Xiinxala: Aanga’ootni Mootummaa Abbootiin Gadaa Karrayyuu Humnoota Mootummaan Ajjeefamuu Amananis Haqni Hin Mul’anne

Siyaannee Mokonnon tiin

Finfinnee, Amajjii 17/2022- Jila Gadaa Karrayyuu, ajjeechaa Tuuta Gadaa Karrayyuu booda achi buuteen isaanii dhabame keessaa namootni ja’a Mudde 30/2021 gadi lakkifaman. Miseensi Tuuta Gadaa Michillee Mudde 1/2021 Karraa jila irraatti waan uumamee fi turtii mana hidhaa yeroo jalqabaaf Addis Stadarditti  hime. 

“Yeroo Poolisiin Oromiyaa nu bira gahee nu marsu, nuti hin shakkine. Qaamota  mootummaa waliin walitti dhufeenya gaarii qabna.” jedha miseensi Gadaa Michillee sodaa nageenya isaatiif maqaa isaa hin ibsamne. Miseensi kun “Ibsa gahaa osoo nuuf hin laatin mana keenya sakatta’a, saaman akkasumas  meeshaa waraanaa fi Aadaa fudhatan.” jedha. 

Itti aansuun waan uumame, “Soddomii Salgan keenya walitti qabanii konkolaatatti nu fe’an. Waan nu miidhan nutti hin fakkaanne ture. Xinnoo turanii miseensa keenya ajjeestan jedhanii nu doorsisuu eegalan. Waanti isaan dubbatan nuuf hin galle. Naannoo keenya walitti bu’insi hin turre. Nu sodaachisaa turan. Sa’aati muraasa booda ni duutu nuun jechaa turan. Du’uu keessan dura maallaqa nuuf kennaa jedhaniis nu gaafatan.” jechuun ibse.

Konkolaatadhaan erga qe’ee irraa fageessanii booda namoota Haroo Qarsaa irraa dhufan adda baasuun namoota 16 garaadhan ciibsanii itti dhukaasan jedha  miseensi tuuta Gadaa Michillee hidhaa irraa hiikame. Haala tures akkas jechuun yaadata “Warrii kaan yeroo namoota ajjeesan warri hafan nu reebuu eegalan. Booda gara konkolaata humnaan nu deebisan.” itti dabaluunis “Reenfi isaanii bineensaan nyaatamuu isaa yoon dhagahu baay’een gadde.” jedhe. 

Ajjeechaa Abbootii Gadaa keessaa humnootni mootummaa harka qabaachuu miseentotni paartii biyya bulchuu dubbatan.Miseensi mana maree bakka bu’oota uummataa  Hangaasaa Ibirahim ajjechaa Abbootii Gadaa keessaa Komishiinarri Komishinii Poolisii Oromiyaa, Araarsa Mardaasaatu harka keessaa qaba jedhe. Ministir Deetaan Ministeera Nagaa Taayyee Danda’aa gama isaatiin ajjeechaa Abbootii Gadaa keessaa humnootni mootummaa harka qabaachuu amane. Gorsitoota mootummaa naannoo Oromiyaa ajjeechaa Abbootii Gadaatiif itti gaafatamtoota gochuun katabe. Yaaliin Addis Standard aanga’oota lamaan dubbisuuf godhe hin milkoofne.

Dubbiin Hangaasaa ragaa  miseensi tuuta Gadaa Michillee Addis Standardiif kenne mirkaneesse. Reebamuun Abboootii Gadaas dhugaa ta’uu agarsiise.  Ibsa mootummaan naannoo Oromiyaa kenne fallessuun Abbootiin Gadaa gara jabeenyaan maaliif ajjeefamu jedhuun dubbate “Erga qabamee namni maaliif ajjeefama?  Hidhuun osoo danda’amuu, mana murtiitti dhiyeessuun osoo danda’amuu sababni ajjeefamu maaliif?” jedhe Viidiyoo Feesbookiidhaan tamsaaseen. 

