Oduu: Naannoo Oromiyaatti Hongeen Bishaan Gogsee Jiraattota Abdii Kutachiise- UN

Buufata Buqqaatotaa Dubulluq
Suuraa: IOM

Finfinnee Mudde 5/2022 – Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti dhaabbanni Godaansaa Idil-Addunyaa (IOM) jiraattoonni Itoophiyaa keessumaa naannoo Oromiyaa miliyoonaan lakkaawaman rakkoolee hongee hammaataadhaan walqabatanii dhufan hedduuf  saaxilaman jedhe. Jiraattonni miliyoona 10 ol ta’an akka biyyaatti gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaa kan barbaadan ta’uu gabaasichi addeesseera.

Naannoolee Itoophiyaa hedduu keessumaa naannoon Oromiyaa hongee hammaataaf kan saaxilaman ta’uu gabaasni IOM ifa taasiseera. Akka gabaasichaatti, loowwan miliyoona 3.5 ol ta’an xumura 2021 hamma Caamsaa 2022 sababa hongeetiin dhumaniiru. Jireenya miliyoonotaas kan barbadaa’ee yoo ta’u namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman bishaan, lafa margaa fi gargaarsa hatattamaa barbaachaaf qe’eesanii gadi lakkisanii godaananiiru.

Hongeen kun waggoota 40 darban keessatti naannichatti kan hin mul’atanirra hammaataa ta’uu jiraattoota wabii gochuun IOM gabaaseera. Hongeen yeroo dheeraaf itti fufiinsaan mudate kuni qabeenya isaan horatan gutumatti kan barbadeesse waan ta’eef jiraattoota naannichaa abdii kutachiseera.

“Hongeen kuni qabeenya qabnu hunda guutuumaan guutuutti nu jalaa barbadeesseera. Loon, sangaa, harree, re’ee, hoolaa fi lafa qonnaa omtuu nuuf hin hafne,” jechuun jiraattuun godina Booranaa umrii 78 Xummeen IOMtti himte. “Gara waggoota saddeettamaa jiraadhe. Jireenya koo keessatti waan hedduu argeera. Dur homaa hin sodaadhu ture; hongeen kun sana jijjiireera. Jireenya koo guutuu keessatti hongee hamaan ani arge kana – nama sodaachisa.” jette.

Burqaan bishaanii jiranis goganii waan jiraniif rakkina bishaanii hamaataadhaaf saaxilamaniiru. IOM buqqaatota naannichaa kan kaampii Dubulluq godina Boorana keessati argamu fi kanneen biroo saddeetiif bishaan qulqulluu guyyaa guyyaan dhiyeessaa kan jiru ta’us hamma barbaadamutti tamsaasuun hin danda’amne.

Xummeen “Duraan iddoo buufata buqqaatotaa kana irraa baay’ee hin fagaanne keessa jiraanna turre. Dureeyyii miti taʼus, jireenya mijataa jiraachuu akka dandeenyuuf cimnee hojjenna. Harroota bishaan fiduuf nu gargaaran qabna turre. Amma, maddi bishaanii gogee harreen keenya hundi du’aniiru – lubbuun jiraachuu yoo barbaanne godaanuu malee filannoo biraa akka hin qabne beekna turre,” jetti.

“Konkolaataan IOM Buqqaatota kaampii adda addaa  jiran kanaaf bishaan dhiyeessaa kan jiru ta’us furmaanni itti fufiinsa hojiin naannicha deebisanii misoomsuu fi dhiyeessa bishaanii dhaabbataa ijaaruun  barbaachisaadha,” jette IOMtti qindeessituu gargaarsa hatattamaa fi gaaga’ama boodaa EsterRuiz de Azu’aa. 

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.