Oduu:Raayyaan Ittisa Biyyaa Kibba Oromiyaatti WBO dhabamsiisuun, gandoota to’annoo hidhattoota jala turan bilisa baasuun milkaa’aa jiraachu hime

Finfinnee, Amajjii 03/2023 – Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa garee hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo [mootummaan Shanee jedhe waamu] Kibba Oromiyaa keessa socho’an balleessuu fi naannicha tasgabbeessuun garee finciltoota kana irratti duula waraanaa milkaa’aa gaggeessaa jiraachuu beeksise.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ibsa Amajjii 03, 2023 fuula feesbuukii isaarratti baaseen, duula waraanaa WBO balleessuuf gaggeeffamaa jiruun, humnonni nageenyaa qindaa’an, Kibba Oromiyaa fi naannoo isaatti bobbaafaman gandoota torba waggootaaf to’annoo hidhattoota WBO jala turan bilisa baasuu ibseera.

Waxabajjii darbe, Raayyaan Ittisa Biyyaa Wallagga Lixaa fi iddoowwan biroo keessatti hidhattoota WBO irratti tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu qindaa’aa ta’e eegaluu isaa MM Abiy kan himan yoo ta’u, torbnoota dura Mootummaan naannoo Oromiyaa hidhattoota kana irratti “Tarkaanfii Olaantummaa Seeraa Qindaa’aa” fudhachuuf qophii irraa jiraachuu beeksisee ture.

Akka ibsi Raayyaa Ittisaa jedhutti, ajajaan olaanaa waraana RIB duula kana gaggeessaa jiru [maqaan isaa kan hin ibsamne], humnoonni waloo Kibba Oromiyaatti godinaalee Gujii Lixaa fi Gujii Bahaa, fi godina Booranaatti bobbaafame, garee finciltootaa guutummaatti dhabamsiisuu fi naannolee sanatti nagaa waaraa fiduuf ergama milkaa’aa irra jira jedhe.

Erga yeroo dhiyoo as waraanni humnoota mootummaa fi hidhattoota WBO jidduutti adeemaa jiru hammaachaa kan dhufe yoo ta’u, haleellaa qilleensarraa mootummaan raawwatuun namoonni nagaa ajjeefamuun komii kaasee ture.

Ibsi Raayyaa Ittisaa ammaa kun miidhaa sababa waraana kanaatiin lammiilee nagaarra gahaa jiru dhaabsisuuf, dhiibbaan mootummaan karaa nagaa waraanichaaf furmaataa akka kennu godhamu wayita dabalaa jirutti kan bahedha.

Muddee 05, miseensonni paarlaamaa miseensa paartii biyya bulchaa jiru ta’an xalayaa qabxii kudhan of keessaa qabu Ministira Muummee Abiy Ahimad fi hoggantoota olaanoo mana marichaaf naannoo Oromiyaatti nageenyi waaraa akka jiraatu gaafatan dhiyeessanii turan. Miseensonni paarlaamaa kunneen haala kanaan dura hin baramneen mootummaan waraana Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru dhaabuun, akkuma humnoota Tigraay waliin godhe, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin waliigaltee nagaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru jechuun miseensi paarlaamaa tokko BBC Afaan Oromootti himeera.

Xalayaa dhiyeessan kana hordofuun, miseensonni kunneen guyyaa Kibxata Muddee 27, 2022 aangawoota mootummaa federaalaa, Ajajoota tika biyyaaleessaa, Af-yaa’ii manneen maree lamaanii fi Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa waliin dhimma nageenya Oromiyaa irratti mari’ataniiru.

Dhimma marii gaggeeffame ilaalchisee yaadashee BBCf kan laatte miseensi paarlaamaa Beetel Malkaamuu, ”araarri Tigraayitti dhufe bifuma wal fakkaatuun hidhattoota Oromiyaa keessa socho’an waliinis akka gaggeeffamu gaafanne. Isaaniis dhimma araara kanaaf qophii taasisaa akka jiraniifi eeyyamamoo ta’u isaaniiti kan nuuf ibsan,’’ jette.

Haata’u malee adeemsa araara kanaa maal akka ta’uu fi haala kamiin akka gaggeeffamu ilaalchisee akka hin ibsaneef himte.

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaa Oromiyaa irraa filaman kunneen walitti bu’insiifi hookkarri Oromiyaa keessa xumura akka argatuf hunduu dhiibbaa akka uumu gaafatan. Ummanniifi jaarsoliin gara mootummaattis, gara hidhattootaattis ”waraanni nu gaha jedhee dhiibbaa uumuu qaba’’ jedhan.

Kanaan dura, mootummaan yeroo garagaraatti hidhattoota kanneen ”ajandaa siyaasaa hin qaban’’ jedheen waliin mariif akka hin teenye garuu ammoo kanneen meeshaa lafa kaa’anii dhufan akka simatu beeksisa. Hidhattoonni badiiwwan garagaraan himannaan irratti ka’u gama isaaniitin haal duree kaa’uun bakka qaamni sadaffaan jirutti akka mari’atan ibsaa turaniiru. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.