Oduu: Haleellaa Wallagga Bahaatti raawwate hordofee, dallansuu hawaasaa uumame, hiriirri mormii gaggeeffame; ABOn ummanni Oromoo karaa danda’uun akka of baraaru waamicha taasise

Finfinnee, Mudde 6/2022-Haleellaa tibbana Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu fi Giddaa Ayyaanaa keessatti raawwatame, kan jiraattonni hidhattoota Faannoo naannoo ollaa Amaaraa irraa dhufan haleellicha raawwachuun ittiin himatan lubbuu namoota heddu dhabamsiisuun kumaatama qe’ee irraa buqqiseera.

Ajjeechaawwan kunneen Oromoota biratti dheekkamsa ummataa kan uuman yoo ta’u, aktivistoota fi fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa mufannaa isaanii miidiyaa hawaasaa irratti ibsaa jiru. Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi yuunivarsiitiiwwan adda addaa keessa jiranis haleellaa irra deddeebiin Oromoo irratti raawwatamaa jiru balaaleffachuun mormii isaanii dhageessisaniiru.

Waajjirri kominikeeshinii mootummaa aanaa Gidaa Ayyaanaa ibsa Muddee 02 baaseen, haleellaa “hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa” raawwataniin dhalattoota Oromoo guutuu gandoota baadiyyaa aanaa Kiiramuu 19 keessa jiraatan qe’ee isaanii irraa buqqiseera jedhe.

Haleellaawwan walitti aanan lama Sadaasa 25 fi 29, 2022 raawwatamaniin, Abbaa Murtii Mana Murtii Aanaa Kiiramuu Daamxoo Kaffaaloo Gammadaa dabalatee namoonni nagaa hedduu ajjeefamuu Addis Standard gabaase ture. Jiraattonni Addis Standard dubbise haleellaa kanaaf hidhattoota Amaaraa “Faannoo” jedhaman himataniiru.

Dheekkamsa ka’aa ture  irratti suur-sagaleen “hidhattootni Faannoo” mataa namoota lama irraa murame uleen qabatanii agarsiisu fi suuraawwan reeffawwan gubachaa jiran agarsiisan miidiyaa hawaasaa irraa qoodamaa ture ummata daran mufachiisera. 

Barsiisaan mana barumsaa Waaqoo Guutuu magaalaa Finfinnee keessatti argamu, har’a ganama barattoonni haleellaa hidhattootni Faannoo uummata Oromoo irratti geessisaa jiranii fi haleellaa diroonii mootummaan raawwachaa jiru mormuun hiriira bahuu Addis Standarditti himeera. Barattoonni kunneen mormii isaanii erga dhageessifatan booda adeemsa baruu fi barsiisuu osoo hin raawwatamiin gara mana isaaniitti deebi’an. Barsiisaan kun mormii kana bittinsuuf humnoonni nageenyaa waan argamaniif nageenya barattootaaf yaaddoo qabu ibseera.

Kana malees, barattootni Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa Kibxata ganama hiriira mormii gaggeessuu isaanii fi hiriirichi poolisiin bittinaa’uu Addis Standard mirkanesseera.

Barataan Yuunivarsiitii Meetroopolitaanii Kotobee kan magaalaa Finfinnee keessatti argamu, sababoota garaa garaan mormii dhageessisu akka hin dandeenye, garuu mormii isaanii agarsiisuuf uffata gurraacha uffachuu isaanii fi nyaata lagachuu isaanii Addis Standarditti himeera.

Barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Miizaan Teeppiittis hiriira mormii gaggeessanii humna nageenyaan bittimfamee dheekkamsa isaanii ibsachuuf lagannaa nyaataa taasisaniiru.

Hiriirri mormii Yuunivarsiitii Finfinnee, Dire Dawaa, Amboo fi Mattu keessatti taasifamuun gabaafamaa jira. Akkasumas barattootni sadarkaa adda addaa Naqamtee, Baalee, Amboo fi Gudar hiriirri nagaa taasifameera.

Paartiin Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa Kibxata baaseen, mootummaan “hidhattoota Faannoo” leenjisee hidhachiise jechuun himate, ummanni Oromoo haleellaa kana akka ofirraa ittisu waamicha dhiyeesse.

“Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi yunivarsiitiiwwan, barsiisonni sadarkaa hundatti argaman, qonnaan bultoonni baadiyyaa, fi Qeerroon ofirraa ittisuu qabu” jedha ibsichi.

Mootummaan naannoo Oromiyaas ta’ee mootummaan federaalaa haleellaa Wallagga Bahaa keessatti raawwatamee fi mormii isa hordofee godinaalee adda addaatti deemaa jiru ilaalchisee yaada hin kennine. Addis Standard qondaaltota kominikeeshinii naannoo Oromiyaa fi mootummaa Federaalaa irraa yaada argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne. AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.