Duula daa’imman Itoophiyaa naannoolee hongeedhaan miidhaman keessatti argaman kan beelaan hubaman barbaadanii argachuu fi wal’aanuu
Finfinnee, Amajjii 05/2023 – Hongeen hammaataa waggoota dheeraa booda naannoo Oromiyaa godina Booranaatti mudateen hawaasni naannichaa madda jireenyaasaanii kan ta’an loowwan hedduu dhabaniiru. Namoonni kuma dhiibaan lakkaa’aman keessumaa dubartootaa fi daa’imman qe’eesaanii dhiisanii godaanuuf dirqamaniiru.
Hongeen kuni Lakkoofsi daa’immanii du’anii fi hanqina nyaataatiin hubamanii akka dabalu taasiseera. Biiroon Fayyaa godina Booranaa akka ibsetti Fulbaana 2022 keessa daa’imman 1000 ol ta’an hir’ina midhaan nyaataa hammaataatiin hubaman kan wal’aanaman yoo ta’u lakkoofsi daa’imman kanneenii kan bara darbe ji’a wal fakkaataa keessa ture dachaa sadiin dabaleera.
Rakkoon kuni dabalaa waan jiruuf duula ‘barbaaduu fi wal’aanuu’ jedhuun, hojiin lubbuu baraaruu daa’imman godina Booranaa keessatti hir’ina nyaataatiiin hubaman adda baasuu fi wal’aanu, gandootaa fi mooraa baqattootaa keessatti hojjetamaa jira. UNICEF tumsa mootummaa Itoophiyaa fi gargaarsa maallaqaa mootummaa Saa’udii Arabiyaarraa argameen duula namoota beela’an kanneen gargaaruu deeggaraa jira.
Daa’ima ji’a saddeetii kan taate Lattuu Dooyyoo kan hir’ina nyaataa hammaataatiin hubamte buufata fayyaa Dubuluq jedhamu kan naannoo Oromiyaa godina Booranaatti argamu keessatti wal’aanamaa jirti.
Lattuun gara buufata fayyaa kanaatti kan ergamte erga si’a duraatiif duula “barbaaduu fi wal’aanuu” jedhu kan UNICEFiin gargaaramuun mooraa baqattootaa Dubuluq keessatti talaalamtee boodadha. Akkuma haadholii biroo sababa hongeetiin buqqa’anii haati Lattuu kan Galmoo jedhamtu daa’imtishee lubbuun ni jiraatti jette hin yaanne ture.
Haata’u malee, Lattuun hordoffii lammaffaatiif deebitee dhuftee jirti. Ammas miidhaa irra gahee dandamachuuf yaalii taasisaa kan jirtu yoo ta’u jijjiiramni jiru kan abdii namati horuudha. Erga ulfaatinaa fi mallattoolee biroo qoratanii booda, hojjattuun fayyaa Massalach Warquu jedhamtu nyaata torban tokkoof ta’u kan Lattuun akka dandamattu gargaaru Galmoodhaaf kennite. Lattuun torban tokko booda ammas qorannoodhaaf deebitee kan dhuftu ta’a.
“Hongeen anaa fi ijoollee kootti wanta hundaa ulfaataa taasiseera. Erga loowwan keenya dhabnee booda daa’ima koof nyaata dhiyeessuu dadhabeera. Rakkoon kuni akkamitti akka foyya’uus hin beeku. Wanta kana booda ta’uu Waaqa duwwaatu beeka”
Battaluma Lattuun dandamachaa jirtu kanatti daa’ima umrii waggaa tokkoo kan ta’e Saasii Fufaa jedhamu giddugala buufata fayyaa Dubuluqiitti hordofamaa jirti. Saasiin dhibee hir’ina midhaan nyaataatiin dhufuun alatti rakkoo fayyaa dabalataas qabdi.
Haatishee Qabballee Boruu akka hongeen jireenya itti ulfeesse dubbatteerti. “Hongeen anaa fi ijoollee kootti wanta hundaa ulfaataa taasiseera. Erga loowwan keenya dhabnee booda daa’ima koof nyaata dhiyeessuu dadhabeera. Rakkoon kuni akkamitti akka foyya’uus hin beeku. Wanta kana booda ta’uu Waaqa duwwaatu beeka” jette.
Fulbaanarraa kaasee namoonni gara mooraa buqqaatotaa Dubuluq dhufan dabalaa jira. Yeroo ammaa kana mooraan kuni buqqaatota 43,000 keessummeessaa kan jiru yoo ta’u isaan keessaa 7200 kan ta’an daa’imman waggaa shanii gadiiti.
Haadha daa’imman sadii kan taate Ruufoo Iyyaa, gara mooraa baqattootaa kanaa kan dhufte dhiyeenya kana erga loon jalaa dhumaniiti. Daa’imnishee duraa kan Ubsaa jedhamu kan dhibee hir’ina nayaataatiin qabame hojjattoota duula lubbuu baraaruutiin wal’aanamaa jira.
Hamma yoonaatti daa’imman 133,600 ol ta’an (ji’a 6-59) kan ta’an marsaalee lamaan duula “barbaaduu fi wal’aanutiin” kan ilaalaman yoo ta’u daa’imman dhibee hir’ina nyaataatiin hubaman wal’aanamaa jiru.