Walitti Bu’insa Poolisii fi Hirmaattota Ayyaana Cuuphaa Gidduutti Uumameen Namootni Lama Du’an

Finfinnee, Amajjii 22/2022- Godina Addaa naannawa Finfinnee magaalaa Buraayyutti Poolisii fi hirmaattota Ayyaana cuuphaa gidduutti uumameen namootni lama du’anii hedduun madaa’aniiru.

Alaabaa magariisa, kelloo fi diimaa mallattoo mana amantaa of irraa qabu qabatanii gara magaalaa Buraayyuu seenuf yoo deeman hokkorri ka’e jedha ragaan ijaa DW Afaan Amaaraa dubbise. Akka ragaan kun jedhutti hokkorri kun yeroo Poolisiin rasaasa fi gaasii gara hirmaattotaatti dhukaasu hammaatee. Jaarsoliin akkasumas daa’imman dabalatee namootni baay’ee wal-dhibuun miidhaman.

Ragaaleen kan dhukaase Poolisii Magaalaa Buraayyuuti yoo jedhan gariin ammo namoota naannoo sanaatu hokkora kaase jedhu. Miseensi boodrii Miidiyaa mana amantichaa mootummaan dursee humnoota nageenyaa bobbaasu qaba ture jedhee komate. 

Itti gaafatamaan waajjira bulchiinsi fi nageenyaa magaalaa Buraayyuu gama isaatiini Poolisiin Magaalaa Finfinnee, Federaalaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa iddoo sanatti argamuun gargaarsa Poolisii Oromiyaa fi milishaa wajjiin tasgabbeessuuf yaalanii jiru jedha.

 Itti gaafatamaan kun waan uumame, “Dargaggoonni magaalaa Finfinnee irraa dhufan Alaabaa seeraan dhorkame qabatanii gara Buraayyu seenuu yaalan.” jechuun ibse. Akka itti gaafatamichi jedhutti dargaggoonni Finfinnee irraa dhufan Taabota dura deemuun dhagaa darbachuun jeequmsa eegalan. Dargaggoonni kunniin humnoota mootummaa irra humnaan meeshaa fudhachuu yaalan “Sana booda dhukaasni jalqabe. Eenyu akka dhukaase hin beeknu.”jedhe. Jiraattotni magaalaa Buraayyuu walitti bu’insi kun akka hin babal’an waan taasisaniif galata qabuu jedhe.

Itti dabaluunis “Lubbuun namaa darbuu isaatiin gaddinee jirra. Namoota kana godhanis seeratti ni dhiyeessina.” jedhe itti gaafatamaan waajjira bulchiinsi fi nageenyaa magaalaa Buraayyuu. Mootummaan Federaalaa gama isaatiin dhimma kana akka qoratu waadaa seene.AS

No comments

Sorry, the comment form is closed at this time.