Finfinnee, Muddee 07/2022 – Waldaan Haakimoota Oromiyaa (OPA), qaamoleen mootummaa fi miti mootummaa, qooda fudhattoonni fayyaa namoomaa idil-addunyaa fi biyyoolessaa eegumsa fayyaa fi gargaarsa namoomaa naannoo Oromiyaa rakkoo guddaa keessa jiru salphisuuf iddoowwan Oromiyaa waraanaan miidhamaniif xiyyeeffannoo barbaachisu akka kennan waamicha dhiyeesse.
Akkaataa xalayaa banaa waldichi qooda fudhattoota fayyaa idil-addunyaa fi biyyoolessaatiif barreesseen, waraanni yeroo ammaa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessattuu, godinaalee Wallaggaa fi Shawaa keessatti adeemsifamaa jiru, xiyyeeffannoo osoo hin argatin guyyaa guyyaan hammaachaa fi walxaxiinsa guddaatti tarkaanfachaa jira. Dhabamuu fedhii bu’uuraa fi tajaajila eegumsa fayyaa sababoota danqaalee qaqqabummaa fi rakkoo nageenyaan hamaachaa jira. Namoonni baay’een qe’ee isaanirraa baqatanii bakka jireenyaa gaaddisa eegumsa hin qabne keessatti waan baay’ataniif lakkoofsi buqqaatota baay’ee dabalaa jira.
Waldichi naannoolee kaaba Itoophiyaa waraanaan miidhamanitti deeggarsa gochuu keessatti tattaaffii taasifamaa jiru dinqisiifachuun, rakkoolee Oromiyaa keessatti mul’atan salphisuuf tattaaffii walfakkaataa akka jalqabamuuf dhaabbilee biyyaalessaa fi idil-addunyaa gaafachuus hanga ammaatti qooda fudhattoota baay’ee irraa deebii argachuu dhabuu isaatiin gadda itti dhaga’ame ibseera.
“Hirmaannaa naannolee waraanaan miidhaman kutaalee biyyattii biroo keessatti godhamaa jiru galateeffamuu qabaatus, deebii dhaabbilee fayyaa idil addunyaa naannoo Oromiyaa keessatti iddoowwan walitti bu’iinsaan miidhamanitti kennamu xiyyeeffannoo rakkoo guddaa kanaaf malu gadi.”
Rakkoolee akka hanqina qoricha atattamaa, meeshaalee yaalaa bu’uuraa, hanqina dhiyeessii walitti fufiinsa qabu, hanqina tajaajila fayyaa (keessattuu ogeeyyii eegumsa fayyaa addaa) dabalataan, nageenyi fi tasgabbii dhabuun naannolee kanneenitti mul’atu tajaajilli fayyaa iddoowwan sana akka hin dhaqqabne gufachiisuun da’umsa mana keessaa akka baay’atuu fi taateewwan fayyaa haadholii gaddisiisaa akka uumaman taasisuu xalayichi dabalee ibseera.
“Hojjettoonni eegumsa fayyaas qaamolee waraana keessa jiraniin doorsifamaa, hidhamaa, hiraarfamaa, sodaachifamaa fi yeroo tokko tokko haleellaa irra ga’aa kan jiran yoo ta’u, hojjettoonni hedduun bakka hojii nageenya qabu barbaaduuf bakka waldhabdee jiru gadhiisanii ba’u.”
Naannoon Oromiyaa rakkoolee walxaxaa fedhii gargaarsa namoomaa walitti fufiinsaan oofaa jiraniin keessummeessaa jira. Waraanni lixa Oromiyaa keessattuu Wallaggaatti lammiilee nagaa buqqisuu, akkasumas jireenyaa fi bu’uuraalee misoomaa barbadeessuu itti fufee jira jedha gabaasni haaraa Waajjira Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNOCHA) baase.
Gabaasni haaraa bahe akka mul’isutti lakkoofsi buqqa’iinsaa haaraan hanga ammaatti hanqina qaqqabummaatiin kan hin mirkanoofne ta’uus, garuu baay’ina buqqaatota naannoo sanatti jiran irratti daballii guddaa fida jedhamee eegama. Aanga’oonni godinaalee, godina Wallagga Lixaa keessatti buqqaatonni kuma 106 ol fi Horoo Guduruu Wallaggaatti qofa buqqaatonni kuma 116 ol akka jiran mirkaneessaniiru.
