Oduu: Walitti bu’insa Oromiyaa keessa jiru karaa nagaan akka hiikamuuf waamichi dhiyaatus mootummaan “Tarkaanfii Olaantummaa Seeraa Qindaa’aa” eegaluufi

Hirmaattota Marii
Suuraa: OBN

Finfinnee, Mudde 22/2022- Mootummaan naannoo Oromiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) kan mootummaan shanee jedhee waamu irratti “Tarkaanfii Olaantummaa Seeraa Qindaa’aa” fudhachuuf qophii irraa jiraachuu beeksisee hawaasni hunmnoota nageenyaa wajjiin akka hiriiru gaafate.

Lixa  Oromiyaatti akkasumas naannichatti nageenya waaraa fiduuf mariin aanga’oota godinaalee, naannoo fi federaalaa waliin godina bunnoo Baddallee magaalaa Baddalleetti Mudde 21/2022 gaggeeffamuu OBN gabaase. 

Marii kana irratti Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Awwalu Abdii  “Tarkaanfii olaantummaa seeraa qinda’aa amma fudhatamuun nageenya waaraa argamsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa. Garicha qulqulleessuuf  iddoowwan shanee harka jiran bilisa baasuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama ” jedhan. 

Hirmaataan maqaan isaa hin eeramne tokko gama isaatiin “Hawaasni Iluu Abbaa Booraa keessumaa kan aanaa Daarimuu carraa mootummaan kenne kana fayyadamee garee kana loluuf qophiidha” jedhe

Kunis kan ta’e mootummaan walitti bu’insa naannicha keessa jiru karaa nagaan akka hiikuuf waamichi taasifamuu baay’achuu hordofeeti. 

Mudde 5 miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Oromiyaa irraa filataman muummicha ministiraa Abiy Ahimad fi gaageessitoota mana marichaaf xalayaa barreessaniin  mootummaan akkuma humnoota Tigraay waliin mar’iate Waraana Bilisummaa Oromoo wajjiin akka mari’atu gaafatan. 

“Oromoon nagaan dhabamuun rakkachaa jira. Ajjeechaa fi buqqa’insi itti fufee jira. Haalli hamaan ummata Oromoo muudate yeroo dheeraaf kan tureera, dhumas waan qabu hin fakkaatu.Nagaan Tigraay keessatti bu’e Oromiyaa keessattis bu’uu qaba. Ummannis nagaan jiraachuu danda’uu qabu.”jedha bakka bu’aan ummataa Buzaayyoo Dagafaa

Paartiin Kongireesii Federaalawaa Oromoo ibsa ajjeechaa Wallagga Bahaatti dhiyeenya kana raawwatame hordofee baaseen mootummaan gaag’ama Oromia keessa jiru karaa nagaa fi marii siyaasaan akka furu waamicha dhiyeesse. 

Naannoo Oromiyaa keessumaa lixa Oromiyaatti haalli nageenyaa hammaataa dhufeera jedha gabaasni UN dhiyeenya kana baase. AS

 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.