Oduu Daldala: Itoophiyaan gabaa tasgabbeessuuf zayitii doolaara miliyoona 70 baasu dhaabbata Jabuutii Goolden Afrikaa jedhamu irraa bitte

Finfinnee Amajjii 04, 2023 – Ministeerri Maallaqaa Itiyoophiyaa zayitii nyaataa ummataaf gatii madaalawaa ta’een dhiyeessuuf jecha zayitii nyaataa paalmii liitira 43,37,412 ol Dhaabbata Goolden Afrikaa jedhamu biyya Jabuutii irraa bituu beeksise.

Akka Ministeerri Maallaqaa jedhutti, Koorporeeshiniin Hojiilee Daldala Ityoophiyaa fi Intarpiraayiziin Misooma Galteewwan Industirii Ityoophiyaa waliigaltee bittaa Ministeera Maallaqaa waliin kan mallatteessan yoo ta’u, bittaan kun doolaara Ameerikaa 69,894,440 baasa.

Kaffaltiin bittaa zayitii kanaa waggaa tokko keessatti raawwatama. Xalayaa Ministeerri Maallaqaa Korporeeshinii Hojiilee Daldalaa Itiyoophiyaa fi Intarpiraayizii Misooma Galteewwan Industirii Itiyoophiyaaf erge irratti gatiin gurgurtaa zayitii fayyadamtoota magaalaa Finfinnee fi Finfinneen ala jiraniif ittiin gurguramu kaa’ameera.

Akkaataa kanaan gatiin gurgurtaa Finfinneetti abbaan liitira sadii birrii 314, abbaa liitira shaniif birrii 510 akkasumas abba liitira 20f ammoo birrii 2003 akka ta’u murtaa’e.

Finfinneen alatti, fageenya jiru ilaalcha keessa galchuun kaffaltiin tajaajila geejjibaa kuntaala tokkoof, kiilomeetira tokkotti saantima 60 akka ta’u kan hime ministeerichi kun, akkaataa qajeelfama Ministeerri Daldalaa fi wal-ta’iinsa naannoo baasuun naannooleef raabsuuf kallattiin kaa’ameera.

Bara 2019 dhaabbanni Goolden Afrikaa kan nama lammii Yaman Fu’aad Hayeel Sa’iid jedhamuun hoogganamu, Itoophiyaatti warshaa zayita nyaataa oomishu hundeessuuf karoorfatee kan ture ta’ullee hojiirra hin oolle.

Baankiin Giddugaleessaa Itiyoophiyaa gabaa biyya keessaa tasgabbeessuuf jecha baankonni maallaqa biyya alaa dhaabbilee galteewwan oomisha zayita nyaataaf oolan galchaniif dursa akka Kennan Mudde 01, 2021 qajeelfama baasee ture.

Haa ta’u malee, gatiin zayita nyaataa akka malee dabaluu itti fufee, bara darbe baatii Sadaasaa keessa zayitiin nyaataa abbaan liitira shanii torban tokko keessatti birrii 600 irraa ka’uun 1000 gale. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adanech Abeebee ibsa Amajjii 07 bara 2022 baasaniin daldaltoonni kuusaa fi daballii gatii madaalawaa hin taane irraa akka of qusatan akeekkachiisanii turan. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.