Mootummaan naannichaa bakkeewwan buqqaatota dabalataa hundeessuun lakkoofsa buqqaatota dabalaa jiru keessummeessuuf hojjechaa jira. Fedhiin tattaaffii deebii kennuu caala. Fakkeenyaaf, godina Wallagga Lixaa keessatti maatii gargaarsa isaan barbaachisu 19,000tti siqan keessaa maatii 1,100, akkasumas godina Wallagga Bahaa keessatti maatiiwwan gargaarsa isaan barbaachisu 30,000 ta’an keessaa 9,337 qofatu hanga ammaatti deeggarsa dahoo fi meeshaalee nyaataan ala ta’an argatan. Haaluma wal fakkaatuun waraanni godinaalee Gujii fi Gujii Lixaatti jiru qaqqabummaa gargaarsaa gufachiisaa jira.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gabaasa Sadaasa 11 baaseen, sababa rakkoon nageenyaa bara 2019 irraa eegalee lixaa fi kibba Oromiyaa keessatti mul’ateef rakkoon gargaarsa namoomaa yeroodhaa gara yerootti hammaataa dhufeera jedhe. “Sababni guddaan walitti bu’iinsa hidhattoota waliin uumamuudha.” Akka ibsichi jedhutti, lixa Oromiyaa, bakka Oromiyaan naannoolee Amaaraa fi Beenishaangul Gumuz waliin wal daangessitu keessatti buqqaatonni biyya keessaa kuma 740tti tilmaamaman argamu.
Rakkoon nageenyaa uumame kun geejjiba fi raabsaa gargaarsa namoomaa naannolee sana keessatti ummataaf akka daangeesse ibsichi ibseera. Hojjettoonni gargaarsaas godina Wallagga Bahaa fi Lixaa keessatti sababa uggura sochiitiin buqqaatotaaf gargaarsa raabsuu hin dandeenye. “Konkolaattota fi meeshaaleen danqamaniiru, hojjettoonni gargaarsaa hidhaa fi doorsisa isaan mudateera,” jedha ibsichi.
Gabaasni haaraa UN baase dabalataan akka ibsutti, hanqinni nyaataa Oromiyaa keessattis, keessumaa naannoolee hongeen miidhaman keessatti yaaddoo guddaa ta’uu ibseera. Akka qorannoo dhiheenya kana gaggeeffameetti daa’imman 563,000 ol qorataman keessaa dhibbeentaan 1.96 hanqina nyaataa cimaa kan qaban yoo ta’u, dhibbeentaan 18 ammoo hanqina nyaataa giddu galeessaa kan qaban ta’uu ibsameera. Hanqinni dhiyeessii soorataa fi aanaalee hongeen miidhaman hedduu keessatti dhaabbilee gargaarsaa argamu dhabu isaanii qormaata ta’ee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) bara 2018 irraa eegalee Oromiyaa keessatti humna federaalaa irratti duula waraanaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, mootummaan Itoophiyaas garee finciltoota kana irratti tarkaanfii haleellaa fudhachaa tureera. Akkasumas yeroo dhiyoo asitti hidhattoonni naannoo Amaaraa irraa dhufanii fi kanneen yeroo dheeraaf godina Wallagga Bahaa ganda Haroo keessa jiraachaa turan, “Faannoo”, namoota nagaa irratti haleellaa raawwachuun himatamu.
Haleellaan qilleensarraa humnootni mootummaa Sadaasa 9 gaggeessan godina Wallagga Lixaa magaalaa Mandii keessatti namoota hedduu ajjeeseera. Guyyoota sadii dura waldhabdee loltoota WBO fi humnoota mootummaa gidduutti magaalaa guddoo godina Wallagga Bahaa, Naqamtee keessatti uumameen namoonni nagaa ajjeefamuu Addis Standard gabaasee ture.
Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Kiiramuutti haleellaa lama hidhattootni Amaaraa “Faannoo” jedhaman Sadaasa 25 fi 29, 2022 raawwataniin abbaa murtii Mana Murtii Aanaa Kiiramuu, Daamxoo Kaffaaloo Gammadaa dabalatee lubbuun namoota hedduu darbeera. AS