Oduu: Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti haleellaa hidhattoonni “Faannoo” gaggeessaniin namoonni hedduun ajjeefaman, ummanni Oromoo aanichaa hundi buqqa’e

Ummata Aanaa Kiiramuu irraa buqqa’e
Suuraa: Waajjira Kominikeeshinii Giddaa

Finfinnee, Mudde 3/2022 – Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Kiiramuutti haleellaa lama guyyoota muraasa giddu raawwatameen abbaa seeraa mana murtii aanaa Kiiramuu dabalatee lubbuun namoota hedduu darbe. Akka odeeffannoo Addis Standard jiraattota irraa argateetti haleellaawwan kunneen Sadaasa 25 fi 29, 2022 raawwataman. Haleellaa kanaafis hidhattoota Amaaraa “Faannoo” jedhaman himatan jiraattotni Addis Standard dubbise. Kana malees Waajjiirri Kominikeeshinii Aanaa Giddaa Ibsa kaleessa baaseen ummanni Oromoo aanaa Kiiramuu gandoota 19 irraa guutumaa gututtii buqqa’uun aanaa Giddaatti baqachuu ibseera

Maatiin isaa sababa haleellaa irra deddeebiin aanaa Kiiramuutti raawwatamaa tureen aanaa Kiiramuu irraa buqqa’anii aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti mana kireeffatanii akka jiraatanii fi ofii garuu hojiif bakka biraa akka jiraatu kan hime Dabalaa Fiqaaduu, haleellaa Jimaata darbe Sadaasa 25, 2022 raawwatameen obboleessi isaa, Kaappitaanoo Fiqaaduu, hojiif aanaa Kiiramuu keessa jiraatu ajjeefamu hime. 

“Obboleessi koo waajjira lafaa aanaa Kiiramuu keessa hojjata. Rakkoo nageenyaa aanicha keessa jiruun haati manaa isaa mucaa isaanii qabattee gara iddoo maatii ishee erga deemte booda qofaa jiraata ture. Akka odeeffannoo qabutti hidhattootni Faannoo jedhaman sun duraanuu meeshaa gurguddaa hidhatanii haleellaa raawwataa turan keessa muraasni isaanii Humna Addaa Oromiyaatin qabamanii hidhaman guyyaa Jimaata darbe gara Naqamteetti akka geeffaman odeeffannoo argatanii isaan hiiksiisna jechuun karaa irratti marsanii poolisii fi uummata nagaa irratti dhukaasa banan. Obboleessi koos haleellaa kana dheessuuf osoo baqachaa jiru ajjeefame. Ajjeefamuu fi achumatti awwaalamu isaallee guyyaa itti aanuutti bilbilame nutti himame,” jedhe.

Haleellaa guyyaa san (Sadaasa 25) raawwatameen Poolisii Oromiyaa dabalatee lubbuun namoota hedduu akka darbe himeera Dabalaan. “Isaan [kanneen haleellaa raawwatan] nama hin filatan. Poolisii qofa osoo hin taane uummatuma irratti dhukaasan. Obboleessa koo dabalatee namni baay’een lubbuu isaa oolfachuuf osoo baqachaa jiru ajjeefaman. Kanneen gara bosonaatti baqatanii fi manuma ofiitti dhokatanii lubbuu oolfatanis jiru. Lakkoofsa nama du’e sirritti beekuu baadhuus 50 akka caalan odeeffadheera,” jedhe.

Haleellaa walfakkaatuu guyyaa afur booda Sadaasa 29 aanaa Kiiramuu keessatti raawwatameen Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Kiiramuu kan ta’e Daamxoo Kaffaalee Gammadaa dabalatee lubbuun namoota dabalataa 20 ol darbuu jiraataan aanichaa kan biraa haleellaa sana dheessuun gara aanaa Giddaa Ayyaanaatti baqate Addis Standarditti himeera.

Jiraataan aanaa Kiiramuu maqaan isaa sababa nageenyaaf akka eeramu hin barbaanne kun hidhattootni guyyaa afur dura aanaa kana keessatti haleellaa raawwatan (Faannoo) “hidhattoota keenya hafan hiiksiisna” jechuun irra deebiin haleellaa raawwachuu hime. 

“Hidhattoota isaanii Poolisiin Oromiyaa hidhe ture keessaa muraasa torban darbe dhukaasa bananii hiiksisaniiru. Kibxata darbe ammoo warra hafan hiiksina jedhanii dhukaasa banuun nama baay’ee ajjeesan. Haleellaa torban darbe irratti namni baay’een manatti dhokachuun miliqu isaa odeeffannoo waan qabaniif isa ammaa irratti manaa manatti dhaquun dhukaasa nutti banan. Abbaa Seerichaa dabalatee namni baay’een manuma isaatti ajjeefame. Aniyyuu gargaarsa Waaqaatin baqadheen Giddaa Ayyaanaa seene. Erga as gahe booda hiriyyaan koo wajjiin guddadhe ajjeefamuu dhagahe,” jedhe. 

Dhimma ajjeechaa Abbaa Seeraa Daamxoo Kaffaalee Gammadaa ilaalchisee Manni Murtii Ol’aanaa Godina Wallagga Bahaa ibsa gaddaa fuula feesbuukii isaa irratti maxxaseen ajjeechichaaf hidhattoota Amaaraa ‘Faannoo’ jedhaman himateera.

