa hundeeffamaa fi kan jalqabaatiin af’yaa’ii fi kantiibaa dabalatee anga’oota muudee jira.

Akka dambii hundeeffama magaala Shaggar Lakkoofsa 233/2015 Mootummaan Naannoo Oromiyaa baase jedhutti, magaalaan Shaggar magaalota, aanaalee fi gandoota aanaalee magaalaa Finfinneetti marsanii jiranii walitti makuun hundeeffame.

Magaalotni akka Burraayyuu, Sulultaa, Laga Xaafoo-Laga Daadhii, Galaan fi Sabbataa magaalaa Shaggar jala kan galan yoo ta’u, gandootni aanaalee ollaa magaalaa Finfinnee kan akka Walmaraa, Sulultaa, Barraak, Aqaaqii fi Sabbataa Hawaas gariin magaalicha jala galaniiru.

Manni maree bulchiinsa magaalaa Shaggar har’a ifatti hundaa’es, miseensoti manneen maree magaalota kanneenii bakka tokkotti dhufuun kan hundeessan ta’uu ragaaleen ni mul’isu. Manni marichaa yaa’ii isaa hundeeffamaa fi kan jalqabaatiin Obbo Qaabatoo Albee af-Yaa’ii, Aadde Tsahaay Dabalee ammoo af-yaa’ii itti aantuu gochuun yoo muuduu, Dr Tashoomaa Addunyaa ammoo kantiibaa gochuun muuduu Kominikeeshinii magaala Shaggar gabaaseera.

Hundeeffamni mana maree magaalaa Shaggar kun kan raawwate wayita caaseffama magaalichaan walqabatee bakkeewwan gara garaatti komiin dhagaahamaa jiruttidha. Torbee darbe jiraattonni gandoota Aanaa Barraak magaalaa Shaggar jala galuu dhabuu komachuun hiriira bahanii turan.

Gandoota Aanaa Barraak 23 keessaa gandoota 10 magaalaa Shaggar jala galchanii, gandoota 13 ammoo Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Barraak jalatti hambisan jechuun kan komataan jiraataan Aanichaa BBCn dubbise, jiraattonni aanaalee 13 kanneeniin tajaajila bulchiinsaa argachuuf kiiloomeetira 200 imaluun magaalaa Fiichee deemuuf dirqama jechuun komatan.

Itti dabaluunis hundeeffama magaalichaa ilaalchisee mootummaan jiraattota waliin marii hin goone jedhu jiraataan kun.

Haaluma wal-fakkaatuun jiraattonni Aanaa Sabbata Hawaasis hundeeffamni magaala Shaggar uummata kan gargar qoodedha jechuun gaafa 28 Mudde, 2022 hiriira bahuun mormii qaban ibsatanii turan.

Aanan Sabbataa Hawaas gandoota 41 kan qabdu yoo ta’u, gandoonni 17 magaala Shaggar jala galanii kan hafan 24 ammoo Godina Shawaa Kibba Lixaa jalatti hafuu jiraattonni komachuu BBCn gabaasee ture.

Ministira Deetaa Ministeera Nagaa kan ta’an Obbo Taayyee Danda’aa hundeeffamuun magaala a Shaggar iftoomina hin qabu, adeemsa seeraas kan eege miti jechuun kanneen adda durummaan qeeqaa turan keessaati.

Komii jiraattotaa kanarratti miidiyaa Yuutuubii ‘Anchor Media’ jedhamuuf deebii kan Kennan kantiibaan magaalaa Shaggar Dr Tashoomaa Addunyaa, “rakkoo hubanooti malee wanti komiif sababa ta’u hin jiru” jedhan.

“…fakkeenyaaf tajaajilaaf gara Shawaa Kaabaa deeman kan jedhan, wanti gara Shawaa Kaabaa isaan geessu tokko hin jiru. Kana irra deddeebiin himnee jirra. Mana Murtii dabalatee tajaajiloonni isaan barbaadan hundi achuma isaan bira jira. Magaalaan tokko kan hundeeffamu saayinsii magaalaa bu’uura godhateeti malee, magaalaan hundeessa jettee yoo hunda jala galchite, hiikoo magaalaa dhaba. Kun wallaaluma, hanqina hubannaati kan siin jedhe” jedhan. Dhimma kanarratti irra deddeebiin uummata waliin mariin akka godhames himaniiru.

Dr Tashoomaan yaa’ii hundeeffamaa mana maree magaalichaa irratti yoo dubbatan, magaalichatti giddu gala gabaa fi misoomaawwan bu’uuraa babal’isuun faayidaa fi mirga ummanni Oromoo Finfinnee fi naannawa isheerraa argachuu qabu bu’uura cimaarra ka’uun kaayyoo jalqabaa hundeeffama magaalichaati jechu FBCn gabaaseera.

Magaalaan Shaggar kutaalee magaalaa 12 fi Aanaalee 36tti kan caaseffame yoo ta’u, manni maree magaalichaa yaa’ii isaa jalqabaan muudama hoggantoota waajjiraalee gara garaas raggaasisee jira. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.