Xiinxala: Abbootiin Gadaa Karrayyuu Erga Ajjeefamanii Waggaa Guutus Hawaasni Karrayyuu Haqas, Nagaas Hin Arganne

Finfinnee, Mudde 7/2022- Sadaasa 30/2021 tuutni Gadaa Michillee bakka Mootoma jedhamu, kan Haroo Qarsaa irraa kilomeetira 60 fagaattutti,Jila Waaqa Kadhannaa gaggessuuf walitti qabame irraa humnoota mootummaatiin qabaman. Miseensota tuuta gadaa qabaman keessa 14 Mudde 1/2021 haala sukkanneessaan ajjeefaman. Kanneen hafan hidhaa keessatti erga hiraarfamanii booda miseensi tuuta gadaa tokko hidhaa keessatti du’uu Gamtaan Abbootii beeksisee ture. Gochaan kuni erga ta’ee waggaa tokko ta’e. Addis Standard waggaa kana keessa hawaasa karrayyuu irra maaltu gahe akkasumas haqni Abbootii Gadaa bahee kan jedhu ilaala. 

Mootummaan naannoo Oromiyaa jalqaba irratti humnoota hidhatan kan shanee jedhee waamutu ajjeese jedhus boodarra aanga’oonni mootummaa ajjeechaa kana kan raawwate humnoota mootummaa ta’uu ibsan.  Miseensi mana maree bakka bu’oota uummataa  Hangaasaa Ibirahim ajjechaa Abbootii Gadaa keessaa Komishiinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa, Araarsa Mardaasaatu harka keessaa qaba jedhe. Ministir Deetaan Ministeera Nagaa Taayyee Danda’aa gama isaatiin ajjeechaa Abbootii Gadaa keessaa humnootni mootummaa harka qabaachuu amane. Gorsitoota mootummaa naannoo Oromiyaa ajjeechaa Abbootii Gadaatiif itti gaafatamtoota gochuun katabe.

Komishinin mirgoota namoomaa Itoophiyaa qorannoo erga gaggeesse booda ajjeechaan miseensota hoggantoota Gadaa 14 “ajjeechaa seeraan alaa” humnoota nageenyaatiin raawwatamu ta’uu isaa “sababa gahaa ta’een ni amana” jechuun gabaase. Kana malees Miseensonni humna nageenyaa ajjeechaa raawwatanis seeratti akka dhiyaatan, miidhamtootaa fi maatiin miidhamtootaaf beenyaan akka kaffalamu dhaamee ture. 

Hawaasni Karrayyuu erga abbootiin gadaa Ajjeefamanii booda teessoon Tuuta Gadaa Michillee fi araddaawwan biroon aanicha keessa jiran ajjeechaa Abbootii Gadaa booda hidhattoota Amaaraatiin qabamuu Addis Standard gabaasee ture. Jiraattootni hidhattootni Amaaraa kun ammas uummata buqqisaa fi lafa qabachaa jiraachuu dubbatu. Dhibbaan daangaa fi qubannaan hidhattoota Amaaraa erga Abbootiin Gadaa ajjeefamanii booda garuu baay’ee saffissaa jiras jedhu. 

Miseensi hawaasa Karrayyuu Addis Standard dubbise ummanni erga ajjeechaa abbootii gadaatii nagaas haqas hin argannee jedha. “Barbaachi dhugaa dhumaatii abbootii gadaa hin milkoofne. Ajjeechaan kun beekamtii aanga’oota mootummaa fi mootummaan waan gaggeeffameef dhugaa kan ukkaamsuuf akkuma jalqaba irratti “shaneetu” jechuun haalan ammas haqa sana awwaluuf hojjaachaa jiru.” jedha. Haata’u malee mootummaan haqa kana dhoksuu hin dandeenyes jedha. 

Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Goobanaa Hoolaa “ Kan ajjeefame yaa’a abbootii gadaa dullachaati. Taate sanatti ummanni Oromoo baay’ee itti gadde. Mootummaa kamuu keessa abbootiin gadaa hala sanaan reebamee qaama bulchuun ajjeefamee hin beeku. Ajjechaan abbootii gadaa kun kan baay’ee nu gaddisisee fi yaaddoo keessa nu galche ture.Gabaasawwan adda addaa cinaatti dhiisuun Gamtaan Abbootii Gadaa abbootii gadaa karrayyuu kan ajjeese mootummaadha jechuun ifatti dubbatee jira.”jechuun haala ture ibsan. 

Gamtaan Abbootii Gadaa  Erga mootummaan ajjeesuun dubbatamee jilli Gamtaa Abbootii Gadaatiin duramu tokko gara waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaa jilli biraa ammoo gara waajjira muummicha ministeeraa imalee jiras jedhan.

Abbaa Gadaa Gobanaan “Waajjirri Pirezidaantii naannoo Oromiyaa jarri kun[Abbootiin Gadaa Karrayyuu ] dogoggoraan ajjeefamuu amanee fudhate. Namni hojjatu dogoggora hin oolu. Yeroo sana naannoo Karrayyuutti Komaandi Poostitu ture. Abbootiin Gadaa Karrayyuu ammoo jila irra osoo jiranuu qabamanii eenyummaa isaanii osoo himatanuu dogoggoraan dhuman.” jedhan.

Haata’u malee Obboleessi Abbaa Bokkuu ajjeefamee Gadaa Hawaas, “Abbootiin Gadaa dogoggoraan osoo hin taane itti yaadamee ajjeefaman, duraa dubaan gadaa keessatti ga’ee isaanii adda baasinii ajjeesan” jedha. Kunis ajjechaan ummata karrayyu irra gahaa jiruu akkasumas ajjeechaa fi hidhaan  dhiyeenya kana miseensota gadaa michillee irratti raawwate ragaadha jedhe. “Tarkaanfiin akkanaa kan fudhatamaa jiru Karrayyuu  fi Sirna Gadaa isaa balleessudhaafi. Ummanni Karrayyuus kana hubatee jira amma.” jedhe. 

Adeemsi haqa barbaadu fi gumaa baasu akka aadaa Oromootti gaggeefamee jedhu Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa “Mootummaan erga amanee booda gamtaan abbootii gadaa abbootii gadaa Karrayyuu waliin kora tokkoo lama erga godhatee booda warri dhugaan keenya, miidhaan keenya Karrayyuu karaa duudhaa Oromootiin nuuf  haa bahu jedhan. Kanaaf akkaataa seera gadaa Karrayyuutiin gumaan akka bahu taasifame. Namoota du’an mata mataan qarshii miliyoonni 1.4 kaffalamee jira. Kanaafuu gumaan karrayyuu haala gaariin kaffalameefi.”

Garuu adeemsi kun akka miseensi Hawaasa karrayyuu fi Gadaa Hawaas jedhanitti ulaagaa kan eeggatii fi miira hawaasa miidhamee kan eegne irra caalaa haqa kan ukkaamsuuf yaale jedhu. 

Miseensi  Hawaasa karrayyuu “namni firri jalaa ajjeefame gadda isaa akka ba’atuuf qaamni ajjeese gumaa baasee seeratti dhiyaachuu qaba. Ajjeechaa abbootii gadaa irratti garuu kuni hin taane jedha. Adeemsi gumaa baasuu Abbootii Gadaa godinalee birootiin taasifame kan hanga waajjira muummicha ministeeratti gahe hundi irraa dibaa ture. Kaan sodaachisuun kaan faayidaa yerootin qabanii haqni Abbootii Gadaa Karrayyuu akka maquuf hedduu hojjatamee” jedha.

Dabaluunis “Adeemsi gumaa baasuu karaa Abbootii Gadaa godinaalee biroon taasifame kun kan seera Gadaa guute fi dhugaa baase osoo hin taane namoota muraasaf karaa seera gadaatiin ala maallaqa kennuu ture. Kana boodas namootni maallaqa fudhatan miidiyaatti bahanii araaramne gumaanis bahe jedhanii akka dubbatantu yaalamaa ture. Garuu namoonni kunneen namootni ajjeechaa keessaa harka qaban seeratti osoo hin dhiyaatin, hawaasni Oromoo marti osoo quba hin qabaatin waanti dhoksaan raawwatamu hin jiru jechuun didan.” jedhe.