Miseensi tuuta Gadaa Michillee kun erga namootni 16 ajjeefamanii booda mooraa leenjii Poolisii Addaa Oromiyaa Soogiddoo jedhamutti geeffamne jedha. Mooraa leenjii Poolisii keessatti kutaa nama lamaaf hin taane keessatti nama 23 ta’anii hidhamanii akka turan dubbata. “Mooraa Leenjii keessattis nu reebuu ittuma fufan. Amma of wallaallutti nu reebaa turan.” jedha. 

Jimaata Mudde 3/2021 namootni hidhaman iddoo biraatti geeffaman “Konkolaata fee’iinsaa irratti garaan nu ciibsan akka nuti bakka deemnu hin argineef. Yeroo naannoo Mojoo geenyu fuula keenya nu dhoksanii Konkolaata irraa nu buusan.”achitti maqaan isaanii galmaa’uu ni yaadata miseensi tuuta Gadaa Michillee. 

Waa’ee Jiloo Borayyuu Hawaas Roobii Mudde 8,2021 mana hidhaa keessatti du’e yoo dubbatu “Jiloo reebichaa fi beelatu ajjeese. Reenfa isaa guyyaa afuriif nu biraa hin baasne. Gargaarsaa iyyaa turre namni nu birmate hin jiru. Reenfa isaa erga jaarsoliin nu arganii nu biraa baasan. Erga Jiloon du’ee booda kan nyaata nuuf kennuu eegalan. Warri beelaan dadhabe wal’aansa fayyaa argate.” jedhe.

Erga aanga’ootni mootummaa humnootni mootummaa ajjeechaa Abbootii Gadaa keessaa harka qabachuu amananii boodaa Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhimma kana irratti ibsa akka kennaniif Komishiini Poolisii Oromiyaa fi Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiif xalayaa barreesse.  Xalayaan Addis Standardiin ilaalame Mudde 30/2021 barreeffame. Xalayichi bulchitootni naannoo sanaa iddoo abbootiin Gadaa itti ajjeefaman jiraachuu fi ajjeechaan kan raawwatee quunnamtii bilbillaa baay’ee booda ta’uu ibsa. Dabaluunis garee qorattootaa koomishiinichaa Miseensota Gadaa Michillee hidhamanii jiran daawwachuuf yaaliin taasise hin milkoofne jedhe Komishiinin Mirga Namoomaa Itoophiyaa. 

Namootni lama du’a irraa hafan akkatti miliquu danda’an akkas jechuun ibsa miseensi tuuta Gadaa Michillee “Lubbuun isaanii kan baraarame miseensotni poolisii beekaa bira dabarsanii waan dhukaasaniifi.” Miseensi mana maree bakka bu’oota uummataa Hangaasaan namootni lama ‘miliqanii ba’uun’ dhugaa baasan jedhe. Itti dabaluunis miseenstoni Poolisii hunda fixuu dadhabdan jedhamanii qeeqaman “Osoo nama 39 bakka tokkotti fixxanii jiraattanii, dubbiin Abbootii Gadaa mootummaatu ajjese jedhu kun nutti hin ka’u ture.” jedhe. 

Akkataa hidha irraa ittii bahan yoo ibsu “Ja’an keenya kadhaa jaarsoliitin nu hiikan. Warra hafan maaliif akka hambisan hin beeku.”  jedha. Kana malees koreen qorannoo qaama mootummaa olaanaa irraa ergamuu dubbate. 

Jaarraa (Maqaan Sababa Nagaatiif jijjiirame) jiraataa Aaanaa Fantaallee,  koreen gara aanichaatti ergamee ragaalee dubbisuuf yaalii godhee ture jechuun Addis Standarditti hime. Haa ta’u malee bulchiinsi  mootummaa aanichaa akka koreen kun aanaa Fantaallee hin seenne qamoota hidhatan irratti tarkaanfii fudhatamaa jira jechuun dhoorke. Jaarraan bulchiinsi achi jiru dhugaan akka hin baane gochaa jira,“Namoota miliqanii bahanii fi hidhaa irraa gadi lakkifaman barbaada jiru.”jedha. Bulchitootni sadarkaa gadii  jiran isaan barbaadaa jiraachuu fi sodaa akka qabu miseensi tuuta Gadaa Michillee ni dubbata.