“Kabajamoo obbo Daamxoo Kaffaalee Gammadaa Abbaan Seeraa MMA Kiiramuu mana jireenya isaaniitti garee faannoo jedhee of waamuun ajjeefame. Abbaa seeraa qofaa isaa ijoollee haati irraa boqotte guddisaa jirudha. Ijoolleenis qofaatti hafte. Hedduu gaddine.Nama fayyaalessa hojii isaan fakkeenyummaa qabudha…Dhiigni nama qulqulluu haa falmu!” jedha ibsichi.

Gama biraatiin Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhimma kana irratti ibsa baaseen ajjeechicha “balaa mudateen” jechuun bira darbeera. Dhimma ajjeechaa Abbaa Seeraa Daamxoo Kaffaalee Gammadaa ilaalchisee Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa irraa yaada dabalataa argachuuf yaalii Addis Standard taasise hin milkoofne. 

Haala nageenya yeroo ammaa kana aanaa Kiiramuu keessa argamu ilaalchisee kan gaafatame jiraataan aanichaa haleellaa dheessee aanaa Giddaa Ayyaanaatti argamu, haalli nageenyaa tasgabbii agarsiisaa akka jiru hima. “Humni nageenyaa mootummaa dabalataa seenaa akka jiru dhagaheera. Haalli jiru sodaachisaa ta’uus amma homtu hin jiru, tasgabbaa’aa kan jiru fakkaata.”

Bulchaan aanaa Kiiramuu Fiqaaduu Hundee dhimma kana irratti yaada akka laatu yaalii Addis Standard taasiseen bilbila erga kaase booda waan cufeef hin milkoofne. 

Haata’u malee waajjiirri Kominikeeshinii Aanaa Giddaa Ibsa kaleessa baaseen ummanni Oromoo aanaa Kiiramuu gandoota 19 guutumaa gututtii buqqa’uu aanaa Giddaatti baqachuu ibseera. Ibsichi “haleellaa waraanaa finxaaleyyiin Amaaraa ummata nagaa anaa Kiiramuu irratti raawwateen ummanni Oromoo aanichaa guutummaan guutuutti buqqa’ee jira.”jedha.

Dabaluunis “Aanaa Kiiramuutti  rakkoo nageenyaa humnoonni finxaaleyyii Amaaraa geessisaniin ummanni Sabaan Oromoo ta’ee gandoota Aanichaa 19 keessa jiraachaa ture yeroo ammaa guutummaan guutuutti buqqa’ee jira.”

Uummata Aanicha irraa buqqa’e keessaa harki caalaan gara Aanaa Giddaa Ayyaanaa Magaalaa Ayyaanaatti akka  baqate kan ibse wajjirri Kominikeeshinii Giddaa Ayyaanaa  Magaalaan Ayyaanaa yeroo ammaa Baay’ina ummataa humnaa ol ta’e keessummeessaa jirti jedhe.

Waajjiirri Kominikeeshinii Giddaa Ayyaanaa qaamni dhimmi ilaalu kamiyyuu furmaata hatattamaa akka kennuu fi garaagartummaa tokko malee qindoominaan gumaacha lammii isaa irraa eegamu akka taasisu waamicha dhiyeesseera.

Onkoloolessa 15, 2022 Aanaa Kiiramuu gandoota 4 keessatti haleellaa hidhattootni raawwataniin lubbuun namoota heddu darbuu fi manneen jireenyaa 50 ol gubachuu Sagaleen Ameerikaa (VOA) aanga’aa mootummaa aanichaa fi jiraattota irraa odeeffachuun gabaase ture. Bulchaan Aanaa Kiiramuu Fiqaaduu Hundee yeroos VOA Afaan Oromoof akka himeetti, haleellaa raawwatameen namootni 30 ajjeefamuu dubbate. Haleellaa kanaafis “finxaaleeyyiin maqaa saba Amaaraatin hundaa’anii gariin aanicha keessa jiraachaa turanii fi gariin ammoo godina Horroo Guduruu irraa dhufan” gaafatamaa taasiseera.

Waggoota sadan darban keessa godinaalee Wallaggaa arfan keessa sababa waraana hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (kan mootummaan Shanee jedhe waamu) fi humnoota mootummaa gidduu itti fufe jiruun tajaajilli telekominikeeshinii baay’inaan ugguramaa tureera. Sababa kanaanis haala xiyyeeffannoo miidiyaa irraa fagaateen jiraattotni naannichaa miidhaa guddaa keessa jiru. 

Erga yeroo dhiyoo as ammoo hidhattoota naannoo Amaaraa irraa dhufanii fi kanneen yeroo dheeraaf godina Wallagga Bahaa ganda Haroo jedhamtu keessa jiraachaa turan uummata nagaa irratti haleellaa raawwachuun jiraattoota fi aanga’ootaatin himatamu.

Ajjeechaa yeroo adda addaa godinaalee Wallaggaa kunneen keessatti uummata nagaa irratti raawwatamuuf mootummaan “hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa ‘Faannoo” fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) yoo himatu, WBOn ammoo ajjeechaa akka hin raawwanne fi inummaayyuu humnootni mootummaa harka keessa akka qaban himata. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.