Gadaa Hawaas Boruu, gamtaan Abbootii Gadaa gara mootummaa gore jechuun himata. “Karrayyuun akkataa harka itti wal qulqulleessu fi gumaa itti baasu qaba. Ulaagaa sanaan deemuuf carraan hin argamne. Isaan [Gamtaan Abbootii Gadaa] kan barbaadan qarshii kaffalanii hawaasni akka hin dubbanne gochuu ture. Sirna araara keessa warri gadaa keessa hin turre. ”

Dabaluunis “Qarshiin kaffalame jira garuu suni seera gumaa hin guutu. Adeemsi itti murtaa’es sirrii miti, haalli itti kennames sirrii miti. Akka maatii abbaa gadaatti gumaan akka hin ba’iniitti beekna. Akka namni gaddi itti gale bayyanatuuf waanti uumame amanamee dhiifamni gaafatamuu qaba ture. Kuni hin taane.” jedha. 

Erga yaaliin mootummaan dhugaa ajjeechaa abbootii gadaa maqsuu fashalaa’e booda mootummaan ummata karrayyuu waliin haaloo keessa seene jedha miseensi hawaasa Karrayyuu. “Ajjeechaan booda ummata karrayyuun waldaangessu hunda hawaasa karrayyuu waliin akka walitti bu’u kakaasa fi hojjachaa ture. Kunis ummanni karrayyuu tasgabbaa’ee akka hin jiraannee taasisan.”

Qaama Karrayyuu Hawaasa Ollaa waliin walitti buusu ifatti eeruu baatanis Abbaan Gadaa Goobanaa Hoolaa tasgabbii dhabuu hawaasa karrayyuu dubbataniiru. “Hawaasni Karrayyuu tokkoyyuu nagaa argatee hin beeku. Bara mootummoota kamiiyyuu nagaa argatee hin beeku. Haalli teechuma lafa, argamni akkasumas daandiin Jibuutii geessu achiin waan darbuuf namni naannoo sana too’ate akka salphatti waan barbaadu gochuu waan danda’uuf miidhaan karrayyuu irratti ni hammaate.”

Abbaa Gadaa Goobanaan yaalii Karrayuu hawaasa ollaan walitti buusu taasifamu “Bu’aa  siyaasaaf darbee darbee karrayyuu ummata Oromoo ollaa wajjiin walitti buusuuf yaaliin ni taasifama. Kana malees qaama mootummaan walitti buusunis akkasuma. Kanaaf hawaasni karrayyuu jireenya tasgabbaa’aa har’as jiraachuu hin dandeenye.” jechuun ibsan. 

Walumaagalatti hawaasni Karrayyuu rakkoo hamaa keessa jiraachuu kan eere miseensi hawaasa Karrayyuu,“Haalli ummanni karrayyuu keessa jiru ulfaatadha. Erga abbootiin gadaa ajjeefamanii booda dhumaatii hedduutu ummata karrayyuu irra gahaa jira. Dhumaatiin hedduu gahaa waan jiruuf ummanni nama du’ee fi jiru wallaalaa jira. Kan lubbuun jirus jireenya tasgabbii hin qabne keessa waan jiru hammeenya rakkoo hawaasni kun keessa jiruu ibsuun ni ulfaata.”jedha.

Dabaluunis “Ummanni karrayyuu karaa lama dararamaa jira waraanni mootummaa ummata keessa bobba’e ni hiraarsa. Alaan immoo karaa daangaas akkasuma dhumaatii guddaatu irra gahaa jira. Gidduu kanatti hawaasni karrayyuu dhumaati fi gaaga’ama hamaa keessa jira.”

Qe’een tuuta Abbootii Gadaa hanga ammaatti hidhattota Amaaraan qabamee akka jiru, Miseensi Hawaasa Karrayyuu, Abbaa Gadaa Goobanaa fi Gadaa Hawaas Addis Standardiif mirkaneessanii jiru. AS


No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.