Mana hidhaa irraa erga bahee haala jiru akkas jechuun ibse “Hidhattootni Amaaraa qe’ee keenya qubatanii arguun keenya baay’ee nu rifachiise. Nuti araddaa Doddooti jedhamutti baqanne. ” Kana malees  Dubartootni fi daa’imman hunduu Mudde 1/2021 booda baqatanii jiraachu hime. “Warri qubatan muka ciranii cilee oomishaa jiru. Kan isaan deeggaraa jiru Poolisii Federaalaa iddoo Qorkee jedhamu buufatee jiru.” jedhe.

Qubachuu hidhattoota Amaaraa jiraattootni Fantaallee biroon Addis Standardiif mirkaneessaniiru. Akka ragaaleen dubbatanitti teessoon Tuuta Gadaa Michillee fi araddaawwan biroon aanicha keessa jiran ajjeechaa Abbootii Gadaa booda hidhattoota Amaaraatiin qabaniiru. Jiraattootni hidhattootni Amaaraa kun ammas uummata buqqisaa fi lafa qabachaa jiraachuu dubbatu. 

Baalchaa (Maqaan Sababa Nagaatiif jijjiirame) “Humnootni Federaalaa margaa fi bishaan naannoo daangaa jiru irraa nu dhoowwan. Amaarri amma ganda Tuututi jedhamu keessa qubatanii jira.” Akka inni jedhutti waggoota sadan darban daangaa dhiibamaa ture. Erga Abbootiin Gadaa ajjeefamanii booda garuu baay’ee saffissaa jira. Lafti bal’aan oomisha cileetiin manca’aa jira akkasumas bishaan naannoo Gororaa jiru uummatni Karrayyuu hongee hamaa keessa jiru fayyadamuu hin danda’u. 

Jiraataan aanicha Abarraan (Maqaan Sababa Nagaatiif jijjiirame) du’a Abbootii Gadaatiin dura hidhattootni kunneen uummata  Karrayyu irratti dhukaasa bananii turanii jedha. Bulchiinsi aanichaa uummata Amaaraatiin ‘Shanee’ ofirraa dhoowwaa jechuun kakaasaa jiru kan jedhe Abarraan  “Nu meeshaa nu hiikkachiisanii waan ittiin ofirraa dhowwiinu nu dhabsiisan. Tarkaanfii fudhadhaa jenne yoo gaafannu ofirraa dhowwaa nuun jedhu.” jedha.

Bulchaan  (Maqaan Sababa Nagaatiif jijjiirame) gama isaatiin mootummaan meeshaa hiikkachiisu “Karrayyuu meeshaadhaan horii isaa bineensa irraa eeggatu shaneedha jedhanii tarkanfii irratti fudhatu. Nuti waan shanee jedhamu hin beeknu. Aanaa xiqqaa kana keessa qaama hin beekamne dhoksuun ulfaatadha.”

Roobaan loon Karrayyuu hidhattoota Amaaraatiin saamamaa jiraa jedha. Walitii bu’insa hidhattoota Amaaraa fi uummata Karrayyuu gidduutti uumameen namni sadi du’uu hime Robaan. Kana malees Gadaan Afur namoota qaamota hidhatanii socho’an wajjiin hidhata qaban balaaleffataniiru. 
 Namootni du’a jalaa fi hidhaadha bahan soda deebi’aanii hidhamuu akka qabanii fi Gumiin Abbootii Gadaa dhugaa akka baasu dubbatan. “Siyaasni fi Gadaan tokkoo miti. Uummatni  Oromoo fi Gumiin Abbootii Gadaa dhugaa akka baran barbaadna.”

Yaaliin Addis Standard Komishiini Poolisii Oromiyaa, Waajjira Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa akkasumas bulchiinsa aanaa Fantaallee dubbisuu taasise hin milkoofne.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.